Pirezidaantii biyya Uragaayi

Hardha pirezidaantii biyya Uraagaayi isa hiyyeessaafi falaasamaa ta’ee wajjin wal isin barsiifna.Garuu kallattiin utuu gara seenaa jireenyaafi hojii Pirezidaantii kanaatti hindabrin dura Waa’ee falaasamaa biyya Girikii durii Pulaatoo jedhamu xinnoo waa isin yaadachiifna.

Falaasamaa kan ta’e Pulaatoon,kitaabasaa ”The republic “ jedhamu irratti yeroo ibsu;”uummati biyya tokkoo jireenyasaa guutuu tasgabbiifi heeraan jiraachuu yoo barbaade,namoota biyya bulchuuf ogummaa uumamaa qabaniin hogganamuu qabu.” jedha. “Sababiin isaas namooti hunda caalaa beekumsa qaban, keessumaa sammuun falaasamootaa,fedhiifi jaalala horiidhaan kan hindukkanoofne waan ta’eefidha” jedha.

Akka yaada Pulaatootti,namooti haala sadii qabu.”Isaan tokkoffaa ogeeyyotaafi falaasamoota si’a ta’an,hawwiin isaanii beekumsa (wisdom) dha.Uumamni namoota akkasii kan uumte,hawaasa isaanii akka hoggananiifidha.Isaan lammaffaa,biyya jaallattoota, biyya isaanii miidhaa halagaa irraa baraaruuf carraaqan, naamusa gaarii kan qaban si’a ta’an,Isaan sadaffaa immoo,hojii humnaafi ogummaa kan hojjetan,uummata hojjetee bulaadha.” Jechuudhaan iddoo sadiitti qooda.

Pulaatoon akka jedhutti, “biyyi tokko nagaafi tasgabbiidhaan akka jiraattu yoo barbaadame,qooda hojii hawaasummaa kanaa olitti ibsine,hojiirra oolchuu qabu.” Fakkeenyaaf  jedha Pulaatoon, “namooti biyya bulchuudhaaf ogummaa qaban,hojjettoota humnaa yoo ta’an,hojjettooti humnaa immoo hoggantoota biyyaa ta’uuf yoo yaalan,bu’aansaa jeequmsaafi tasgabbii dhabuu ta’a.Sababiin isaas,inni tokko hojii isa kaanii keessa waan galuufidha.Kunis hubannaa dhabuudha.”jedha.

Egaa,ilaalcha falaasummaa Pulaatoo yaada ka’umsaa godhannee, gara mata dureekoo hardhaattin ce’a. Guutummaan maqaa isaanii  Joosee  Albeertoo Kaardiinoo Muujiikaa (Jose’ Alberto Mujica Cardio)  jedhamu.A.L.A.ji’a  Caamsaa bara 1935 dhalatan.Biyya Uraagaayiin A.L.A  Bitootessa 1 bara 2010_Bitootessa bara 2015tti Pireziidaantummaan tajaajilaniiru.

Screen Shot 2019-02-22 at 12.05.15 PM

Joosee Albertoo Mujikaa

Abbaan isaanii qonnaan bulaa sadarkaa gadiirra kan jiran yoo ta’an,Mujikaan bara daa’ima umrii waggaa shanii turan irraa du’an.Muujikaan tibba dargaggeessa turanitti, dorgomaa ispoortii biskileettii cimaa turan.Kilaaboota garaa garaaf hiriiranii dorgomaniiru.

Mujikaan barumsa qonnaa kan baratan si’a ta’an, booda irratti gara siyaasaatti makamanii A.L.A. bara 1960moota keessa dhaabbata siyaasaa MLN-Tupamaros jedhamutti makamanii qabsoo keessatti yeroo garaa garaa kan hidhaman si’a ta’an,qabsoo hidhannoo irrattis madaa’anii waldhaanamanii fayyaniiru.

A.L.A.bara 1985 biyya Uraagaayi keessatti sirni diimokiraasii bara caaseffame,Mujaakaan mana hidhaa keessa turan.Sana booda dhiifamaan kan hiikaman si’a ta’an, erga hiikaman booda jaallewwan isaanii wajjin ta’uudhaan jaarmaa siyaasaa “Paartii sochii uummataa” jedhamu hundeessan.Paartiin isaaniis mootummaa biyya bulchu irraa beekamtii argachuu danda’eera.A.L.A.bara 1995-2000tti miseensa mana marii (Senatera) Paarlaamaa ta’anii filatamanii tajaajilaniiru.A.L.A.Mar.1 bara 2005-2008tti  ministeera qonnaa,beeyiledootaafi qurxummii ta’anii tajaajilaniiru.A.L.A.bara 2009 irratti waldorgommii filannaa Pirezidaantummaa 40ffaa irratti dorgomanii Pireezidaantii ta’anii filatamanii bara 2010 hanga Mar,1 bara 2015tti tajaajilaniiru.

