Xaxee nu gaadi’ee utuu qabnuu kaayyoo
Hardha haalli yeroo nu fakkeessus laayyoo
Garuu laayyoo miti, nu saba jabaadha
Warra tumaa Gadaa adduunyaan nu beeku, ilmaan Oromoodha.
Sanyiin keenya hinbadne,warra badus miti
Dagaagnee adduunyaa warra dhaalu nuti.
Kakuu baduu hinqabnu,hinbadnu jarana
Nuti ilmaan Oromoo akkasitti amanna.
Dhufaatii keenyatu warra badu miti madda keenya beekna
Haala Oromummaan jiraatee as ga’e,seenaas quba qabna.
Erga hardha geenyee akkamittiin badnaa?
Hinbadnu ni jiraanna.
Rasaasni akka cabbii irratti harca’ee
Hiriiraa billaatiin mormi citee du’e
Jiraatti awwaalamee,fayyaan boolla bu’ee
Sukkuummaafi rirriittaa,hundumaa danda’ee
Maleessaa Oromoon kunuunfamee mitiim kan inni hardha ga’e.
Garuu nuti hinbadne hardhas baayi’eedhami
Lakkoofsuu nun fixu akka hurjii samii
Wal horree baayi’ennee guunna irra dachaanee
Akkamittiin badaa sanyii waaqi tolchee?
“Kitaaba weedduu seenaa” Ximqataa Kumarraa irraa kan fudhatame