YAADANNOO
Maaf calliftan?
Iyyaa, iyya labsaa
dhaamsa waliif dabarsaa
guca bilisummaa qabadhaa
dafaa, gamtaan birmadhaa
muka guddaa, Odaatu jige
malkaa obaa, maddatu goge
urjii Afrikaatu dhidhime
ifaa bilisummaatu dhaame
gaaddisa gurraalee
hambaa gootolee
hayyuu qarootu nurraa godaanee
kana calliftuu, garaa jabaattuu
dandeessanii obsituu?
aayyoleen siiqqee qabadhaa
aabbootiin bokkuu qabadhaa
iyya gaafoo birmadhaa
ya Waaqi nu hirphi jedhaa!
uggum, siif safuu ya Uumaa
kennitee fudhatta, hundumaa!
tokkicha akka dhibbaa
guddaa akka arbaa
michuu Taaddee Birruu
kan diina unkuru
leenca gurraacha warra kibbaa
dhabne kaa Maadibaa!
dhuguma, ni du’e moo ni godaane
akkam du’a, goonni roorroof hin jilbeeffanne?
yaa obbo Guutaa, yaa obbo Waaqkennee
maaf calliftan, dubbii kana hin dhageennee?
turtan mitii, isin isaaf gaaddisa
roorroo fi diina irraa ittisa?
har’a eessa biraa dhaqxan
moo harka kennisiiftan?
Anga’aa akka bakakkaa
gichillaa tokkicha Afrikaa
halkan qixxee warri du’asaa dhagahe
marti rifaatuun hirribaa ka’ee
jaldeessi ni buukumse, weenniin ni korrise
bosonaa fi daggalaa keessaa waldammaksee
bofaa fi jawweetu siikse
gafarsaa fi gadamsatu bookkise
qeerransi harqee, leenci baroode
fardaa fi arbatu himimse
guddaa fi xiqqaatu imimmaan lolaase
gurraachaa fi adiitu gadde
beeylada hundatu, mar’atee gadoode.
Yaabbo Mandeellaa!
mee waan si gaafadha
dubbii seenaan si iyyaafadha
warra Waaqkenneef maal dhaamte
gumaata isaaniif maal deebifte
ofii kee waa malattee
isaaniin maaliif dagatte
moo galafata nyaatte?
warra ormaaf gaachanaa
saba ofiif garuu daafanaa
silaa dagachuu hin malle
oolmaa warra gullallee.
siidaa bilisummaa, yabbo Mandeellaa
seenaan kee, ni ifa halaalaa
ujuba keerra Odaan haa dhaabbatu
addunyaa maratti anga’ee akka mul’atu
sirni Gadaa fi Siiqqee, Afrikaa akka fudhatu
ekerdubbiftuu dhaqna
dhaamsa ekeraa kee dhageenya
ujuba keetti irreeffanna
ayyaana kee hooddanna
jaalalaa fi kabajaan akka jiraatu
aadaa fi duudhaan durii akka deebitu
gabrumma fi hiyyummaan akka mancaatu
abbaan irrummaa akka buqqaatu
elaa fi elaameen akka walhubatu
faajjii kee olkaafna
hundee walqixxummaa dhugoomsina
seenaa kee ni kudhaammanna
guyyuu si yaadanna
ekeraa keef boqonnaa nagaa hawwina.
—————
Mudde 10, 2013
Hundasaa Waaqwayyaa