Hordaan koo qalama bajjiin baasa
Oyiruun koo waraqaadha nan barreessa
Midhaanan facaasa hiyyummaan balleessa
Har’a ijaan baha doofummaa kaleessaa
Sichi oromoon hundi ni dubbisa kaan ni barreessa/2X/
Qalama qawween koo waraaqaadha dirreen koo
Dammaqsee hamilee koo olfuudhee irree koo
Kan ormi bulchuu yaade jaarra tokko hambisee
Hojjetaa godhachuuf barumsa irraa ittisee
Taaddasaa Birruu lafa jiruu dammaqsee
Waan irraanfatamu miti wareegamni taasise/2x/
Maccaa fi tuulama dhaaba wal gargaarsaa
Qabsoo inni godhe babal’isuuf barumsa
Seenaan haa yaadatu ani isaan tumsa
Bu’uura qabsoo har’aa lafee dugda isaa
Karaa sabaa ta’anii wareegamtootni isaa
Hunduu bu’aa isaaniiti kunoo argeera
Barumsi aadaa haa ta’u duudhaaf bu’uura/2X/
Kan harki qotee dadhabe dachee biyya keenya
Dureetti addunyaati badhaatuu qabeenyaa
Teessoo har’a dhabne bor irra teenya
Sichi ni deebi’a nuyi abbaan qabeenyaa
Qotnee lafaa baafna miti lafee nama keenyaa
Mul’ata isaanii kan ta’e kaanee bakkaan geenya
Qalama fi waraqaa barnoota meeshaan keenya/2x/
Qopheessaan: Marabbaa Ulfinaa
Amajjii,2014