Yaa darggagootaa Baradhaa Farra wallaalummaa; Balbala qaroominaa; Humna tokkummaa; Riqaa guddinaa. Hundee hayyummaa; Ibsaa jireenyaa; Warqii hinligidoofine; Qabeenya hinbadine, hincabine. Kan golga dukkanaa ittin tarsaasaan; Daawwitii iccitii addunyaa itti hubatan; Mala tabba doofummaa itti diigaan; Tooftaa deegaa itti mancaasaan/balleessan; Furtuu rakkoo itti hiikaan; Daandii ittiin guddatan Meeshaa waanjjoo gabrummaa itti caabsan; Riiqicha bilisummaa itti … Continue reading Yaa darggagootaa Baradhaa!
Month: February 2019
Gimbii Chaayinaa Guddicha (The Great wall of China) Dhaabbata barumsa aadaafi saayinsii mootummoota gamtoomanii (UNESCO)dhaan kan galmaa’an dinqisiisoo adduunyaa torban gidduudhaa tokko kan ta’e gimbii guddicha Chaayinaadha.Gimbiin guddichi Chaayinaa kan ijaarame, dhaloota Kiristoos dura waggaa 220 (220 B.C) jalqabamee xummuuruuf baroota dheeraa fudhate. Dheerinni gimbii kanaa walumaa galatti,k.m.21,196 si’a ta’u kan ijaarames Chaayinaa bahaa irraa … Continue reading Hambaawwan Dinqisiisoo Adduunyaa
Piraamiidii guddicha biyya Misiraa (Gibtsii) Piiraamiidiin kun dhaabbata barumsa,aadaafi saayinsii mootummoota gamtoomanii adduunyaatti (UNESCO)tti kan galmaa’e hambaawwan dinqisiisoo adduunyaa torban keessaa isa guddichadha. Akka barreessitooti seenaa biyya Misiraa ibsanitti, Piraamiidii kana ijaaranii fixuuf waggaa 10-20 isaanitti fudhate. Piiraamidiin kun kan ijaarame dhaloota Kiristoos dura,waggaa 2560 (2560 B.C) si’a ta’u,ol dheerinni isaa meetirii … Continue reading Hambaawwan Dinqisiisoo Adduunyaa Torban Isaa tokko
Hardha pirezidaantii biyya Uraagaayi isa hiyyeessaafi falaasamaa ta’ee wajjin wal isin barsiifna.Garuu kallattiin utuu gara seenaa jireenyaafi hojii Pirezidaantii kanaatti hindabrin dura Waa’ee falaasamaa biyya Girikii durii Pulaatoo jedhamu xinnoo waa isin yaadachiifna. Falaasamaa kan ta’e Pulaatoon,kitaabasaa ”The republic “ jedhamu irratti yeroo ibsu;”uummati biyya tokkoo jireenyasaa guutuu tasgabbiifi heeraan jiraachuu yoo barbaade,namoota biyya bulchuuf … Continue reading Pirezidaantii biyya Uragaayi
Jaalalli aannani Yoo habbuuqqatani Jaalalli dhangaadha Yoo dhandhamatan An hin dhandhamanne Jaaladhees hin beeku Qaraan hin jaalanne Ishee na doorsistus Anoo hin filanne Sobdee kofalchiistee Onneekoo na seentee Carraa biroo qabu Tiruurraa na teessee Yaa bashaasha namaa Maaliin si balleesse Yaaddoo bara baraa Sammuurra na keesse ********
Namticha tokkotu ture . Abbaan isaa bara hima . Abbaan isaa duunaan abbee bara himaa koottuutii bara himi jedhaniin . Namichi sunis akka inni bara himu mootummaan waan dirqisiseef koottuutii bara himi jedhanii fuudhanii deeman .Namtichi sun bara himuudhaaf romaa utuu deemaa jiruu sardiidaa boollarra teessu tokko arge . Achumaan sardiidni sunis maali yaa namana … Continue reading ODUU DURII NAMICHA BARA HIMU
Miila, harka, ilkaan, ija, gurra, funyaan, garaa ta’anii walii galteedhaan jiraatu turan. Booda warri kaan walii galteen garaa yakkuu calqaban bu’aa hin buusu jedhaniiti. Garaanis, “maalan balleesse, maaliif na yakkituu? Jedhee gafannaan,” “ati otoo hin hojjetiin waan nuti dhamaanee finne nyaatta,” jedhaniin, achumaanis, “deemi nurraa” jedhaniin, garaanis dubbiin kun murtiitti akka dhiyaatu gaafate. Isaanis, “haa … Continue reading ODUU DURII
Namni namummaasaatiin Kan inni madaalamu Maaltu irraa hir’ate Har’a kan haalamu Hiyyummaa saatiinii Kan inni tuffatamu Gaaf tokko ni darbaaf Maaliif hin jedhamu Badiisaatiin ala Kan inni jibbamu Kaan isaa ni boona Qabeenyaan dhaaddata Hiyyeessa arguu hin fedhu Maal abdateeti laataa Hiyyeessis keetumaa Ofiirraa dhiqattaa Kun ulaagaadha jedhee Eenyutuu murteesse Uumaan hunda beekaan Uumee wal … Continue reading SAMMUUKOO NA NYAATAA
BOQONNA TOKKO KUTAA TOKKOFFAA Kan guyyaa kaleessaafi dheengaddaa caalaa, ganama har’aa utuu ijibbaatuu hirribarraa ka’e. Sagalee gadi qabee boo’a. Ii….ii…iih lafatti of rukuta, nigangalata. Bo’ichasaatu daa’immummaa isaa akeeke malee, yaadniifi hawwiin gola garaasaa keessaa qabu hayyuu akka xobbee qummaadaa jiru isa fakkeessa, yoo ta’es ganna saddeet keessa jira. Maaliif akka inni boo’u harmeensaa yoo yaaddus … Continue reading Qaroo Dhiiga Boosse!
Xaxee nu gaadi’ee utuu qabnuu kaayyoo Hardha haalli yeroo nu fakkeessus laayyoo Garuu laayyoo miti, nu saba jabaadha Warra tumaa Gadaa adduunyaan nu beeku, ilmaan Oromoodha. Sanyiin keenya hinbadne,warra badus miti Dagaagnee adduunyaa warra dhaalu nuti. Kakuu baduu hinqabnu,hinbadnu jarana Nuti ilmaan Oromoo akkasitti amanna. Dhufaatii keenyatu warra badu miti madda keenya beekna Haala Oromummaan … Continue reading Warra badu miti