Yaa darggagootaa Baradhaa

Farra wallaalummaa;
Balbala qaroominaa;
Humna tokkummaa;
Riqaa guddinaa.
Hundee hayyummaa;
Ibsaa jireenyaa;
Warqii hinligidoofine;
Qabeenya hinbadine, hincabine.
Kan golga dukkanaa ittin tarsaasaan;
Daawwitii iccitii addunyaa itti hubatan;
Mala tabba doofummaa itti diigaan;
Tooftaa deegaa itti mancaasaan/balleessan;
Furtuu rakkoo itti hiikaan;
Daandii ittiin guddatan
Meeshaa waanjjoo gabrummaa itti caabsan;
Riiqicha bilisummaa itti goonfatan;
Meeshaa haala yeroo itti xiinxxalan
Beekumsa waan ta’eef yaa dargaggootaa baradhaa;
Guddinaafi qaroominaaf bu’uurri barumsadha;
Yaa darggagootaa jabaadhaa baradhaa;
Waan haaraa barachuuf, warra kaan bira ga’uuf;
Barumsi riqaadha misoomuufi guddachuuf.
Baradhaatii Oromiyaaa keenya guddisaa !
Hiyyummaa keessaa baasaa !
Hundeen guddinaa barnoota
Banoota, barnoota;
Ammaas barnoota.
Liiban Hayiluu
0911069139