Sooddoon Ilma Daaccii ,Ilma Tuulamaa damee Booranaa kan Ilma Oromooti. Tuulamni Ijoollee sadii qaba ture isaanis Daaccii, Bachoo fi Jillee dha. Yeroo mara namooti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagayan akka qomoo biraatti kan ilaalan keessumaayyuu akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoon ijoollee sadii godhatee lafasaa maqaasaatiin moggaafatee irra jiraachaa ture. Sadan ijoollee sooddoo; Odituu,Ummeefi Liibanjedhamu. Isaan kana warri har’a sadan sooddoo jedhamuun beekaman. Lafti Sooddoo naannoo Oromiyaa Shawa kibba lixaatti argama . Aanoti Sooddoo , aanaa bachii ,aanaa Walisoo aanaa tolee, aanaa bu’ii qarsa maalimmaan fi soddoo daachii yemmuu ta’u karaa ba’aatiin Maqii dugdaa karaa kibbaatiin aanaa bu’iitiin daangeffama. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalle Sooddoon ilma daaccii yeroo ta’u Daacciin Ilmaan sadii godhate sadan sana keessaa inni tokko Sooddoo dha. Isaan kaanimmoo Galaaniifi Aboo jedhamu. Goototni ilmaan Oromoo lakkaa’amanii hindhuman. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti Taddeesee birruu, Abdiisaa Aagaa Waaqoo Guutuu Oliiqaa Dingilii fi kan kana fakkaatan yeroo mara kaafna. Goototi kun egaa Ilmaan Oromoo fi lafa Oromiyaa naannoo adda addaarratti kan dhalatan ta’uun beekamaadha. Akkuma kana ilmaan Oromoo damee tuulamaa warra sadan sooddoorraa goototi dhalatanis hedduudha. Isaan keessaa yeroo mara maqaan isanii akka biyyoolessaatti kan ka’uuf akkuma gootota Oromoo yeroo adda addaatti goottummaasaaniitiin beekamanii fi Xaaliyaanii biyya isaanii wareeruuf dhufte lafa isaaniirraa calaasuun kan bekaman warra dame tuulamaa ilmaan sadan sooddoo keessaa hedduu maqaa dhayuun ni danda’ama. Duula Xaaliyaanii 1ffaa fi 2ffaa irratti kan hirmaateefi Duula Maqaleefi aduwaarratti gootummaa agarsiiseen kan beekamtii guddaa argatan keessaa kan maqaansaa akka biyyoolessaatti waamamu Baalchaa Safoo (abbaa nafsoo) damee Tuulamaa ilma Oromoo hidda sooddoo ta’uunsaa beekamaa dha. Baalchaan Bulchaa naannoo sidaamoo fi boodammoo Harar ta’uun tajaajilaa tureera. xaliyaaniin lafa abbaa isaanii weeraruuf dhufnaan biyyaa calaasuun beekamanii guddaa kan qabudha. Baalchaan soorama ba’ee utuu jiruu Xaaliyaaniin deebitee biyyaa weerartee jennaan waggaa 73ffaasaatti biyyi koo ormaan booji’amuushee taa’ee hin ilaalu jechuudhaan xaaliyaaniitti duulee duularatti lubbuunsaa dabarteetti. Isa qofaas miti gootota lafti sooddoo biqilchite Baqqalaa wayyaa Obsees isa tokkodha . maqaasaatiin manni barumsaa finfinnee keessatti moggafamee yaadannoof jira. Kan biraan G/maariyaam Gaarii Godaanas akkuma kana Lise G/maariyaam “timihirti bet” jedhamee maqaasaatiin yaadannoof moggaafamee jira , egaa Goototi sadan sooddoo hedduudha kan akka Dj Ganamee Badhaanee, Fituwararii Merdaasaa Gadaa,Fituwraarii Taddesee Gananame Qenyi azmach Bayyanee Guddataa Awaash akka akka fakkeenyaatti ilaaluu dandeenya. Sooddoon lafa abbaasaa Oromoorra kan jiraatuuf aadaa fuudhaa fi Eerumaa aadaa gammachuu aadaa boo’ichaa aadaa sirna Gadaa kan qabu yeroo ta’u saba oromummasaatiin boonudha. Goototi armaan olitti maqaasaanii dhoofne kun egaa ofiifi saba isaaniirra darbanii lafa fagoo deemuudhaan akka Itiyoopiyaatti seenaa isaan gabasan kan irraanfatamu miti. Itti dabalees yeroo lamaaf piresideentii Itiyoopiyaa ta’uun kan filamaniif waggaa kudha lamaaf kan biyyattii bulchaa turan kabajaa Dooktoraa kan ta’an obbo Girmaa W/Giorgisis ilmaan sadan sooddoo Oromoo keessaa isaan tokko dha. Ilmaan Sooddoo gootummaan isaanii karaa hedduu kaasuu dandeenya isaan keessaa gootummaa misoomaatiin maqaan isaanii kan dhayamu hedduutu jira. Keessumayyuu finfinnee keessatti Gamoo gurguddaa ijaaruun daldala adda addaa irratti hirmaatanii kan jiran fi misooma biyyattii saffisiisaa kan jiran hedduutu jira. Kana qofaas miti jaalala lammiisaaniitiif qaban agarsiisuuf Hospitaala haati maaliif duuti jedhu fi dhalloti dhufu qaroomee biyya isaaf bu’aa ta’uu akka danda’uuf mana barumsaas kan ijaarame gootota misoomaa kaanaani. Warri sadan sooddoo akkuma Oromoota naannoo adda addaarra jiraatanii sirna gadaatiin bulu yeroo ammaa kanas Odaa kallachaa isa laga uraagoo qarqaratti argamu jalatti sirna gadaa isaanii gaggeeffatu.