Maaliin si fakkeessuu
Attamiin si ibsuu
Eenyuun si fakkeessuu
Midhaayaan moo hadhaani
Dammaan moo aannani
Heexoon moo summiini
Biftikeehoo maali
Diimaamoo gurraacha
Adii moo hoomicha
Keelloo moo booricha
Dhuguma ati maalii
Isa si qorateef
Tooftaa sitti bareef
Ilaalee hubateef
Kan dhugaa dheeboteef
Qabee si kunuunseef
Dhuguma jaalala
Eenyutu si caala
Doofaa qaroomsita
Goota laphee fuuta
Beekaan harka laata
Mootiin jilbeeffata
Waraanni dhaabbata
Hundumaa boojita
Inni si wallaale
Namummaa wallaalee
Doofee tibjaajayee
Namaa gadi tahee
Hundi itti hadhaayee
Lapheen dhiiga booyee
Jireenyi boorayee
Itti dukkanaayee
Maatiin bittinnaayee
Manni qullaa tayee
Uffatee dhaamota
Jiraachuu dheebota
Harkumaan maraata
Ofii harka laata!!!
Beenyaa Dhaabaa Hordofaa
Email didaa200@yahoo.com
baaye namatti tola
LikeLike