Ga’ee garee wal gargaarsaa of-danda’insaa nyaata mirkaneessuu keessatti qaban

Gareen wal gargarsaa dhaabbata namoota sadarkaa sadii qaba. Gareen wal gargarsaa “CLA” fi Tiinaatti. Gareen kun miseensotaa 15-20 dhiiraa fi dhalaan wal makaadha. Walii galattii namoota 15-20 namoota wal beekan fi haalli jireenyaa isaanii wal fakkaatu, akkasumas haalli galii isaanii wal fakkatu waliin ta’uun garee wal gargarsaa tokkoo kan qabaniif, seera mataa isaanii kan qabanidha. Miseensonnii garee wal gargarsaa kun kan xiyyeefatan namootaa harka qalleeyyii ta’an irraatti. Gareen baayyeen dubartoota qofa. Miseensonnii torbee torbeetti qussannoo xiqqoo qusaatu. Kunis saantima shantama irraa jalqabaa. Dhaabbataan qussachuun kaappitaallii ykn hangi maallaqa isaan qusatanii akka guddatu taasisa. Liqii dhala xiqqoodhan maallaqaa liqeeffachuun wantoota akka barnootaattif, baasii eegumsaa fayyaa, baasii muuddamaa yeroo ariifachiisaa isaan barbachisuuf, mayikiroo interpirayizii hundeessuuf ykn babbal’isuuf isaan gargaara.
Garichi ofiin kan of bulchuu yoo ta’uu garuu haala mijeessuu barbaachisuuf qussannoo miseensotaa irraatti kan hundaa’udha. Miseensonnii tokko tokkoo qusannoo isaanii haalaan kan qussatan fi carraa liqaa argachuu karaa garee wal gargarsaa kan argatanif jireenya isaanii keessaatti waan qabatamaa fidanii jiru.
Gareen wal gargarsaa dhaabbilee daldala dhuunfaafi garee adda addaa wajjiin hojjata. Gareen wal gargarsaa kaayyoon isaa hiyyuummaa hir’isuun, haala jireenyaa foyyeessuu, dubartoota jajjabeessuu fi hirmaannaa uummataa dabaluudha.
Akka qorannoon ibsutti gareen wal gargarsaa kun warreen garee keessa hin jirre waliin yeroo waliin madaalaman gammoojjummaa damdamachuu, keessatti warri garee wal gargaarsaa keessa jiran ga’ee ol aanaa tabachu isaanii qorannoon ni agrsiisa.
Gareen wal gargaarsaa dhuunfaa dhaabbata milkaa’aan gama hiyyuummaa hir’isuu, tajaajila leenjii fi gorsaa, balaa hir’isuu fi qonnaa baramaa gosa addaa adda, dagaaggina sochii daldalaa, fayyaa fi qulqullinaa, beeksisufu barnoota fi dandeettii biroo irraatti akka qabu mirkanaa’eera.
Walumaagalattii gareen wal gargarsaa dhuunfaa kun dabalataanis hojiiwwaan lubbu qabeeyyii deeggaruu, ol guddisuu fi hiyyuumaa hir’isuuf irraatti dabalee hojjata jira.
Gareen yunivarsitii Taftiis akka argatteetti gareewwaan wal gargarsaa dhuunfaa hundi kan gabaasan hir’inni nyaataa sababbiiwwaan miidhaan baduu, garee of dhaabaan caalaa abbootii warraa muraasni beelaaf saaxilamuu akkasumaas beeyladonnii muraasni waan du’anif kanneen hafan gurguruun dirqamame. Qorannoon akka mul’isutti gareen wal gargarsaa dhuunfaa keessaattu miseensonni garichaa yeroo dheeraaf keessaa turan caalaatti gogiinsaa damdachuuf abbootii warraa kana ni dursu. Gareen qorattoota biraa akka gareen wal gargarsaa dhuunfaan goginsaa yeroo dheeraa turuu damdamachuuf tooftaalee kanneen akka qonnaa yeroo gabaabaa fi oomisha gosoota gara garaa akka fayyadaman ibsaniiru.

Qorannoon muraasni akka adda baaseetti soorata addaa addaa ,baayinaa fi qulqullinaan gareen wal gargaarsaa keessattuu gareen seeraan hundaa’an fi lenjii jijjirama qilleensa baramaa fudhatan. Gareen qorattootaa nyaataan of danda’uu gaanfa Afrikaa akka argatanitti gareen wal gargarsaa dhuunfaa dandeettii nyaataan of danda’uu isaanii yeroo abboottii warraa bira qabamee ilaallamuu dhibbentaa 30 hanga 50 garaagarummaa qaba.
