Dur, yeroo uumamni lafarraa kun uumamuu jalqaban, samii fi lafti walitti dhihoo turan. Karaa roobaatiin wal quanamanii walitti dubbachaas turan, yeroo sana roobnis bonaa ganna osso addaan hin kutiin roobaa ture. Guyyaa tokko gaangeen rooba kana jibbitee “maaliif yerro hundaa roobsita, rooba kana nurraa dhaabi” , jette. Kutuu didee itti fufe. Gaangeenis ol utaaltee dhiitte, Waaqnis gaangeeti gaddee akka massentuuf abaare, Guyyaa sanarra jalqabbees samiin olfagaate jedhama.
Kanan dubbisee irraa
Alambirhan Fiixee