FAAYIDAA AKAAKUU LAKKAA’UU

IMG_5401

Qomoon Oromoo hundi/marti akaakuu lakkaa’a.  Kun Oromiyaa cufa keessatti beekamaa dha. Aadaan kun sababa adda addaa tiin dhaloota ammaa biratti hanga tokko dagatamaa dhufaa jira. Kun ta’uu isaaf immoo sababoota garaagaraa keessaa barumsaan walqabatee haala uumamaa dhufe; dhiibbaa amantiin lammootni ummatichaa fudhatan uumee; fi dhimmichi/aadaan kun barbaachisaa ta’uu isaa irratti hubannoon gahaan kennamuu dhabuu eeruun ni danda’ama. Qabxiilee kunneen baballisnee ilaaluun dura “akaakuu”n maal akka ta’e wal hubachiisuu qabna.  

Akaakuu jechuun hidda dhalootaa gama abbaa fi gama haadhaa tiin jiru dhaloota har’a jiru irraa eegalanii maqaa dhahuu dhaan duubatti lakkaa’uu jechuu dha.  Afaan Ingilisii tiin “lineage” isa jedhamuun wal fakkaata. Namni tokko akaakuu yeroo lakkaa’u maqaa ofii tiin jalqabee kan abbaa, kan akkaakayyuu, kan abaabayyuu … waamuun hanga torbaa (7) ykn hanga sagaliitti (9) tarreessee maqaa dhahuu jechuu dha. Hanga torbaatti lakkaa’uun namoota hundaaf dirqama ta’ee hanga sagaliitti lakkaa’uun immoo warra gosaan Boorana ta’an irratti dirqama jedhama. Torbaa fi sagalii olittis hanga fedhe kanneen tarressan jiru. Arsii keessatti namootni hanga digdamaa olii beekan jiru jedhama. (Sana namootni dirqama fudhatanii adda nuu haa basanani) 

Faayidaa guddaa aadaan kun qabu haalaan hubachuu barbaachisa. Ummatichi aadaa kana uummachuun isaa sababa malee miti. Bara dheeraa addunyaa kana irra jiraate keessatti waan hubate qaba. Hubannoo isaa kanas bifa qabatamaa dhaan ragaa qabatee mirkaneeffatee jira. Haalli mirkaneeffannaa isaa bifa kanaan mullate qaroomina har’a saayinsiin nu barsiisuun walgita. Aadaan akaakuu lakkaa’uu qorannoo barnoota saayinsii dame Baayolojii waliin hidhata cimaa qaba. Damee baayolojii keessatti barumsi Genetics jedhu kallattii dhaan dhimma kanaan walsima. Ummatni Oromoo dhimma kana waan hubateef fuudhaa-eerumaa irratti of eeggannoo cimaa qaba. 

Fuudhaa-eeruma fi akaakuu lakkaa’uu

Akaakuu lakkaa’uun ballinaan yeroo maatiin walgahee dudubbatu mullata ykn shaakalama.  Irra guddessi shaakala kanaa galgala galgala yeroo maatiin abidda marsanii goorduubatti mariyatani. Akkaataan maatiin bifa kanaan walitti dudubachuu kun daa’imman akka akaakuu isaanii baratanii guddatan taasisa. Daa’imman immoo daa’imummaatti waan dhagahan jireenya isaanii guutuu keessatti waan hin irranfanneef dhimma kana isaan shaakalchiisuun murteessaa dha. 

Daa’imman akaakuu isaanii lakkaa’anii guddatan shaakallii isaanii kana yeroo guddatanii sadarkaa gaa’elaa gahan itti fayyadamu. Dargaggessi (dardarri) fi shamarreen fuudhaa-eerumaa yeroo wal ilaallatan dhimmoota raawwachuu qaban keessaa tokko akaakuu lakkaa’uu dha. Kun caalmaatti dirqama isa fuudhuu ti. Inni fuudhuu damee abbaa fi dame haadha isaa hanga torbaa ykn hanga saagaliitti waama. Gama akaakuu mucayyootiinis akkanuma lakkaa’ama. Lakkaa’uu kana keessatti tarii yoo bifa qabatamaa ta’een qaceen walitti dhufee firooma agarsiisa ta’e fuudhaa eerumni sun ni hafa. Sababni hafus firri fira fuuchuun dhorkaa waan ta’eefi. 

Screen Shot 2019-01-17 at 6.00.13 PM.png

Gosa ofiitii ala fuuchuu

Fuudhaa eeruma keessatti Oromoon jalqaba gosa ofiitii ala filachuu ykn ilaallchuu qaba. Kana jechuun akaakuu lakkaa’achuun duratti ulaagaa ilaalamuu qabu guuttachuu jechuu dha. Gosa ofii keessaa fuudhaa eeruma raawwachuun fira fuuchuu ykn firatti eerumuuf nama saaxila. Oromoon yeroo wal fuudhu hunda dura gosa ofiitiin ala barbaadachuu qaba. Gosa biraa irraa barbaaddachuun akka firoomni jidduu isaanii hin jirre mirkaneeffachuufi. 

