Mammaaksota

  • Tokko Jennee, lama Jenna jedhuu Oromoon.
  • Aariin abbaa ajjeeftu, ilmatti ceeti.
  • “Abbaan kee eenyu?” jennaan “haati koo farda” jette gaangeen.
  • Abdii olla, niitiin dhirsa heexoo obaafti.
  • Adaamii olla agamsaa, imimmaan irraa hin qooru.
  • Afaaniin maqanii, miillaan hooda dhaqu.
  • Afaan leencaa, huubni hin kajeelu.
  • Akka hiree malee, akka hiriyaa hin bulan.
  • Arrabaan arraba hidhu.
  • Bakka qeerransi ka’e, jaldeessi taa’a.
  • Bara bishaan hammaate, yaatuun nama kajeela
  • Bara eeganii, barruu horatu.
  • Bookeen bakka kooba hin qabne, “na koobaa!” jetti.
  • Buna lubbuuf xaaxahu, warri naatolii kadhata.
  • Daa’ima sooressaa dhungachuun, gabbarsa fakkaatti.
  • Daakaniif hin marqani; yaadaniif hin argani.
  • Dhamaatuun dhama raaftee, ro’oo komatti.
  • Dheeratteef miti; lukkuun ulfina manaaf, gadi jettee seenti.
  • Dhoqqee miilaan dheessan, fuulaan itti kufu.
  • Dhukkubni funyaan qabe, afaaniif deema.
  • Dubbii salphisuuf, jalaa calllisu.
  • Dullachi saree ofiif seera tumeetu, ofiif dura dhagaa arraaba.
Advertisements

One thought on “Mammaaksota

Leave a Reply to Mammaaksota – www.gobbele.com Cancel reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s