Gaaf tokko jaartiin qoraan barbaada gara dhaqxtee otuu bosona keessa naannoftuu qeerransa du’aa argite. Hoggaa kana ariitii dhaan daddaftee mi’a (meeshaa) barbaaddee gogaa irraa baaftee gurguratte. Garbittiin gaafa masqalaa bitamte borus masqala jetti akkuma jedhamutti ammas torban tokko booda bosonuma sana keessatti deebitee qeerransa du’e otoo barbaadduu tokko kan ciisu argite. Akkuma kaanduraanii ni du’e itti fakkaatee qaltee gogaa irra baafachuuf hoggaa gadi jettu qeerransi rafaa ture dammaqee qabee ajjeese. Akkasitti jaartiin torban torbaniin qarshii barbaada baatee lubbuu ishee dhabde jedhama.