Hambaawwan Dinqisiisoo Adduunyaa Torban Isaa tokko

Piraamiidii guddicha biyya Misiraa (Gibtsii)

Screen Shot 2019-02-22 at 12.21.55 PM

Piiraamiidiin kun dhaabbata barumsa,aadaafi saayinsii mootummoota gamtoomanii adduunyaatti (UNESCO)tti kan galmaa’e hambaawwan dinqisiisoo adduunyaa torban keessaa isa guddichadha. Akka barreessitooti seenaa biyya Misiraa ibsanitti, Piraamiidii kana ijaaranii fixuuf waggaa 10-20 isaanitti fudhate.

       Piiraamidiin kun kan ijaarame dhaloota Kiristoos dura,waggaa 2560 (2560 B.C) si’a ta’u,ol dheerinni isaa meetirii 146.5dha.Hunda caalaa kan nama dinqisiisummoo, haalli Piiramidichaa hingeeddaramne.Akkuma duriitti jira. Akka seenaa odeessamutti,Piiraamiidiin guddichi kun awwaala Fari’oonii (mooticha) Misiraa afraffaa Kufu jedhamuudha jedhama.

        Garabiraan kan nama dinqisiisu immoo,ji’arraa ta’anii yeroo gadi ilaalan, Piiraamidiin kun akka hurjii kan ifu ta’uusaati. Ulfinni walii galaa Piiraamiidii kanaa,kiiloo giraamii miliyoona 50dha. Akka odeessamutti Piiraamiidii kana ijaaranii hamma xummuuranitti, guyyaa guyyaan dhagaan toonii 800 itti guuramaa ture.Waa’ee ogeeyyota ijaarsa Piiraamiidii kanaa, tilmaamoti garaa garaa dhiyaachaa turan.Falaasamooti Giriikii,Piiraamiidiin kun kan ijaarame humna garbootaanidha yeroo jedhan,kaan immoo humna garbootaa qofaan osoo hin taane namooti 100,000 irratti hirmaataniiru jedhu.Egaa Piraamidiin kun waggoota 3,800 dabraniif adduunyaa irratti guddicha jedhamee galmaa’eera.

Yeroo kan birran …………….

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s