Namootni gosa adda addaa irraa walfuuchuu fi walitti eerumuun firoomni gidduu isaanii akka hin jirre mirkaneeffachuutti dabalatee faayidaa cimaa kan biroos qaba. Innis ijoollotni lameen warra wal fuudhanii fi walitti eeruman irraa dhalatan cimina ykn jabina qaamaa fi sammuu qabaatu. Inni har’a horsiisaa beyiladaa keessatti gosa adda addaa walitti makan (crossbreeding) ykn oomisha midhaanii fi kudraa fi mudra keessatti saynii walitti makan (crosspollination) Oromoon dur beeka jechaa dha. Kormi gaanaaf barbbaadamus isa filatamaa dha. Sanyiin midhaaniis yeroo midhaan sassaabamuu keessatti filatamee ol kaa’ama. 

Laga gama ykn lafa fagoo irraa filachuu

Dargaggessi fuudhaaf shamarree kaadhimmatu hanga danda’ametti naannoo jireenyaa isaa irraa laga gama deemee filachuu qaba. Haalli inni itti filachuu danda’u bakka sirbaa, bakka cidha fuudhaa eerumaa ykn bakka gabaa ta’uu danda’a. Bifa akkasiitiin eega filateen booda adeemsa biroo (jaarsa ergachuu fa’aan) itti fufa. Laga gamaa filachuutti dabalatee lafa fagoo guyyaa tokko deemanii gahan irraa filachuunis ni jiraata. Sana jechuunis bakka jireenya isa kaadhimmatuu sana irraa fagaachuu qaba jechuu dha. Hawaasni dhiheenyatti walkeessaa jiraatu wal tutuqquun hin hafu waan ta’eef of eeggannoo qabaachuun ni barbaachisa. 

Kanaaf laga gamaas ta’e fageenya guyyaa tokkoo irraa filachuun ni barbaachisa. Maal jennaan naannoo jireenya dargaggeessa sanaatii filata yoo ta’e namootni bifa adda addaatiin walitti makachuun jiraachuu waan danda’uuf haala akkasii irraa qulqulleffachuufi. Laga qaxxaamuruu fi fagoo deemanii kaadhimaa barbaaddachuun akaakuu lakkaa’uutti dabalatee kallattii firummaan namatti dhufuu danda’u mara hambisuuf akka mijatuufi. 

Saayinsiinis kan jedhu sanyiin namaa (hereditary traits) dhaloota har’aa irraa eegalee hanga torbaatti deema jedhama. Kana jechuun sanyiin abbaa ykn haadhaa hanga dhaloota torbaatti gara duubaa deemee mullachuu danda’a jechuu dha. Ilmi ykn intalli abbaa ykn haadha fakkaachuu dhabuun ni jiraata. Ilmi abbaa dhaan alatti akaakayyu, abaabayyuu … jechuun hanga dhaloota torbaatti duuba deebi’ee fakkaachuu danda’a. 

“Wal hin beekneen dilboo nama bulcha” jedhama duratti. Kana jechuun hiika guddaa qaba. Hiikni isaa rakkoo dhaloota ammaa biratti mulatu ta’uun isaas waan hubannu ta’a.  Dilboo nama bulchaan utuu hin beekin gosti (akaakuun) walitti makata jechuu dha. Gosti walitti makachuun immoo  gonkumaa jiraachuu hin qabaatu.

Firri fira fuuchuun fokkuu dha. Fira fuudhuun aadaa dhaanis ta’e amantii dhaan ykn immoo saayinsiidhaan fudhatama hin qabaata. Fira fudhuun ykn firatti eerumuun safuu cabsu t’a. Firri akka wal hin fuunetti of eeggachuun ummata adda addaa biratti yeroo dheeraaf beekmee  hanga ammaatti tureera. 

Gubaa’uu irraa baraaramuu (Prevent Genetic Degeneration)

Gubaa’uu jechuun dhalootni hir’ataa ykn gadi badaa (genetic degeneration) itti fufuu jechuu dha. Haalli akkasii nama irraa caalaa horii irratti ifatti mullata yeroo ammaa. Horiin (beyiladni) kormi bakka biraatii barbaadamee osoo hin gaansin achuma keessatti yeroo wal hortu qulqullinni horsiisaa sun hir’ataa deema jechuu dha. Yeroo ammaa namni Oromiaa keessaa naanna’uu loon irratti waan argu qaba. Karaa irratti yoo ilaallu illee loon qaamni xixiqqaate argina. Gadi bu’aa dhuftee xixiqqaatte jechuu dha. Namnis akkuma kana. Namni yeroo fira fuudhu qaamanis ta’e sammuu dhaan ni hir’ata. Namni akkasii qaamaanis ta’e sammuun (beekumsaan) hir’ina qabaata. Bakka namni fayyaan uumamaan guutuu ta’ee dhalatee guddate gahuu hin danda’u. Namni fira irraa dhalate hojinis ta’e jireenyaan isaa keessaatti  gadi aanaa ta’ee jireenya badaaf  caalaatti saaxilama.   

