Yeroon nama hin eegu

Kaleessi hara’a hin ta’u, borus miti iftaan 

Wanta takkaa darbe hin qaqqaban bullaan

Yeroon nama miti na eegis hin jedhan 

Yoo yerootti qoosan ofiin gaabbaa hafan

Namni har’arra taa’ee kaleessaan of tuulu

Jireenyasaa ari’aa kan darbeen madaalu

Isa boruu dhiisee kan tureen of kuulu

Maaddii one arraba boru quufee hin bulu

Har’a ta’eet malee dur na ture arjaa 

Jedhee nammi of tuulu kaleessaan of jaja 

Bor hirriba dhabee akka hin bulle gurjaa

Ammuma haa dammaqu osoo hin eegne ajaja

Yeroo nama hin eegu amma libsuu ijaa!

Gasharee Abdiisaa 

Bakkalcha_2006@yahoo.com

+45 71 32 73 52

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s