Firii miiraa fi Gocha Hamaa

Dubartoota Obboleeyyii Sadeen

Wagoota hedduun dura namoota miiraa fi gocha hamaa hannaatiin hiriyooman sadituu ture. Hirriyoonni hojjii hannaa irratti bobba’an kunis waggoota hedduuf hojii hannaa fi abaaramaa ta’e kana madda galii jireenya isaanii godhachuudhaan waliin socho’aa turan.

Otuma akkanatti waliin hataa jiraatanii gaafa tokko abbaa milkii ta’anii warqii fi birrii sanduuqa isaa waliin suuqii tokko seenuun hatan. Erga hataniin booda sanduqicha qabachuudhaan miliqanii bosona keessatti guyyoota muraasaatiif dhokatan.

Abbaan qabeenya kanaas suuqii isaa keessaa warqii fi naasa saamamuu poolisitti iyyate. Iyyata kana bu’uura gochuudhaan poolisiinis qabeenya saamame barbaadus argachuu hin dandeenye. Haattoonnis bosona keessa guyyoota hedduuf turuu barbaadan. Haa ta’u malee, bosona itti dhokatan keessa guyyoota hedduuf nyaata malee waan turaniif beela’uu eegalan. Furmaata beela’uu isaanii irratti erga mari’ataniin booda isaan keesssaa nama tokko gara magaalaa erguudhaan waan nyaatamu akka fiduuf waliif galan. Haaluma walii galtee isaanii kanaatiin namni tokko gara magaala dhiyootti argamtutti deemee waan nyaatamu akka fidu ergame. 

Akka caaraa ta’ee waan nyaatamu akka fiduuf hottoota sadeen keessaa kan ergame Chimdeessaa waan tureef, innis miira hamaa qabu irraa ka’uudhaan hiriyyoota isaa lameen hafan irratti shira dalaguu yaade. Yaadni isaas hiriyyoota isaa lameen hafan irratti shira dalaguu yaade. Yaadni isaas hiriyyoota isaa nyaata bitu summii itti dabaluudhaan nyaachisee akka dhuman gochuudhaan qabeenya waliin saaman kana qophaa fudhachuu ture. Chimdeessan yaada isaa galmaan gahuudhaaf summii hantuutaaf qophaa’e bitee nyaata hiriyoota isaatiif biteetti make summeessee gara bosona ergametti dafee qajeele. 

Haaluma walfakkaatuun hiriyyoonni isaa lameen hafanis akkuma Chimdeessaa miira hamaan kan guutaman waanta’eef akkuma bakka nyaata fidee dhufeen nyaata harkaa fudhachuudhaan Chimdeessaa ajjeesanii qabeenya waliin saaman kana lamatti hirachuudhaaf murteessan qawwee isaanii qopheeffatanii eegan.

Battaluma Chimdeessaan isaan bira gaheetti dhukaasanii ajjeessan. Gara malees beela’anii waan tureef lameenuu nyaata Chimdeessan fide jarjaruun nyaatanii battalumatti bitaaf mirgatti summiin dhukkubsatanii dhuman. Reeffi isaaniis guyyoota sadiif otuu hin mul’atin ture. Booda tiksituun hafuura xiraa’aa reeffaa faana dhoftee bira gahuun reeffa namoota dhumanii fi qabeenya saamame argitee poolisii dhiyootti argamuuf gabaasa gooteen poolisiin qabeenya saamame fuudhee abbaa qabeenyaaf deebisee jedhama.

Barattuu: Warqituu Bonsaa, Kutaa 8ffaa, Mana Barumsa Sad. 1ffaa Diima

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s