Aadaan qusannaa kan dabaluu garee wal gargarsaa dhuunfaattin yoo ta’uu kunis dhunfaa galii isdaanii dabaluu fi itti yaadanii akkata barbadamuun waan karoorfatanif. Qorannoon akka addaan baheetti waliin ta’aanii qusaachuuf liqaa dhala gad aanaa qabu argachuun abbootii warrattif yaalaaf, ijoollee isaanii ittiin barsiifachuuf, akkasumas liqqeeffatanii qarshii yeroo dheeraa keessatti deebi’u argachuuf isaan gargaara. Tarkaanfiin hawwasummaan rakkoo of irraa ittiisuu fi haalli bulchjiinsaa faayinansii mijaata ta’e jiraachuun namoonni harka qalleeyyiin yeroo goginsii mudaatu akka liqaatti hin liqilmfamneef gargaara. Gareen ofiin of gargarsaa miseensonni isaanii karaa madda galii argamsiisuu haaraa kana irra fayyadamaniiru.
Godina Walayitaattii gareen wal gargarsaa 4 seeraan hundeeffaman dhibbaa dhibbaa miseensonnii isaanii guyyaatti yeroo sadii soorachuu akka dand’an kan gabaafamee yoo ta’uu osoo garee waliin wal gargarsaa kanatti hin dabalamin garuu guyyaatti yeroo tokko soorachuun iyyuu itti cimaa kan turee fi gargarsaa nyaataa eeggachaa akka turan dubbatu. Godinaa sidaamaatti immoo akka gabaafameetti miseensonnii garee wal gargarsaa kun erga miseensotaa garee kanaa ta’anin booda qulqullinii, gosti fi baayinnii soorataa guyyaatti sooratani kan dabale ta’uu gabaaafameera.
Naannoollee lammeenittuu miseensonnii garee wal gargaarsaa kunneen adeemsii nyaata itti argatanii fi sooratan dabaluun isaa gaabafmeera. Gareen wal gargarsaa dhuunfaa kun miseensonnii isaanii balaaf rakkina dhufu damdamachuu akka danda’anif gargareera. Miseensonni garee wal gargarsaa dhuunfaa kun warren miseensa garee kanaa hin taanee caala balaa tasa dhufuuf of qopheesu. Kunis karaa qonnaa addaa addaa fi omisha gosa garaa garaa omishuun caalaatti of qopheessu.
Gareen wal gargarsaa dhuunfaa kun uumamaan balaa gahuu malu ittin hir’isaan fi dhiibbaa jijjirama qillensaa fidu to’achuu, akkasummas gareen leenjii qonnaa adda addaa lafa qonnaa oyiruu organikii ta’ee qabaniif akkata jijjirama qilleensa barama madaqanii muuxannoon, gorsaa fi baayiinni soorataa dabaluu irratti foyyee guddaa qabu. Madaalliin gaggeefamee akka agarsiiseetti abboottin warra hawaasaa wal fakkaatu keessa jiraatan ta’ee kanneen miseensaa garee kanaa hin ta’iin harka caaluu balaa kanneenif saaxilamoodha. Gareen wal gargargarsaa kunnen dandeettiin isaan nyaataan of danda’uu irrraatti qaban yeroo warreen kaan biraatti ilaalaman dhibbentaa 30 hanga 50 garaagarummaa qabu.
Gareewwaan wal gargarsaa dhunfaa kunneen balawwaan tasaa mudachuu danda’an irraas dafanii bayyanachuuf saxilamummaan isaan gama ittisa balaa akkasummas tarkanfii ittisaa fudhataniin warren kaan caala foyya’insa olaana qabu. Kunis hawaasa waliin jiraatan keessaatti karaalee akka miidhaan nyaataa kuusuu fi raabsuu, warren gargarsaa barbadanif gargarsaa hawaasummaatti hirmaachisuuf waliin geesisuu irraatti liqa yeroo gabaabaa kan dhala irraa bilisa ta’e dhiyeessuu keessaattu yeroo dhiphinaa fi rakkoon fayyaa mudaaten dafanii damdachuun hedduu isaani garee keessa jiran foyya’oodha. Kana malees balawwaan hawaasattii dhufuu malu ittisuu fi bal’inaan addaa baasuuf qabeenyaa dhabbata hawwasichaa kanneen akka karaa tolchuu fi lubbuu qabeeyyii kununsuun jajjabesuu, omishaa gosa adda addaa fi jijjirama qillensa baramaa qonna wal simatu qotuu jajjabessuu wajjin wal qabata.
Akka mala dhawaan ibsuutti ( theory) gareen wal gargarsaa kun umna gama too’annoo balaa hawaasatti dhufuu irraatti qabu cimaa kan ta’ee fi karaa hariiroo hawwasichaa cimsuun hanga gandaatti akka mul’atuu ni taasisa.
Sababbii qusannoo garee isaanittin tokkon tokkoon miseensotaa garee wal gargarsaa carraa liqaa dhallii isaa gad aanaa ta’ee fi hunda isaanii hirmaachisuu danda’uu argachuu qabu.
