Qaroo Dhiiga Boosse!

Screen Shot 2019-02-18 at 10.21.55 AM

BOQONNA TOKKO KUTAA TOKKOFFAA

Kan guyyaa kaleessaafi dheengaddaa caalaa, ganama har’aa utuu ijibbaatuu hirribarraa ka’e. Sagalee gadi qabee boo’a. Ii….ii…iih lafatti of rukuta, nigangalata. Bo’ichasaatu daa’immummaa isaa akeeke malee, yaadniifi hawwiin gola garaasaa keessaa qabu hayyuu akka xobbee qummaadaa jiru isa fakkeessa, yoo ta’es ganna saddeet keessa jira. 

Maaliif akka inni boo’u harmeensaa yoo yaaddus tilmaamuun ishee hinrakkifne. Galgala edaa akka abbaa warraashee obbo Liiban Abbeebeefi ilmashee Taliilaa gara mana hidhaa Kaachisee deemtee dubbistuuf hal-dureewwan isheen mijeeffataa turte hunda ilaalaa ture. Gurraanis dhaga’eera. 

Aadde Bashaatuun torban torbaniin deemanii mana hidhaatti dubbsuu amaleeffataniiru. Utuma ganama obborodhaan bakka Abdiin rafutti wayyaa irra buusanii dhokatanii deemanii, har’a garuu akkuma indaanqoon iyyiteen Abdiin cinaachasaa gaggalagalchuu eegale. Battala aadde Bashaatuun hirribarraa ka’anitti dhokatanii deemuu yaalaniyyuu akka duraatti har’a kophaa deemuuf hinmilkoofne.

Erga abbaa isaafi obboleessasaa ijaan argee baatii lama lakkoofsiseera, Halkan guutuu abbaasaa wajjiin abjuudhaan utuu taphatuu lafti irraan bari’e. Kunoo kanaaf abbaasaa bira deemuuf obboroon ka’ee boo’icha eegale. 

Manni hidhaan “Kaamphii” jedhamu Shawaa Lixaa magaalaa Kaachisee keessatti argama. Bakka aadde. Bashaatuun ka’anii abbaa warraasaanii obbo Liibaniin dubbisuuf jedhanii deemsa miillaan sa’aatii 9:15 fagaata. Fagaata. Sababa kanaaf Abdii fuudhanii deemuu hinbarbaanne. Haa ta’u malee, Abdii amansiisanii hambisuu hindan deenye; wal-falmii yeroo dheera booda wajjin deemanii akka dubbisan murteessan. 

Aduun gaaraan ba’e erga fixeensa qoorsee xiqqoo tureera. Utuma karaa deemanii aduun gubbee mataa isaaniirra oolteetti. Qilleensi ho’a baatee deemuufi deemsi dheeraan hafuura isaan kutaa jira. Deemsa dheeraatu ammayyuu isaan hafee jira. Reefuu Laaftoo Seenaa bira ga’u. 

Utuma deemanii Abdiin Laaftoo Seenaa argee afaan bane hafe. Laaftoon Seenaa mukkeetii naanoo sanatti argaman keessaa adda. Lafa irraa ol ka’ee biqilee erga guddatee akka dibaabeetti immoo dameen isaa gadi deebi’ee baallisaa lafa haguugee jira. Walakkeessa isaa keessaan immoo dame Laaftoo kana gubbaatti muka Gatamaa jedhamutu biqilee jira. Muka kana jalatti bara Mootummaa H/sillaasee keessa garbootni bakka bitamanii itti gurguramaa turanidha. 

Biiftuun isaan booda baate utuu isaan karaa deemanii isaan bira dabartee fuuldura isaaniitti ilaalaa jiru. Gara ganamaa waan aduu wajjin wal-dorgomaa jiran isaaniitti fakkaatee gammadaa utuma deemanii deemsa miilla isaanii itti fufaa turan. Amma garuu aduun fuula isaanitti yeroo ba’u mogoleen isaanii dadhabaa dhufe. Kallattiin deemsa isaanii mana jireenyaa isaaniirraa gara lixaatti ture. 

Akkuma magaalaa seenaniin “INKUWAAN DEHINAA MEXXUU” kan jedhutu afaan Amaariffaatiin barreeffamee jira. Gara magaalichaa akkuma galaniin Abdiin, “Abbaankoo, obboleessikoo eessa jiru? Amma dafaa nageessaa!” jedhee roqomee hoollachuu eegale. Hanga mana hidhichaa ga’utti jarjare. Akkuma mana hidhichaa ga’aniin Abdiin abbaakoo jedhe ija harmee isaa keessa ilaale.

Mootii Mootummaa Abdii

Qaroo Dhiiga Boosse Boqonna tokko kutaa tokkofaa itti fuffaa………. 

 

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s