Aariin abbaa ajjeeftu, ilmatti ceeti.
Abbaan booka dhugeef, ilmi afaan hin urgaa’u.
Yoo abbaan iyyutu, ollaan namaa dirmata.
Abiddi abbaa irra taa’e, guba.
Afaan leencaa, huubni hin kajeelu.
Afaan nyaata bare, bulluqa alanfata.
Akkeessaa fardaa harreen lafa dhiitti.
Bakka fardi hin jirre, harreetu garmaama.
Bakka qeerransi ka’e, jaldeessi taa’a.
Bakkuma robe, dhoqqeessa.
Duruu gurraachaa ittuu nugubanii jette nuugiin.
Leenci rafe waan du’e fakkaata.