Maadiibaa – Abbaa Gaarummaa

Goota… ijoollummaadhumaa jalqabee gosa isaanii keessatti hooggansaaf kaadhimamaa ture, Neelsan Maandeellaan:

ALA bara 1918 Kibba Bahaa (Afrikaa kibbaa) ganda baadiyaa Veezooo jedhamtu iddoo addaa Tiraaniskeetti dhalatan. Maqaan maatiinsaanii moggaasaniif Rolihlaahilaa Dalibhunga Maandeellaa jedhama. Hiikni maqaasaaniimmoo damee mukaati, hiika ‘jeeqaa’ jedhus akka qabu ni himama. Sana booda waggaa torbatti mana barumsaa seenan. Maatiisaanii keessaas namni yeroo jalqabaaf mana barumsaa dhaqe isaanidha. Akkuma mana barumsaa seenaniin maqaansaanii Neelsanitti jijjiirame. Yeros ijoolleen Afrikaa Kibbaa warri gurraachi maqaansaanii akka warri adii waamuuf tolutti maqaa jijjiirrachuun dirqama. Yeroo sanaa kaasee Neelsan Maandeellaa jedhamuun waamamuu eegalan.

Maandeellaan maatii moototaa Tembuu jedhaman waliin firooma qabu. Yeroo ijoollummaasaanii dirree magariisa Tiraaniskee jedhamu keessa burraaqaa guddatan gammachuun yaadatu. Tiraaniskeen iddoo godoon boca gaaguraatiin ijaaraman itti baay’atanii fi lafa itti tifkataniidha. Maandeellaan kan bu’aa ba’ii jireenyaa arguu jalqabanis ijoollummaasaaniittidha. Maandeellaan umurii waggaa 9tti abbaansaanii dhibee sombaatiin irraa du’e. Sana booda haadhasaanii jalatti guddatanis, waa’ee abbaasaanii garuu waan sammuu ijoollummaatti qabatan hin irraanfatan. Amalli isaan ijoollummaatti abbaasaaniirraa baratan sadarkaa olaanaarra ga’uusaaniitiif gumaacha akka qabu dubbataniiru.

Abbaan Maandeellaa nama walqixxummaa namootaarratti ejjennoo cimaa qabu akka ture ilmisaanii Maandeellaan ragaa ba’aniiru. Abbaansaanii ijoollummaatti du’uunsaa gola jireenyaa hubachuu isaan dandeessiseera.

Maandeellaan ijoollummaadhumaa jalqabee gosa-saanii keessatti hooggansaaf nama kaadhimamaa turanidha. Toora guddinaa gosa isaanii keessatti wanti hundaa ol barbaachisu obsaa fi onnachuudha. Maandeellaan bara ijoollumaasaanii keessa wantoota hin irraanfanne keessaa kitaabasaanii keessatti waan barreessan tokkon isiniif qooda. Hawaasa Afrikaa hedduu biratti dhaqna qabaan beekamaadha. Maandeellaanis yaadannoo ijoollumaasaanii keessaa tokko dhaqna qabaadha. Yadannoosaaniis akka kanatti himu:

Yeroo umuriin koo 16 turetti, namni dhaqna nama qabuufi akka aadaa keenyaatti ingiciicii jechuun beekamu eeboo waraanaaf oolu ‘’assegayi” jedhamu qabatee dhufe. Ijoolleen dhiiraa kanneen biro gaabii maratanii miillasaanii diriirsanii taa’u. Akka aadaa Xohaatti, yeroo dhaqna qabatan sagalee guddaadhaan “Diyiindoolaa” jedhu. Hiiknisaas “Ani dhiira” jechuudha. Anis yeroo eeboo qara sana qaama koorra buusan, maal akkan ta’u beekuufan rakkadhe. Yeroo kana seesuun ykn boo’uun hawaasa keenya keessatti mallattoo dadhabinaati. Anis ofis ta’e garee koo qaanessuu akkan hin qabnen murteesse. Namni yeroo kana dhukkubbiisaa ciniinnatee obse darbe maqaansaa gootummaan akka waamamu waanan beekuuf hafuura sodaa koo ukkaamsee darbuuf of qopheesse.

Maanguddoon tokko na fuuldura jilbeeffatanii qaama koo fuulduratti harkisanii rukuttaa tokkoon ayyaana narraa kaasan. Dhukkubbiinsaa akka waan abiddi qaama kootti qabateetti natti dhaga’ame. Sekoondii muraasaan booda miira boo’ichaaf qophaa’e keessaa damdamadheen “Diyiindoolaa” jedhe. Akka warri kaan narratti hin barre miira dhukkubbii cimaa obsee gadi jedhee yoon qaama koo ilaalu haaluma gaariitiin qirixame. Maandeellaan erga gaafa sanaatii dhukkubbii jireenyasaanii keessatti isaan mudatu obsanii jiraachuu itti baran. Maandeellaan barumsa sadarkaa 1ffaa iddoo maqaansaanii itti jijjiirame M/B Metoodistiitti erga hordofuu jalqabanii kaasee barumsa isaaniitiin cimaa deemuun ALA bara 1939 Yunivarsiitii “Fort Hare” seenan. Yunivarsiitii sana keessatti miiltoo qabsoo ANC Ooliiver Taamboo waliin wal baran. Ooliiver Taamboo waliin sochii qabsoo bal’inaan otoo hin jalqabin dura Afrikaa Kibbaa keessatti hojii seeraa warra gurraachaan hojjetamu isa jalqabaa eegalanii ture. Haa ta’u malee, lamaansaaniiyyuu sosochii siyaasaa gochaa jirtu jedhamuun bara 1940 Yunivarsiitichaa ari’ataman. Maandeellaan mana barumsaa sadarkaa 2ffaa xumuranii erga Yuniivarsiitii seenanii , waggaa jalqabaa barnoota Afaan Ingilizii, Antiroopooloojii, siyaasaa fi seera barachuun qabxiin argatan hojjetaa mootummaa yeros lammiileen Afrikaa Kibbaa warri gurraachi hawwan ta’uuf kan karra isaaniif banuu danda’u ture. Yeroo Yunivarsiitii turan Ispoortii buunyaa fi Atileetiksii ni jaallatu.

