Jaalalli aannani
Yoo habbuuqqatani
Jaalalli dhangaadha
Yoo dhandhamatan
An hin dhandhamanne
Jaaladhees hin beeku
Qaraan hin jaalanne
Ishee na doorsistus
Anoo hin filanne
Sobdee kofalchiistee
Onneekoo na seentee
Carraa biroo qabu
Tiruurraa na teessee
Yaa bashaasha namaa
Maaliin si balleesse
Yaaddoo bara baraa
Sammuurra na keesse
********