Kana malees akka dabalatattii akkataan liqaan itti kennamu, dandeettii nama liqeeffatuu, kaayyoo liqaan kennamuuf , qabatamaa haala jiruu irraatti hundaa’ee kan kennamuu fi haalli kunis haala jiruu bu’uraa godhatee kan jijjiramuudha. Hallii kun immoo miseensonni garee wal gargarsaa keessaattuu dubartoonnii suuqqiiwwaan xixxiqqoo akka banatan, beeyladaa akka horsiisuu danda’an, mana shaayii banachuu akka danda’an, kuduraa fi muduraa omishuu akka danda’an, beeyladootaa furdisuu akka danda’an, biddeena tolchaanii gurguruu akka danda’an, dhugaatii naannoo isaanitti beekamu qopheessuun gurguruu akka danda’an, mana nyaaata xixxiiqqoo banachuu akka danda’an, moorawwaan yunivarsitii naannoo isaanitti argamu keessaatti wantootaa addaa addaa hojjachuu akka danda’an, miidhaan dheedhii daldaluu akka danda’anif, soorata daandii irraatti bifa salphaan qophaa’an kanneen akka chiipsii qopheesuu akka danda’anif carraa banaaf.
Argannoon qorannoo heddu akka mul’isuutti gareen wal gargarsaa dhuunfaa misensaa isaanii gogiinsaa akka damdamataanif yoo gogiinsii mudatees dafanii akka damdamachuu danda’an daran gargaara. Kanamalees gareen wal gargarsaa ta’uun bu’aan inni gama qabeeya qabuu fi saaxilumman balaa tasaa mudatuuf qabu hir’isuun madda galii isaanii ol kaasuun hiyyuumaa hir’isuu keessaati gahee olaanaa qaba.
Gabaabummaatti hordoffii madaalliin gaggeefamee irraa bu’aan argamee akka mul’isuutti nyaataan of danda’uuf miseensa garee wal gargarsaa ta’uun barbachiisaadha. Kun immoo kan mul’isu nyaata of danda’uun irraatti gareen kunneen warren miseensa hin taanee caala harka hedduu foyyeedha. Dabalataanis gareen kanneen keessatti hirmaachuun hiyyuumaa hir’isuu fi dhaabbiidhaan qusachuuf akkasummas carraa liqaa argachuuf gareen uumamee faayinansii isaanii cimsachuu deegarsa keessaa bahuun saaxilummaa balaaf qaban gad buusuf heduu barbachiisadha.
Walumaagalatti qorannoowwan cimsanii akka agarsiisanitti qabeenya lubbu qabeeyii akka dagaaguuf fayyadamummaan irraa argamu qabu akka guddatu hariiroo hawaasummaa isaanii akka cimuuf, carraa liqaa faayinansii madda galii uumuu argachuuf mana ijarachuuf meshallee dhaabbii mana keessatti bitachuuf carraa ifaan walin mari’atanii murteesuu balabl’isuuf gareen kun fayidaa olaanaa qaba. Kunis ifaatti kan mula’tu fayyadamtonnii garee kanaa irra caalaan dubartoonii fi abboottin warraa faayinansiin isaanii sadarkaa gaarii irraa gahuu isaatti. Sababbii kanaf carraan balaaf saaxilamuu isaanii gad aanaa yoo ta’uu carraan qabeenya dhabbata isaanii gatii gad anaatti gurguruu isaan mudatus gad anaadha.
Lakkofsi garee wal gargarsaa dhuunfaa Tirfandiin waliin hojjatanii 20,000 gaheera.
Qorannoo dhiimmawwaa
Hawwiin hojii dhabduuf haadha manaa kan taatee jiraachaa turte. Waggoota muraasa dura garee wal gargarsaa dhuunfatti dabalamte. Yeroo sana Hawwiini fi abban manaa ishee mana kiraa keessa jiraachaa turan. Yeroo garee wal gargarsaa dhuunfaa kanatti dabalamtuu abbaa mana isheetti hin himne turte. Yeroo jalqabaa yaadni isaa fi ishee kan wal hin fakkanee ta’uus, boodarra garuu torbanitii saantima shantama hanga qarshii tokkotti akka qussatu heyyamuu fi eegale. Hawwiin dargaggeetii fi garee kana keessaatti muxannoo kan hin qabne turtee. Miseensonnii muuxannoo dheeraa qabaniif bilchaatoo ta’an yeroo yeroon kan ishee gorsaa turaanif booda irra barreesituu garee taasisuun ishee filatan. Hawwiin qarshii 1000 liqqeefatee horii furdisuu jalqabde. Sana booda suuqii xiqqoo bantee wantoota mana keessatti yeroo muraasaf fayyadaman gurguruu eegalte. Liqa yeroo jaha fudhatte. Dhuma irratti liqaan guddaan isheen fudhattee birii 5,500 ture.
Waggaa laman dura abbaan mana ishees garee wal gargaarsaa kan warra dhiiraatti dabalamee ture. Erga garee kanatti dabalameen boodaas dhiyeenyaa kana qarshii 30,000 liqeeffate. Qusannoo isaa ol guddisuun qarshii 90,000 liqeefate. Liqa dhumaa fudhatanin maashinii sibiila bayyaduu fi mashinii bilookeetii tolchu bitatan. Maatiin kun yeroo ammaa mana lama qabu. Gaarii fardaan harkifamuu sadiin guyyaa guyyaan itti hojii isaanii mijeefatan qabu. Yeroo ammaa kana tilmaamni qabeenyaa isaanii waliitii qarshii miliyoona 1.5 ta’a.

Advertisements