DHIBAA’UMMAA MOO DHIBDEE

Dhibaa’ummaa moo dhibdeedhaa?

Ani waliisaa wallaalee

Sabni keenya marti

Afaan wal wallaalee 

Kaan yoo adii jedhu

Gurraacha kan jedhu

Kanatu naaf hin galle

Kanan baruu fedhu

Jaarraa tokko guutuu 

Of duuba deebi’ee

Seenaa darbe kaasuun

Dirqama natti ta’e 

Waa’een saba kootii

Abjuu natty ta’e

Ka’ee dhadhaabadhee 

Waanan godhu dhabnaan

Waldorgomsiisutti ka’e

Kan duraa hoo dhibdeedhaa

Kan ammaa hoo maalidhaa?

Kan darberraa baruun

Maaliif hin sabboontuu

Biyya kee guddisuuf

Tokkummaan hin kaatuu 

Anaan maal na galche

Jedhaa kan guungumtu

Lakkii na dhaga’i

Yaa dhibooftuu namaa 

Osoo duutee badin

Takkaan waa siif himaa

Dhibaa’ummaa dhiisii

Seenaa saba keetii

Lammiikee barsiisi

Dhibdee lammii keetis

Hiddaan dhabamsiisi

Dirqama kee ba’ii

Lamitti agarsiisi

Saba kan kee hundaa 

Cufaan sabbonsisi

Huseen Curra Dotii 2013

Email: hussein@yahoo.com

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s