Miila, harka, ilkaan, ija, gurra, funyaan, garaa ta’anii walii galteedhaan jiraatu turan. Booda warri kaan walii galteen garaa yakkuu calqaban bu’aa hin buusu jedhaniiti. Garaanis, “maalan balleesse, maaliif na yakkituu? Jedhee gafannaan,” “ati otoo hin hojjetiin waan nuti dhamaanee finne nyaatta,” jedhaniin, achumaanis, “deemi nurraa” jedhaniin, garaanis dubbiin kun murtiitti akka dhiyaatu gaafate. Isaanis, “haa ta’u,” jedhanii mana murtii dhaqan; hundiyyuu rakkoo isaanii himatan. Abbaan seeras,” egaa waliigaluu dadhabdanii beellaman isinii qaba. Hanga gaafa beellamaatti akkuma duriitti walii galteen wal ta’aatii tokkummaadhaan jiraadhaa,” jedheenii hundinuu gara manaatti deebi’an. Sana booda, oduma deemanii ijji sangaa fuullee gamaatti argee miillaan, “koottu dhaqnee finnaa,” jedheen. Harka wajjiin, oofanii fidanii galanii akka gaariitti qopheessanii garaadhaan,” koottu hin nyaannaa,” jennaan,” hammaan murtii argadhutti hin nyaadhu,” jedhee dide kanumarraa kan ka’e hundumtuu beela’anii dadhabanii jennaan garaa dhiifama gaafatan. Garaanis dhiifama isaanii godhee akka durii isaaniitti tokkummaadhaan jiraachuu jalqabani jedhama. Oduu durii kanarraa wanti (yaadni) hawaasni Oromoo jireenya gamtaarratti qabu maal akka ta’e hubachuun nama hin rakkisu, kunis ergaan isaa akka waliigalaatti gabaabinaan yommuu ibsinu; jireenya tokkummaa malee, jiraachuun rakkinaaf nama saaxiluu isaa nu hubachiisa.
Kanaan dubbise irraa