“OF JIBBITUUN NAMA HIN JAALLATTU!”

FictionStory

Of jibbituun nama hin jaallattu” jedha Oromoon dhimma walitti dhufeenya hawaasa gidduu irratti yeroo dubbatu. Himni kun (statement) dhaamsa guddaa qaba.  Ogeessotni xiinsammu (psychology/psychiatry) maal akka jedhan hin beeku malee hiikni dhimma kanaa ballaa dha. Ummatni Oromoos hagam akka dubbii achi fageessee ilaalu nu hubachiisa. 

Egaa ka’umsi dubbii kanaa ‘namni of jaallata’ waan jedhu mullisa. Dhugumattuu namni of jaallata. “Of irra si hin jaallu; si irra nama hin jaallu” inni jedhani illee kanuma mullisa. Namni of jaallataaf jiraata. Of jibba taanaan of balleessuu danda’a. Namni of jaallata waan ta’eef ‘nagaan na jiraachi’ jedhee Rabbi/Waaqa isaa kadhata. Kadhaan kun galgalaa ganama ykn akka itti toletti ta’uu ni mala. Garuu guyya guyyaan (guyyu) inuma kadha. “Yaa Rabbi/Waaqi fayyaa naa kenni; umrii dheeraa naa kenni” jedha ykn jetti. Sababa of jaallatuuf/ttuuf jireenya bara dheeraa hawwa/witi. Hundi keenya daa’ima guddifachuuf fedhii mullisna. Jireenya gaarii/misha hawwina. 

Tarii dhuunfaattis ta’e maatii wajjin jiraachuuf hawwuu fi jireenya jaallachuu mullisuun ni beekama haa jennu. Garuu dubbiin hamaan ykn cimaan kan dhufu yeroo nama biroo itti daballu ta’a. “Of jibbituun nama hin jaallattu” yeroo jennu akkamitti yaada xumuraa (conclusive conclusion) kana irra gahame isa jedhu ilaaluu barbaachisa. Egaa namni tokko jireenya guyya guyyaa keessatti illee yoo keessa isaatti itti hin tolle nama waliin dubbachuu fi taphachuu illee hin filatu ta’a. “Lakkii natti hin tollee na dhiisi” jechuu danda’a. Kun jireenya abbaa fedhee keessatti jechuu dha. Kan yeroo hunda hubannu osoo hin taane jechuu dha. 

Dubbiin of jaallachuu fi of jaallachuu hafuus kanaan wal qabatti. Amala itti ta’ee namni yeroo hundumaa fuula guru; kan itti hin tolle; namatti hin dhihaanne ni jiraata (jira ta’a). Haalli akkasii kun itti baballataa fi qaama isaa ta’aa yoo turu amala itti ta’a jechuu dha. Nama illee of irraa ifachuu danda’a. Hawaasa keessatti bifa adda addaa tiin hirmaachuu dhiisa. Namoota waliin walitti dhufuu xiqqeessuu fi hirmaanaa hawaasaa keessaa of qusachuun immoo nama sana qofaatti baasa. Gooddoo (korma jaldeessaa qofa galeessa) ta’aa deema. 

Ummatni Oromoo haala kana hubataa bara dheeraa jiraate jechuu dha. Dubbiin isaas bilchina argataa kan dhufe muuxannoo jireenya bara dheeraa kana mullisa. Kan biraa hafnaan Afaan isaa yoo ilaalle afaanota biroo irraa hagas mara hin ergifanne jechuu dandeenya. Afaanotni baraneen (yeroo diqqo/xiqqoo) keessa ol ba’an akkas miti. Isaan biroo irraa ballinaan ergifatu ofiif gahaa waan hin qabneef jecha. 

Ummatni Oromoo namni of jibbu nama hin jaallatu jechuun isaa anaaf sirrii dha. Namnootni waliin jiraatu kan jedhu nutti mullisa. Ummatni keenya haala waliin jiraachuu haalaan beeka. Ofitti fudhata malee of irraa nama hin ari’u! Har’a namootni falaasama ummata kanaa hin beekne ummata kana xiqqeessitee ilaalti. Yeroo ummatni waan qabu ormaaf qoodee orma waliin jiraatu qalbii ittiin hubattu hin qabdu. Akka warra biroo “Sewun maamen qebiro newu” hin jedhu Oromoon. Namni nama waliin jiraata waan ta’eef waljaallatee wal amanee wajjin jiraata malee namni yoo du’ee du’uu isaa argine qofa dhugaan mullata inni jedhu yaada badii ti. Akkuma amala isaatti nama hin amannu taanaan eenyuun amannee eenyuun waliin jiraanna ree? 

Mee jarana warri ogummaa xiinsammuu qabdan adaraa baballisaatii hawaasaaf ibsaa!! Dhimma birootiin walitti deebina! Ammaaf Gadaan quufaa gabbina! Gabbisi

Waaqi!!Taaddalaa Tafarraa tiin

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s