Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa
Ilma qaalii ilmoo Oromiyaa
Malattoo qabsaawoota bilisummaa Oromiyaa
Hangafa qabsoo hidhanno ammayaa
Duree Waraana Bilisummaa Oromiyaa
Goota gotaa oli ilma qaalii jagnna Oromiyaa
Jaal jaarraa Abbaa Gadaa.
Maal taateeti ,duuti mortuun si injfatee?
Maal taate yaa du’aa? Ati hoo maaf jala marxifatee?
Yaa du’aa yaa mortuu, mormortuu
Yaa du’aa, yaa jibamtuu, yaa xirooftu
Ilmi namaa si jibbee sii abaaraa jira attuu akka irraa duutu
Ati biffa maalitti qabdaa laata?
Diimtuu , adii,dalacha, magariisa moo gurraachaa?
Ati maaliif garaa nuutti jabaataa?
Ati saali kee maalii ?dubarti moo dhiiraa ?
Yaa du’aa maaf taatte gootaaf farra?
Atu mataa keettifu yoom nurraa duutaa?
Yaa du’aa maaluma si goone laata ?
Jagnna lamiif gachanaa
Goota biyyaa Orom-biyyaa
Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa
Maal si godhee nu jaalaa fuutaa- yaa du’aa ?
Maaf jala marxiifatee , yaa du’a abaaramtuu
Oromoon si abaare, duraannu duri du’a jibbamtu
Yaa garaa jabaatu , mortuu, mormoortu
Maaiif jala hin deemne garichoo abbaa garaa
Maaf nuurraa hin guuree sodaatuu dhimma dhuunfaa
Maaf nuu irraa hin guure hookoolee diinaa
Kumaatamaan cisaa lafa guutee albaadheesi abbaa garaa
Lafa guute bar lubbuun hookoo diinnaa
Kan garaaf bule,gurgurate ilmaan ayyaa.
Yaa du’a tortortu Oromoon si aja’ibee, si jibbe
Goota jaalatamaa, lugna jibbamoota dura dursuu keettif,anileen si xireefadhe
Muka lama al tokkoti kortuu fi jilbifatu dura goota gota ooli dursitee?
Yaa du’aa, ati moo, maaf ilma lammii jecha dadhabe fuutee?
Maaf hin fuune meeshaa diinnaa kan Oromiyaan jibbitee lammiin xireeffate.
Du’a yaa jibbamtuu, mortuu fi mormoortuu
Dhalii Oromoo kan dhugaa si jibba, yeroo fuutu goota lammiin jaalatu
Du’a yaa jibbamtuu maaf hin fudhane kan Oromiyaan guutuun jibbe
Maaf nurraa hin fuune kumaatamaan meeshaa diinnaa
Atis, akkumma gabroonfatoota Habashaa nutti jirtaa laata?
Annu si shakkee, gargaarsa jaraaf baatee laataa?
Du’a mee waa si gaafadhu,maaf naasuu dhabdee goota si hinsodane
Goota Oromiyaa kan bosona raamsi fi Gobeele
Kan gaareen fuguugi dabaal mootii gaarraa
Goota baabbiilee, Dadarii fi Aniyaa
Goota gaarra fuguugii, Fadiis, Baalee fi Haroo Maayaa
Goota qaalii jaalatamaa ilma Oromiyaa
Jaal Jaaraa Abbaa Gadaa.
Yaa du’aa ani si taajabe
Lubbuu goota keenya fudhachuu keettif, duraanu duri daran si jibbe
Maaf nuuf hin tursisiin, hanga bilisummaa ijaan arguu
Gammadee guyyaa tokko illee buluu
Ati moo, yaa du’aa ,yaa mortuu- mormortu
Silaa maal goona ,ati hunda keenya irraahu hin oltu.
Jaal jaaraa Abbaa gadaa,
Ilma qaalii sabni jaalatu gooticha Oromiyaa
Kan du’a hin sodaanne mallattoo qabsaawoota walabummaa Oromiyaa.
Osoo du’a mortuu waliin qabsooti jirtuu
Osoo sakaraatati jirtuu
Afuura dadhabii sasaabate
Maal ture kan dhaamtee ?
Humna kee kan maayyiitti dhimma baatee
Maal maalffaa Saba keettif dhaamatee?
Jaal Jaarraa Abbaa gadaa
Tokkicha Oromoo ilma ayyaa
Goota qaalii falmataa walabummaa Oromiyaa kan dhugaa
Mallatoo qabsaawoota bilisummaa Oromiyaa.
Humna kee kan maayyii sasaabate
Yaa ilmaan Oromoo na dhagayaa jeette
Mee amma Jeneraal Taadasaan Birruu yoo ka’ee akkanatti nu arge,
Mee amma Elemoo Qiltu yoo ka’ee akka jirru kanatti nu arge mee maal jennaan jettee? Nuu gaafatee…
Tokkummaa keessan jabeefadhaa
Faashisttoota ABUT biyya Oromiyaa irraa baasaa
Oromiyaa Walaboomsaa jette dhaamate
Hayyee goota Oromiyaa …nutis ilmaan Oromiyaa si dhageenye
Dhaamsa qalbii fi Onnee keenyatti fudhanne
Dhaamsa mallattoo qabsoo bilisummaa Oromiyaa
Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa
Si dhageenye ilma ayyaa lammii qaalii ilma Oromiyaa
Bakkaan gahuuf qabsoo,kan itti dadhabde kaayyoo ganamaa
Gadii dhaabuuf Dimokiraatik Ripuubilika Oromiyaa
Irra deebiine kakanee ,walis kakachifne guyyaa hardhaa.
Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa
Atis,beenu ka waan sii gonnu hin jiru nagaan gali
Du’a mortuutu nuu irraa si fudhate goota keenya qaalii
Haqa keettif falmatee , haqa haqaa oli
Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa goota goototaa oli
Beenu kee silaahu tee jennataa olii buli.
Dhaamsa kee kakuun fudhane dhaamsa qaalii
Eeee badne kaa, sitti dhaamane naaga maayyi nagaa qaalii.
Si yaadana , siin dhaadana hanga galii keenya maayyii.
Dacheen Oromiyaa kan ati jaalatu
Beekamaadha kaa akka sii simatee sitti salphatu !!
Allah /waaqnni / beless his soul.
Ibsaa Nagawoo irraa dhihaate.
Jarraa Abbaa Gadaa ulfataa namaa guddaa.
Abbaa qabsoo oromoo abbaa oromo
Abbaa oromoo hundaa.
Osoo bilisumma hin argiin.
Du,uu Isaac niin gaddaa.
Rabbiin jannaatan ha qanannisu.
LikeLiked by 1 person
Baye’ee Galatomaa
LikeLike