Harbuu fi Leemmana

Harbuu fi Leemmana

Gaaf tokko Harbuun baay’ee guddaan tokko qilleensaan buqqifamee, laga tokko irratti kufe. Harbichi Leemmana gidduutti kufe. Harbuun leemmana gidduutti kufe kunis guddaa rifate. Leemmanni qilleensa jabaa sana irraa hafee dhaabata. Isaa boodas akkas jedhee gaaffii gaafate. “Isin warri sasalphoo fi dadhaboon kunniin, qilleensa akkas jabaatu sanaan attamitti akka caccabdanii hin hurraa’in haftantu na dinqaa jiraam isaaniin jedhe?” Isaanis deebisanii, “Ati qilleensaa wajjin wal-lolta ittiinis wal’ansoo qabda, kanaafuu hundeen buqqafamtee kufte. Nuyi immoo, faallaa keeti.  Utuu qilleensi jabaan nu bira hin ga’in dafnee gara inni qilleensa’utti luuccofna. kanaafuu immoo hin cabin hafne” jedhanii deebii kennan.

Barnoota seenaa kana irraa argannu

  • Jijjiramni yeroo jiraatu itti madaquu danda’uu fi haalaa wajjin of sirreessuu danda’uun  barbaachisaa ta’a. 
  • Garaagarummaa tokkoon tokkoo keenyaa waliif dinqisiifachuu qabna sababiin isaa immoo dadhabbiin nuyi warra kaan irratti hubannu haala tokko tokko keessatti immoo jabina ta’uu danda’a waan ta’eef.
  • Jabinni keenya inni cimaan dadhabbii keenya isa cimaa ta’uu danda’a.
  • Yeroo tokko tokko humna nu caalee nuttii dhufuuf gadi- hin jennu taanaan balafasa caccabuu of irratti fiduu dandeenya.
  • Eenyummaa keenya beekuun haala jiruu waliin osoo morminuu cabuu irraa hafnee yeroo haalli mijataan uumamuu akka itti fayyadamnuuf nu gargaara.

Gaaffiiwwan Marii

Gaaffiiwwan kana dubbisuun irratti haa yaadnu. Gaaffiiwwan marii kana irratti mari’achuudhaan eenyummaa keenya geggeessummaa keessatti attamitti akka itti dhimma baanu haa barannu. 

  • Yeroo jalqaba jecha “Jijjiirama” jedhu dhageesse maaltu sitti dhaga’amee ture? Ati caalaadhumatti harbicha moo yookiis leemmanicha kan fakkaattu taata?
  • Jireenya kee keessatti yeroo itti jijjjiiramaan wal’aansoo wal qabaa turte ibsi. Maal akka sitti dhaga’amu si godhee ture?
  • Yeroo jijjiiramaa wajjin adeemtu maaltu ta’a? kun akkamitti haala ati keessatti jijjiirama simattuun waliin morma?
  • Gama eenyummaa harbuu yookiis leemmanaa isa kamtu kan isaan gargaare yookiis kan isaan danqe ta’ee sitti argame? Amala akkasii keessaa kan ati of keessaatti argitu ni jiraataa?

Hubadhu:

  •   Yaadni Harbuun akka jabinaatti fudhate akka inni kufu fi akka inni jabina warra kaaniis salphisee ilaalu isa godhe.
  • Guddinnii fi jabinni Harbuu qilleensa bubbisu keessatti dadhabina ta’ee kufuu isaaf immoo sababii ta’e.
  •   Leemmanni gadi jedhee bubbee kuffisuu danda’u jala darbe. Harbuun garuu jabaatee dhaabbate akkuma amalawaan ittin mormeef hundeen buqqifamee kufe. Kanaafuu eenyummaan keenya yeroo hundumaa qabeenyaa nu fayyadu  ta’uu kan danda’u yoo haala sirriin itti fayyadamne qofaadha. 

 

Knanan dubisse iraa
Birra Ibsa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s