Bara durii mucaa tokkotuu ture jedhama . Isaas maatiin isaa gaaf-tokko re’oota bobbaasi tiksi jedhaniin. Yeroo kana re’oota bobbaasee tiksuu deemee re’oota bobbaasee otuu eegaa jiruu hameenya tokko yaade. Kunis otuu sardiidni re’oota isaa jalaa hin tuqin sobaan iyyee namoota rifachiisuu baraade. Yeroo kana ka’ee akkana jedhe “U, U, U!” Maaloo na dhaqqabaa, maaloo na dhaqqabaa” jedhee iyye. Battaluma sana ummanni naannoo sanaa fi maatiin isaa rifatanii fiiganii dhufan.
Inni soban waan sardiidni re’oota nyaate fakkeessee iyye. Yeroo kana maatii fi ummanni sobee isaa iyye waan itti beekaniif deebi’anii galan. Sobaa isaa kanaan dallananii baay’ee lolaniin. Guyyaa lammaffaas re’oota bobbaasee ammas sobee waan sardiidni re’oota nyaate faakkeessee yeroo iyyu dhuguma itti fakkaatee fiiganii dhaqan. Yeroo isaan achi gahan homtuu hin taanes, re’oonnis hin nyaatamne. Guyyaa lammaffaa kanas aaranii galan. Gaafa Guyyaasadaffaa garuu sadiidni dhugumaan re’oota nyaachuuf fiigdee dhuftee. Yeroo kanas “U; U, U! maaloo na dhaqqabaa” jedhee iyye.
Haa ta’u malee maatii fi ummanni naannoo sanaa mucaa sobaa santuu iyye jedhanii jalaa cal’isanii mana taa’an. Yeroo kanatti garuu sardiidni itti nam’itee re’oota jalaa fixxee harka qullaa galchite.
Yommuu gurbaan harka qullaa galu kana maatiin isaa mucaa “Re’oonni eessa?” jedhanii gaafatan. Yeroo kana innis yeroo san “osoon iyyuu maaliif na jalaa cal’istan? Osoo fiigdanii dhuftani re’ooni maaf nyaatamu” jedheen. Sana booda “osoon duraan sobuu badhee maaf rakkoon kun na irra gaha” jedhee gadde jedhama.
Barataa Darajjee Lammaa, Kutaa 7ffaa, Mana Barumsa Sad. 1ffaa Dhibaa’uu