ODUU DURII NAMICHA BARA HIMU

Namticha tokkotu ture . Abbaan isaa bara hima . Abbaan isaa duunaan abbee bara himaa koottuutii bara himi jedhaniin .

Namichi sunis akka inni bara himu mootummaan waan dirqisiseef koottuutii bara himi jedhanii fuudhanii deeman .Namtichi sun bara himuudhaaf romaa utuu deemaa jiruu sardiidaa boollarra teessu tokko arge . Achumaan sardiidni sunis maali yaa namana maalif rom’aa deemta jetteeni . Namtichis bara himinan jedhanii waanan jedhee himun wallaale jedheen . sardiidni sun namichaan bariibara waraanaati jedhiitti himi jetteen . Namtichi bara waraanaati jedhee itti hime . Achumaan barichi bara waraanaa ta’e . Namtichi immoo eeboo baatee deemaa ture . Yeroo galuammas sardiidni sunutuu boollarra teessuu argee asumatti naeegdaa jedhee eeboo dhaanariun boolla seensisee biraa deebi’e . Ammas waggan sunga’ee namticha qabanii utuu rom’aa adeemuu argitee maali yaa namana maalif rom’aa deemta jetteeni . Namtichis immoo bara himi naan jedhanii waanan jedhee himun wallaale jedheen . Achumaan sardiichi barri bara dhukkubaati jedhe . Yeroo galuammas sardiidaa sana argee asumattina eegdaa jedhee ar’ee boolla seensisee bira darbe . Ammas waggaa sanatti namtichaan bara himi jedhaniinii utuu rom’aa adeemuu sardiidnii asrgitee maali yaa namana maalif rom’aa deemta jetteeni . Namtichis immoo bara himi naan jedhanii waanan jedhee himun wallaale jedheeni . Achumaan sardiidni barri bara abiddaati jedhi itti himi jetteeni Achumaan namtichi dhagee barri bara abiddati jedhee itti hime . Yeroo inni itti himee deebi’u immo sardiidni sun ammas utuu boollarra teessuu argee asumatti naa eegdaa jedhee abidda itti aafuufe . Yeroo inni abidda itti afuufu sardiidni boolla biraatiin baate . Ammas waggaa satti bara himi jedhaniinii utuu rom’aa adeemuu sardiida sanitti dhufe maali yaa maali yaa namana maaliif rom’aa adeemta jetteni Achumaan namtichi bara himi naan jedheeni waanan jedhee himun wallale jeedheeni . Achumaam sardiidnii barri bara araaraati jedhii himi jetteeni . Namtichis barri bara araaraati jedhee hime waqnis araarame , laftis araarame . amnis araarame jedhee hime Achumaan mootummaan namicha badhaasa amma inni barbaadu badhaase . Namtichi immoo badhaasa sana keessaa hoolaa tokko bitee sardiidaa saniin maqaa keetifan badhaafame jedhee hoolaa boola duratti hidheef . Achumaan sardiidni namichaan yaa namana kan nu waraane siimiti bara , kan nu ari’es ari’i miti bara kan nugubes si’imiti bara , amma barri araarame jetteeni ,Achumaan namtichi achii adeemnaan sardiiani sun holaa sana qalattee nyaatte jedhama.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s