Akaakuu lakkaa’uun dagatamaa dhufe

Aadaan Oromoon bara dheeraaf itti fayyadamaa ture kun dhaloota ammaa biratti dagatamaa dhufee jira. Dagatamaa dhufuu kana qabxilee adda addaa eeruu dandeenya. Qabxiin guddichi dhalootni ammaa faayidaa akaakuu lakkaa’uu sirriitti hubachuu dhabuu isaa ti.  Dhimmichis gadi fageenyaan hin qoratamne waan ta’eef dhaloota barsiisuuf mijataa hin taane. Hir’ina kanaaf immoo itti gaafatamni kan dhaloota darbe osoo hin taane kan isuma ammaa ti. Inni darbe itti rakkatee hanga ta’e tokko har’aan gahatee jira. Hubachuu fi fayyadamuu itti fufuun itti gaafatama dhaloota ammaa ta’uu qaba. 

Hir’inni inni lammataa Oromoon aadaa ummatoota biroo callisnee ofitti fudhachuu isaa ti. Kun aadaa ofiitti boonuu fi faayidaa isaa hubachuu dhabuu irraan kan ka’e ta’uu hubachuu qabna. Kun of/if dagachuu dha. Ka’umsi of/if dagachuu kun ormaan bitamuu Oromoo ti. Ormi ummata biraa cabsee of jalatti yeroo bulchuu ummatni sun eenyummaa ofii dhiisee kan isa cabsee bite sanaa akka fudhatu taasisa. Oromoo irra wanti gahaa tures kanuma. Of tuffatee ormaa gaditti of ilaale. 

Sababa of tuffachuu tiin kan ka’e amantii ormaas ni fudhate Oromoon. Warri amantoota sana uummatan immoo aadaa sanyii isa akaakuu lakkaa’uu sanas hin beekan ykn nu irraa hin fudhatani. Warra akkasii keessatti fira fuuchuufa’atu jira. Araboonni gochaa akkasii qabu. Warri Juuwus kana irraa adda miti. Keesumaa warri Juuwu (Israelis) lakkoofsaan Arabaa gadi waan ta’anii yoo akkuma agatan Arabatti eeruman ykn Arabaan wal fuudhan aadaa akkaataa jireenyaa  Arabaa  waan fudhataniif liqimfamuu danda’u.  Warri Juuwu Arabaan walitti makachuu akkasii hin barbaadani. Biyya kanatti Oromoon ormaan wal fuudhee/walitti eerumee akka lakkoofsi isaa gadi xiqqaatu gochuuf duulli irratti adeemsifamaa ture. Keessumaa Oromoon amantii Kiristinaa Ortodoksii fudhate ani Amaaraa ofiin jedhe. Akkas godhee ormaan of waame gola alagaa ol guddisee kan ofii gadi xiqqeesse. Kaleessaa eegalee Ortodoksiin har’as bifa adda addaa tiin badii nu irraan gahu jira. Badiin kun bifa hin mullatnee fi bifa mullatuun nu irra gahaa jiru maddi isaa kanuma. Lakkoofsa ummataa gadi hir’aataa deemuun badi guddaa dha. Ummatni guddaan ni kabajama. Humna qabaata. Yoo akkuma baayyina isaa ijaaramee tokkoome diinaan cabuu hin danda’u. Tokkumma isaa yoo eeggatee of jabeesse orma ofitti fudhata malee orma jalatti hin kufu. 

Maal gochuu qabna?

Faayidaa akaakuu lakkaa’uu irra deebinsnee cimsuu qabna. Kana immoo ijoollee keenya barsiisuu qabna. Akkuma dhaloota Qubee barsiifanee afaan keenya badii irraa hambifannee guddifachaa jirru kana dhimmoota eenyummaa keenya calaqqisan hundumaa akkuma kana ol kaasuu qabna. Dhimmoota kana keessatti akaakuu lakkaa’uun isa tokko. Fuul duratti dhimma kanaa fi kanneen biroos beektotni Oromoo qorachuu qabu. Qoratanii yoo as baasan ummatni immoo dhimma isaa kana ofitti fudhatee bifa hundaan dagagfachuu qaba. Qaroomni addunyaan har’a ittiin of himattu ka’umsi isaa kan ummata Kushi (The Cush Civilization). Warri dur ummata Kushitti kooluugalanii isaan bara hamtuu dabarfatan shira xaxuudhaan har’as ummaticha bira darbanii jiru. Ummatichas akka diinaatti ilaalu. Akka tuffatamuu fi of tuffatu gochuuf har’a illee isa irratti hojjetaa jiru. Nuti immoo gara ofii keenyaatti deebi’uu qabna. ‘Uffatni ergisaa nama irraa fokkisa’ waan ta’eef yoo ergifachuu qabna ta’e illee isa nuu ta’uu danda’u filannee gara keenyatti deebifanee keenya jennee ittiin bulla malee kan ebaluu ti jennee orma ol kaafnee if gadi xiqqeessuu hin qabnu! Har’aaf xumure. Fayyaa ta’aa! Gadaan quufaa gubbina!

Taddalaa Tafarraa

 

Advertisements