Dhaabbattonni idiil addunyaawwaa ta’an kan biyya Itoophiyaa keessa jiran, waliin sagantaa ykn beellama qabachuuf haali yeroo ittin fayyadamnu salphaa miti. Kunis kan ta’u danda’eef Itoophiyaan sa’atii ykn yeroo kan mataa ishee waan qabduuf. Kunis kan warra dhiyaa irraa garaagarummaa sa’atii 6 kan qabudha.
Yeroo bay’ee namootni akkas jedhu, “ akka sa’atti warra dhiyaatti, sa’atii 2:00 tti wal arginaa: jedhu. Kun immoo akka sa’atii kan itoophiyaatti sa’atii 8:00 ta’a jedhuudha. Yeroo hundaa karaa lamaan sa’atii himuun ni danda’ama.
Itoophiyaan mundhii lafaatti dhihoo wan jirtuuf dheerini guyyaa fi halkanii waggaa guutuu garaagarummaa guddaa hin qabu. Kun immoo haali yeroo himuu kan guyyaa fi kan halkaniii akka ta’u taasisa. Kun immoo namoota biyya kana doowwachuuf dhufaniif salphaa miti. Wanti nuti yaadachuu qabnuu namoonni biyya kana doowwachuuf dhufan haali yeroo ykn sa’atii itti himaan kan adda ta’e waan qabaniif guyyaan isaaniif kan calqabuu halkaan walakaa yeroo dukkaanaa keessaadha.
Yeroo akkas ta’utti seera gargaarama sa’atii 6 yaadachuun salphaadha. Hiriyaa hojii keef akkaataa haala lakkofsa biyya biraa fayyadamuuf ibsuuf kan yaadachuu qabduu, yeroo hundaa sa’atti warra dhiyaa argachuun kan itoophiyaatti sa’atii 6 idaa’u akka ta’e yaadachisudha.
Fakkenyaaf:-
8:00 = 8+6 = sa’atii 14:00 ykn sa’atii 2:00 kan warra dhiyaa ta’a
3: 00= 3+6= sa’atii 9:00 ykn sa’atii 9:00 kan warra dhiyaa ta’a
Halkan walakaa kaase hanga sa’a laaqanatti (AM) sa’atii warra dhiyaatti irratti ganama,
waree boodaa hangaa halkaan walakaatti (PM) guyyaadha. Kanafuu yeroo namoota waliin sagantaa ykn beelama qabduu akka wal hin rukkuneef of-eeganno gochuun barbaachisadha.
Dabalataaf:-
https://en.wikipedia.org/wiki/Time_in_Ethiopia
https://www.pri.org/stories/2015-01-30/if-you-have-meeting-ethiopia-you-better-double-check-time
āŋā ķāŋā ķ āŋ ŋā dђįbų şā’āţįįŋ bįyyā ķęęŋyāţţį gāŋāmā 1:00 ђāŋga 12:00 ţţį ām jędђā yęŗoo 12:00 jędђų pm jędђā ŋųţį şā’āţįį yęŗoo ŋāţţį ђįmŋų ķ āŋ ƒāŗāŋjįį ŋāmāţţį ђįmŋāyį Amma gaaffin si gaafadha bara 2010 yeroo keessa ba’u bara 2011 ta’u sa’a meeqatti Bara 2011 ta’a ❓ naaf him Akka kan warra dhiyaa jettu kanatti ykn Akka sa’atii itoophiyaatti.
LikeLike