ABIDDAAN MAAF TAPHATTAA?

Abiddi hamaadha 

Abiddaan maaf taphattaa

Jireenya kee guutuu

Maalif of darartaa 

Hanguma abiddaa

Wallaalteetii laataa

Mee waa’ee abiddaa

Waa xiqqoo siif kaasaa

Kan biyya alaa miti

Kan biyyuma keessaa 

Kan ijaan argine

Kan gurraan dhageenye

Kan dhaloonni nuuf kenne

Yaa abidd!

Garjabummaa kee

Eenyutu siif ibsaa

Citaa irraa gubdee

Yoom dhiifte baaxii isaa

Kanattis hin dhiifne

Bakka tokkoo ka’ee 

Guutuu biyyaa ga’e

Jireenyi ganamaa

Nama hundarraa ba’e

Bosonatti darbee

Kaayyoo bara eegeree 

Dhuka isaa cabse

Sin birroofi bineensa

Hunda waliin raabse

Keessa konkolaatee 

Bofa diimaaf xaras

Innoo yoom sodaate

Jawweefi gaararraa

Summii dhala namaa

Gubdee fixxe nurraa

Garjabummaa kee argaa 

Citaan maaf sitti margaa

********

Huseen Curraa Dotii

E-mail:husseinc@yahoo.co

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s