Barnoota. (2), hundumatu jaja, hundumatu faarsa,
Isaaf eebba malee namni hin qabu abaarsa,
“Ni baranna” jedha lallabee dhaadata,
Waa’eesaa dhaga’uuf gurratu oldhaabata,
Yoo ciises abjuudhaan samii cuunfee qora,
Ekeraa barnootaa waliin tulluu kara,
Xinnaafi guddaa hin qabu fudhachuuf fakkeenya,
Sagalee barnootatu dhaale dachee keenya,
Nama barates qabna nu’i kallattii maraanuu,
Kan qalama hundumaa lixeeru,
Kan mana kitaabaa hundumaa lixeeru,
Kan waan barreefame dubbisee fixeeru,
Qabna beekaafi hayyuu ogummaan akeeku,
Kan daakuufi daaraa fuulleetti adda baasee beeku,
Dooktera …. Lawyera… Manaajera…
Pirofeesara …. Injiinara…. Maastera…
Lakkoofsa gonfoodhaan taaneerra kan weedduu
Yoo ta’es haa ta’u barnootni gaariidha,
Yoo baraton qofa sammuu gogaan jiidha,
Yoos karaa argatanii waan ulfaa’an da’u,
Yoos haalaan deemanii bakka yaadan ga’u,
Bukoon yoos bilchaatee dhamdhamnisaa tola,
Nama baratetu eenyumaasaaf lala,
Yoo barnoota dhabne nutty kolfa ormuu,
Barnootni gaariidha ani barnoota hin mormu,
Garuu….. Garuu…. Garuu…
Yoon barumsa koo kana gudunfadhee dhokse,
Yoon jiidhaa liqimsee of keesaatti gogsa,
Yoo beekumsa koorraa wallaalaan hin bariin,
Yoon qooda gumaachee sammuu doome hin kaasiin,
Yoon hundeessaa suphee seenaa jige hin kaasiin,
Yoon lammii koo tirsee goodaa keessaa hin baasiin,
Yoon safuuf gad jedhee tarkaanfii koo hin eegiin,
Yoon dhugaa mul’isuuf lubbuu koo hin wareegiin..
Maal fayyada barnootni maal bu’aanni laatu?
Buddeena yoo ta’e ilkaansaa qobaamnaan
Kolfaniiyyuu ni nyaatu!
Lataa Qana’ii
Latiiseenaa@gmail.com
+251 920 40 92 65