Midhaan ungulaaluu yoom jalqaban laata?

Yeroo daa’imummaa naannoo manaa irraa fagaadhee hin deemnetti ogummaa midhaan ungulaaluu shamarreen ykn dubartootni hojjetan ilaalaan ture. Ungulaaluu sana keessatti midhaanis ta’e maaxxoon (daggalli) kallattii tokko keessa marsaan yaa’u. Marsaa n yaa’uun sun aartii nama hawatu qaba. Ungulaaluun kun yoo gara harka mirgaas ta’e gara harka bitaatti buufachuun ungulaalan garaagarummaa hin qabu. Maaxxoon garuu midhaan irratti ol ba’uun walakkeessa gundoo/hodhaa keessatti kuufamu. Durattis ta’e har’a maaxxoo walakkaatti kuufamuu fi callaa jalatti hafu yoon ilaalu nin dinqifadha.  

Ogummaan midhaan ungulaaluu kun uumamuu hawaasaa keessatti yoom akka jalqabame of gaafataan ture. Malli/tooftaan ungulaaluu an hubadhe tarii Oromiyaa, Itophiyaa ykn Afrikaa keessatti kan hundaa’e qofa ta’uu danda’a. Garuu faayidaan isaa midhaan qulleessuu waan ta’eef tokkuma. Daa’imummaa eegalee mana barnootaa seenee baradheen jechi Afaan Inglisiitiin “Sift” jedhamu hiika lammataa qabaachuun hubadhe. Innis waan keessa deemanii secca’uu mullisa. Kanaaf anis mata duree kitaaba an dhiheenyatti maxxansuuf adeemuu taasifadheen jira. Waa’ee kitaaba kootii ballinaan as irratti dubbistootaaf hin ibsu. Dubbistootni yeroo kitaabichi maxxanfame ba’u akka dubbisanin barbaada (Suuraa baallee kitaabichaa fuula itti aanu irratti ilaalaa).  

Screen Shot 2019-02-06 at 9.34.10 AM

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s