Jireenya hawaasaa fooyyessuufii guddina biyya tokkoo saffisiisuu keessatti lammiileen hundinuu dirqama yoo qabaataniyyuu ga’een hojjettoota waajjiraa kanneen sadarkaa adda addaa irra jiran baay’ee murteessaadha. Gareerraa (tokko-shanee) irraa kaasee hanga federaalaatti akkasuma dhaabbilee miti mootummaa keessatti namoonni ogummaa qabaniin uummataafii biyyaaf akka hojjetaniif amantaa guddaatu irra jira. Dirqamaafii itti gaafatama guddaas qabu. Mootummaafii uummata gidduu akka riqichaatti tajaajilu. Al takka takka ilaalcha dogoggoraa isaaniif qabnurraa kan ka’e akka isaan mootummaaf hojjetaniitti isaan fudhanna. Hojjettoonni waajjiraa kanneen sadarkaa kamirrayyuu jiran hojii uummataa hojjetu uummataafis hojjetu. Immaammanni mootummaan uummataaf baasu hojiirra kan oolu gama hojjettoota waajjira kanaatiini. Gammachuus ta’e gadda; bal’inaafii dhiphina uummataa itti siqeenyaan kan beekan hojjettoota waajjiraati. Mootummaan tokko kufee kaan bakka bu’uu danda’a garuu hojjettoonni gahumsa qabaniin wajjira tokko keessatti qacaraman mootumma haaraa dhufu waliin itii fufanii hojii ogumasaanii hojjetu. Haqni kun Afrikaafii biyyoota boodatti hafoo ta’an keessatti hin jirus; hiin beekamus.
Hojii uummataa kana bareechanii hojjechuuf wantoota isaan barbaachisan hedduu keessaa odeeffannoo ammayyaa qabaachuun isa tokkodha. Addunyaan maal keessa akka jirtuufii wantoota tibbanaa hubachuuf darbees beekumsa qaban gabbifachuuf odeeffannoon ammayyaa murteessaadha. Hojjettoonni waajjiraa tekinooloojii saffisaan fiigaa jiru kana waliin deemuu hin danda’an taanaan hanqina hojmaataa fiduunsaa waan oolu miti.
Mootummaan Itoophiyaas hojjettoonni waajjiraa odeeffannoo ammayyaa akka argataniif xiyyeeffannoo guddaa kennee socho’uu erga jalqabee waggoonni muraasni darbaniiru. Hojjetaan waajjira tokkoo dhuunfaatti moosejjii (kompuutera) xarapheezaa tokko akka argatu/ttu taasiseera. Toorri interneetii tolaan waajjira kamiifuu akka gadhiifamu ta’eera. Kanaaf hojjetaa waajjira tokkoof mooseejjii dhuunfaa kan toora interneetii waliin wal qabate waliin ni kennamaaf. Hojiin gama kanaan hojjetame baay’ee kan nama jajjabeessudha.
‘Waa tolee waa bada; gaariin mudaa hin dhabu’ akkuma jedhan gaaf tokko akka waajjira qo’annoo dhimma seeraafii imaammata addunyaawaatti pirojektii Sabqunnamtiiwwan Hawaasaa Haaraa jedhuuf guyyaa guutuu mooraa kiiloo jaa’aa mana kitaabaa Kenedii keessatti facebook fayyadamaan oole. Wantoota facebook irratti maxxanfaman xiyyeeffannoo itti kenneen ilaalaan ture. Hiriyyoota koo kanneen waajjira adda addaa keessa jiraniifii kanneen biyya alaa jiran dabalatee akkasumas kanneen barnoota irra jiran darbee darbee sarara facebook irratti wal-agarree haasaa waliin gochaan turre. Namootan waliin sarara facebook’n haasa’aa ture baay’ee keessaa kanneen hiriyyoota koo lamaa baay’ee na ajaa’ibe. Lamaan isaanii waliin digirii 1ffaa baranne. Barattoota qaxalee ta’aniifii hojii uummataa haala gaariidhaan hojjechuu ni danda’u jedhamee namoota abdatamanidha. Seexaa biyyaafii kan uummataa qabaachuun hanga eebbifamanii dhaabbilee barnootaa keessaa ba’anitti ta’uusaa amma reefu qalbiin koo hubata.