Mujikaan caalaatti beekamaa ta’aa kan dhufan,erga Pireezidaantii ta’anii filatamani booda haala agarsiisaniifi tarkaanfiiwwan fudhataniindha.Fakkeenyaaf,haala addaa Pirezidaant Mujiikaa keessaa muraasa akka kanaa gadiittin ibsa:

1. Mindaan ji’aa Pirezidaant Mujiikaa Doolaarii US.Ameerikaa 12,000dha.Kana keessaa 90%  jechuunis Doolaarii 10,800 hiyyeessotaaf akka kennamu godhan.Sababii kanaas yeroo ibsan,galiin isaanii galii lammii Uraagaayii sadarkaa gadiirra jiruu wajjin walqixxee akka ta’uufi dha.

2. Mujiikaan daa’imaan Siriyaa (syria)100  guddisuuf waadaa galaniiru.Daa’imman kunis,masara mootummaa Uraagaayi keessatti,jiraachaa,akka guddatan murtii dabarsaniiru.

(Mana) masara mootummaa Uraagaayi

3.  Mujiikaa A.L.A.bara 2013 biyya Uraagaayi keessatti dhiirri dhiira akka fuudhu dhalaanis dhalaa akka fuutu (gay marriage) akka hojiirra oolu mallattoo isaaniitiin raggaasisaniiru.Kunis biyyoota Laatiin Ameerikaa keessaa Arjentiinaatti aantee biyya lammaffaa, adduunyaa irratti ammoo 12ffaa irratti ishee kaa’a.

4 Biyya Uraagaayi keessatti waxabajjii 21,2012 daldalli maariwaana (baala sammuu nama hadoochu) seera qabeessa akka ta’u murteessan.Seera kanas yeroo ibsan ;”namoota baala sammuu namaa hadoochu kana daldalan (deddeebisan) to’achuuf kan xiyyeeffame si’a ta’u namoota araada kanaan miidhamanis gargaaruun akka danda’amu yaadameti.Kunis adduunyaa irratti baala sammuu namaa hadoochu hayyamuudhaan biyya jalqabaa  ishee godha.                   

5.A.L.A.bara 2012tti seera ulfa baasuu raggaasisan.Seera baasan kana irratti dubartiin kamillee ulfa torban 12 gadi ta’e yoo barbaadde ofirraa baasuu dandeessi.

6. Mujiikaan Karaabaataa hidhachuu hin jaallatani.Walga’ii adduunyaa hirmaatan hundumaa irratti karaabaataa hidhatanii hin beekan.”Karaabaataa morma ofii irratti hidhachuun of dhiphisuurraa kan hafe faayidaa hin qabu”( “The tie is a usless raft that constrain your neck”) Jedhu.

7. Tinboon balaa hamaa nama ajjeesu waan ta’eef,biyya isaanii keessatti iddoo namooti walitti qabamanitti,adda ba’aa ba’ii irratti arsuu seeraan ugguran.Akka jecha Mujiikaatti,sababii tamboo aarsuutiin adduunyaa kana irratti namooti 8,000,000 ni du’u.Lakkoofsi kun lola waraana adduunyaa lammaffaa irratti lakkoofsa namoota du’an caala jedhu.

8 Haati manaa (niitiin) Pireziidaant Mujiikaa Luusiyaa Toopolaaniskii (Lucia Topolanski ) jedhamu.Kan walfuudhanis,A.L.A.bara 2005tti.Bultii isaanii kana irratti ijoollee hin horre.

pastedGraphic_1.png                                                                                   

9. Mujikaan bara Pirezidaantummaa isaanii keessattii masara mootummaa Uraagaayi keessa hin jiraanne.Lafa qonnaa haadha manaa isaanii irratti mana kutaa tokko qabdu keessa jiraatu turan.

                        pastedGraphic_4.png                             

10. Bara Pirezidaantummaa isaanii geejibaaf kan itti tajaajilaman konkolaataa Vools Waagenii dulloomtuudhaan, deemu malee konkolaataa masara mootummaa gatiin isaanii doolaarii miliyoonaa hinfedhan.Yeroo ammaa sooramarra jiru.Umriinsaanii waggaa 81 dha. 

Saamu’eel Hordofaa

0912320951/0911604411

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s