Abalu

abaaluun gaariidhaa,

arjaafi mishoomaadhaa.

abaluun namaa miti 

fakkii bineensaati,innimoo?

ishiin moo?nama seetee?

bar namaa miti.jechuu namoota

hinuma dhagayan anis darbee darbee

kanuman fayyadamaa jecha biraa dhabee.

mee namni dhugaadhaa kan akkamiitii laataa?

guddina qaamaa,furdinafi dheerinaa

ykn gabaabina,

kaameeettuummaafi bareedina 

fuula tolummaa moo qajeelina simmboo,

namni dhugaadhaa kan akkamiitiboo?

dhiiroo maali mee madaallin namummaa?

safartuun eessa jiraa eertuun nama dhugaahoo?

warri taajjabdanii gargar dhilattani 

baayyachuullee baatu biicumaan bira argattanii?

mee naafis himaa abaluun nama dhugaati jedheetan dubbadhaa

..moo laaata waluma keessa?

namuma tokkotu kana lachuu qabaataa?

moo namni dhugaadhaa qophaadhaa haallisaa?….

Caalaa Haahiluu 

22/09/2014

14:35:38 PM

Stockholm,Enskede

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s