SAMMUUKOO NA NYAATAA

Screen Shot 2019-02-19 at 10.48.16 AM.png

Namni namummaasaatiin 

Kan inni madaalamu

Maaltu irraa hir’ate

Har’a kan haalamu

Hiyyummaa saatiinii

Kan inni tuffatamu

Gaaf tokko ni darbaaf

Maaliif hin jedhamu

Badiisaatiin ala

Kan inni jibbamu

Kaan isaa ni boona 

Qabeenyaan dhaaddata

Hiyyeessa arguu hin fedhu

Maal abdateeti laataa

Hiyyeessis keetumaa

Ofiirraa dhiqattaa

Kun ulaagaadha jedhee

Eenyutuu murteesse 

Uumaan hunda beekaan 

Uumee wal qixxeesse

Kaanii daabboo laatee

Kaan yoomiin dhoowwata

Hanga feete boontus

Biyyomatu si nyaata

********

Huseen Curraa Dotii 2013

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s