CIIGOO Afaan Oromoo

 

Ciigoon akaakuu Afoolaa keessaa isa tokko yoo ta’u, jiruuf jireenya ummataa keessatti seenaa,aadaa, duudhaa, jaalala jibbaa, gaddaaf gammachuu, amantaa shakkii, waliin jireenyaa waldhabiinsa, tokkummaa garaagarummaa, tolaa hammeenya, kkf ittiin ibsachuuf bu’aa guddaa qaba. Kana malees, wanti dubbannu sirritti akkaisa ta’uu fudhatama argatuuf nu tajaajila.

Ciigoon garee jechootaa, gaalee, ykn hima ta’ee dubbii dachaa ta’e kan of keessatti qabateedha. Dubbiin dachaa kun ciigoo Afaan Oromoo keessatti yeroo baay’ee walaloo ciigoon ittiin ibsamu keessatti bo’oo isa gara dhumaarratti argama.

Dubbiin dachaa kunis ergaa lama dabarsa.

  • Ergaa ifaa fuullee jiru kan SOORGOO jedhamee beekkamu.
  • Ergaa dhoksaa ykn icciitii kan of keessaa qabu, SOOKOO jedhamuun kan beekkamu.
    Ergaa isa jalqabaa(soorgoo) baasuun salphaa ykn yaada walalichaa irratti kan hundaa’e yo ta’u,
    inni lammaaa(sookoon) immoo qabiyyee walalichaarratti waan bu’uura hin godhanneef irra deddeebi’anii dubbisuun ergaa dhokataa ykn icciitii isaa argachuun kan barbaachisuu dha.
    Ciigoon wantoota gurguddoo sadi of keessaa qaba. Isaanis:
    1. Dubbii dachaa(Sobboqoo)
    2. Soorgoo
    3. Sookoo dha.
    Jechi dachaa ykn sobboqoon yeroo tokko tokko sooressa dubbis ni jedhamu.
    innis jechi tokko ergaalee adda addaa dabarsuu waan dand’uuf.
    Sookoo soorgoon walduraa duubaan lafee dhuka jedhamuunis ni beekkama.
    Malootni ittiin ciigoo itti hiikan keessaa dandeettiilee adda addaa qabaachuun barbaachisaadha,
    isaan keessaa dandeettii qoruu, qorachuu xiinxallanii ilaaluu fa’a.

Mala dubbiin dachaa(ciigoon) ittiin hiikamu.
1. dubbii dachaa ciigoo uumu jabeessuun ykn laasuun, dheeressuu ykn gabaabsuun hiika barbaaduu. Fkn: a. Nutti haa tolu jennee
Harree manaa baafne.
Jecha dachaa: harree manaa baafne.
Soorgoo(lafee): Beeylada Harree jedhamu manaa ariine.
Sookoo(dhuka): Balfa/xurii qulqulleessine

Fkn b. Cirracha darbitee kan buufte karaarra Abaaramuu keeti baatetoo namarraa.
Jecha dachaa: baateetoo namarraa. Soorgoo: Ati qofaatti Abaaramuuf.

Sookoo: Nama gubbaa baatee ykn namarra kortee abaaramuuf.

2. Jecha dachaa ta’e lama ykn lamaa ol garagaraa walitti duun ciigoo uumuu Fkn: a. Miila lama qabdaaf muka lama hin kortu
Tokkumaa ladhuu hamma garaa hirtu.
Jecha dachaa: hamma garaa hirtu.

Soorgoo:Muka tokko ladhuu kori.
Sookoo: waan tokko hojjachuuf hin mamin/shakkin.

Fkn: b. Dhageettiin badeeraa kan warra gamasii Ani taa’een ilaalaa ati guurii buusi.
Jecha dachaa: guurii baasi
Sookoo: guurii gurra keessaa baasi.

Soorgoo: Harii baasi, Haxaa’i

Fkn: c. Harka walqabachuun hundumaafuu tolaa Kan wal bira jiru mala waliimalaa.
Jecha dachaa: Mala walii malaa
Soorgoo: Yaada walii kennaa

Sookoo: Daba walirratti yaada.

3. Jecha dachaa ykn jecha hiika lama qabuun ciigoo uumuu. Fkn: a. Hunda caala jettee maaliif boonta cufa
Situ hin beekne malee caalaan ammaa dhufa.
Jecha dachaa: Caalaan

Soorgoo: Kan hundarra caalu Sookoo: Nama Caalaa jedhamu.

Fkn: b. Isheen si jaalatti Ati maaf jibbita Inta ulfeessi yaa gurbaa ulfaataa. Jecha dachaa: Ulfeessi.
Soorgoo: kabaji

Sookoo: Ulfa taasisi.

Fkn: c. Ani buna hin dhugu garaa kutadheera. Buna kee lammaaa egaa kakadheera.
Jecha dachaa: Buna kee lammaaa
Soorgoo: Buna dhugaatii dhiiseera

Sookoo: Buna kee isa lammaaa hin dhugu.

Fkn: d. Akkan taane ta’ee seera uumaa cabsee Harki na hidhamnaan miilanan barreesse.
Jecha dachaa: Miilanan barreesse.
Soorgoo: Lukaan(quba miilaatiin) barreesse. Sookoo: Dhiyeenya kanan katabe ykn barreesse.

@AFAAN OROMO – Oromo Language Team! irraa kan argane

Advertisements