Haa ta’u malee, hawwiinsaanii kun ALA bara 1940, yeroo waggaa 2ffaa baratan miseensa koree mana maree barattootaa keessaa fincila kaaste jedhamanii ari’ataman. Yeroo gara gandasaaniitti deebi’an, durba fuudhan dubbataniifii eegan. Maandeellaan durba isaaniif dubbatamte fuuchuu dhiisanii gara Johaannisbarg deeman.

Achittis hojii adda addaa hojjechuu eegalan. Haadha manaasaanii ishee jalqabaa Eveliin Maaseen waliin kan walbaranis tibba sanaadha. ALA bara 1944 wal-fuudhanii dhiira lamaa fi durba lama godhataniiru. Maandeellaan sochiin isaan paartii Kongirasii Biyyaalessaa Afriikaa (ANC) garee dargaggootaa keessatti qaban cimaa dhufnaan haati warraasaanii “Anaa fi ANC keessaa tokko filadhu” jechuun wal-dhabdee keessa seenanii wal-hiikan. Maandeellaan barumsasaanii seeraa xumuruu baatanis hiriyyaasaanii Oliiver Taamboo waliin hojii seeraa hojjechuu eegalan. Dhaabbanni seeraa Maandeellaa fi Oliiver Taamboo hundeessan kun Afriikaa Kibbaa keessatti dhaabbata seeraa warra gurraachaatiin dhaabbate isa jalqabaati.Tajaajilli isaan kennanis yeroos haalaan barbaadama.

Isaan lamaan wayita tajaajila seeraa uummataaf kennaa, kaayyoo siyaasaasaanii karaa seera qabeessaan galmaan ga’uuf tattaafachaa turan sanatti, wanti isaan mudachaa ture kallattii biraa akka yaadan isaan dirqamsiise. Sirni Appaartaayidii ajjeechaa namoota nagaa itti fufuun rakkoo gurraachotarra ga’u karaa nagaa furuuf kutannoo akka hin qabne mirkaneessaa deemuunsaa ANCn qabsoo hidhannootti seenuu akka qabu isaaniif gale. Bara 1956 Maandeellaan mootummaa biyyattii amanamummaa dhoowwachuun yakkamanii hidhaman. Waggoota shaniin booda bilisaan gadhiifamanis paartiisaanii ANC akka sochii hin taasifnee seeraan dhorkame, jaalleensaanii Ooliver Taambooniis biyyaa ba’e. Haadha manaasaanii lammataa Wiinii Madikizeelaa waliin bultii kan hundeessanis tibba sana ture.

Baroota 1950 fi jalqaba 1960 keessa, fincilli farra-appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessatti babal’achuu eegale. Mootummaan Appaartaayidii finciltoota bittinsuuf humni inni fayyadamu hammuma cimaa deeme, qabsaa’onni akka Maandeellaa qabsoon hidhannoo akka furmaata tokkootti ilaaluun barbaachisaa ta’uu amanuun sochii eegalan. Haaluma kanaan Paartiin Koongirasii Biyyaalessaa (ANC) qabsoo hidhannoo jalqabuun Appaartaayidii dura dhaabbachuu itti fufe. Neelsan Maandeellaan sirni Appaartaayidii karaa nagaan rakkoo furuu akka hin feene yeroo kamiyyuu caalaa hubachuun qabsoo hidhannootiif humna cimsachuuf dhoksaadhaan biyyoota Afrikaatti himalan. Biyyoota Afriikaa kan akka Itoophiyaa, Taanzaaniyaa, Aljeeriyaa, Gaanaa, Morookoo, Seeraaliyoon, Laayibeeriyaa, Maalii fi Ejiptiin daawwachuuf dhoksaa biyyaa ba’an. Landaniinis guyyoota 10f turaniiru.

Keessumaa turtiisaanii Itoophiyaa haala addaatiin Maandeellaan yaadatu. Sababnisaas Itoophiyaan biyyota Afriikaa gita bittaa Awurooppaanotaa jalatti kan hin kufnee fi gurraachotaaf madda ofitti-amanamummaa waan taateefi. Akka isaan jedhanitti, biyyoota daawwatan keessaa kan akka Itoophiyaa qalbiisaanii booji’e hin jiru. Biyya gurraachonni bilisummaan keessa jiraatan arguun madda ulfinaa isaaniif ta’uu barreessaniiru.

Hariiroo gootni kun gootota Oromoo faana qabaachaa turan ammoo barruu isa itti aanutti qabannee dhiyaanna.

Seenaa gootota guddina biyya keenyaaf of wareeganii ibsuun dirqama keenya!

Natsaannat Hayiluu tiin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s