- Tokko Jennee, lama Jenna jedhuu Oromoon.
- Aariin abbaa ajjeeftu, ilmatti ceeti.
- “Abbaan kee eenyu?” jennaan “haati koo farda” jette gaangeen.
- Abdii olla, niitiin dhirsa heexoo obaafti.
- Adaamii olla agamsaa, imimmaan irraa hin qooru.
- Afaaniin maqanii, miillaan hooda dhaqu.
- Afaan leencaa, huubni hin kajeelu.
- Akka hiree malee, akka hiriyaa hin bulan.
- Arrabaan arraba hidhu.
- Bakka qeerransi ka’e, jaldeessi taa’a.
- Bara bishaan hammaate, yaatuun nama kajeela
- Bara eeganii, barruu horatu.
- Bookeen bakka kooba hin qabne, “na koobaa!” jetti.
- Buna lubbuuf xaaxahu, warri naatolii kadhata.
- Daa’ima sooressaa dhungachuun, gabbarsa fakkaatti.
- Daakaniif hin marqani; yaadaniif hin argani.
- Dhamaatuun dhama raaftee, ro’oo komatti.
- Dheeratteef miti; lukkuun ulfina manaaf, gadi jettee seenti.
- Dhoqqee miilaan dheessan, fuulaan itti kufu.
- Dhukkubni funyaan qabe, afaaniif deema.
- Dubbii salphisuuf, jalaa calllisu.
- Dullachi saree ofiif seera tumeetu, ofiif dura dhagaa arraaba.
One thought on “Mammaaksota”