Hiriyyoonni koo kun ganama saa’atii afurii kaasee hanga waaree booda saa’atii kudha tokkootti sarara facebook irra turan. Anatu gidduutti addaan kutee deeme malee waan hojiif fakkeessanii hanga galgala saa’atii lamaatti toora facebook irra turan natti fakkaata. Waajjira isaan keessaa hojjetaniifii gaheen hojii isaanii gaafan yaadu facebook irra hanga kana turuu miti waan hojii uummataaf jedhanii yeroo laaqanaa qaban hin se’un ture. Anis otoon bakka isaanii buusee of ilaale waanan hojii dhiisee facebook irra oolu natti hin fakkaatu. Hojii uummataa dhiisanii guyyaa guutuu facebook irra oolanii gara manaatti galu. Galgalammoo bilbila dhuunfaa qabanitti fayyadamanii galgala keessa hanga saa’atii ja’aatti ijisaanii facebook irra jira. Kun gaaffii bu’uuraa kaasa. Hojiin uummataaf hojjetamu hin jiruu? Yoo jiraate jarri kun itti gaafatamummaasaanii yoom ba’u? hojjechuu yoo baatan qaamni isaan hordofu hin jiruu? Akka hojjetaa tokkootti odeeffannoodhaaf toora interneetii fayyadamuun ba’eessa. Garuu guyyaa guutuu facebook bananii suura ilaalaafii haasaa miciraan hin qabne haasa’aa ooluun qaroominas miti.
Wanti facebook irra nama oolchus waan miciraan qabu miti. Wanta safuu hawaasaa ciiga’uufii yeroo malee bakka hin taanetti dhaloota haaraa kana ciraa jirudha. fiilmii adda addaa hordofuu; ilaalchota hin taane duukaa bu’uufii wal arrabsuufaatu yeroo hojii uummataaf kenname dhuunfate. Hariiroon hojjettoota waajjiraafii facebook akkuma jirutti yoo ta’e kan obboloota durbaa addadha. Yeroo hin qaban. Dhiira adda addaa waliin dhimma jaalala waliin walfakkaaturratti yeroosaanii dabarsu. Qabeenyi uummataa akkasumaan gubata. Gibira uummanni gabbaruufii maqaa uummata kanaan gargaarsiifii liqaan dhufu moosejjii bituufii baasii interneetiirratti ba’uuf oola. Hojjettoonni waajjiraa garuu isa kana hin hubanne. Keessumaa itti gaafatamummaa uummataafii kan mootummaa amanamummaatiin ba’uu dhiisuun biyyi keenya hiyyumaafii boodatti hafummaa keessatti akka umurii dheereffattu godha.
Waanan taajjabe kanaaf balleessaa guddaa kan qabu eenyu jedheen of gaafachuutti ka’e. Jalqabarratti dogoggora guddaa kan hojjete mootummaadha. Mootummaan waajjira keessatti hojjettoonni hojiisaanii qofa akka dalaganiif to’annaa guddaa gochuutu irra ture. Fakkeenyaaf saa’atii muraasaaf yookaan dhimmoota filatamoo ta’an qofaaf malee toora interneetiitti akka hin fayyadamne dhorkuu qaba. Lammaffaa dhaloota baranneerra jedhee of jaju kanatu balleessaa guddaa qaba. Barachuun uummataaf biyyaaf malee facebook bananii suuraafii fiilmii adda addaa ilaalaa ooluu miti. Tekinooloojii waliin deemuu jechuunis guyyaa guutuu facebooktti fayyadamuu jechuu miti. Teknooloojiin madda qaroominaati malee dhibaa’ummaadhaaf sababa miti. Waajjira kamiyyuu keessatti qaamni olaanaan hojjettoota hojii isaaniitiin madaaluufii to’achuu qaba malee ilaalchaafii ejjennoo isaan dhuunfaasaaniitti qaban irratti hundaa’ee miti. Namni tokko waan barbaade yaaduufii ilaalcha barbaade hordifuuf mirga namoomaafii dimokiraasii qaba garuu dirqamni guddaan waan uummataafii biyyaaf hojjetamuun irra jiraatu hojjechuu qaba/di. Kanaaf hojjettoota facebook’f jedhanii hojii uummataa lafa kaa’aniif; leenjiin hubannoo kennuu yookaan tarkaanfiin seeraa irratti fudhatamuu qaban jedha. Uummannis isa kana hordofee tarkaanfii barbaachisu fudhachuu qaba.
Moonenus Hundarraa Galataatiin: Email: hmonenus@yahoo.com; Phone: +251-910-505-222; Qo’ataa Seeraafii Imaammata Addunyaawaafii Sayinsii Siyaasaa