Duuti Maaliif Mul’atee Hin Dhufu?

Dur,duuti namatti dhaammatee, mul’atee dhufa ture, Gurbaa tokkotu niitii fuudhuuf abbaa fi haadha isaa waliin mari’ate. Haata’u malee, guyyaa fuudha isaa bulee akka du’u duuti itti dhaammatee ture. Osso hin fuudhiin dura yerro abbaa isaa mari’atu fuudhee bulee kan duuti itti dhufu ta’uu issa itti himnaan “homaa miti ati fuudhi malee anuu siifan du’aa” jedhaan abbaan. Haaluma kanaan haadha isaattis himnaan haatissa “anuu siifan du’a ati fuudhi malee” jetheen. Kana booda gurbaan fuudhuuf murteessee guyyaan fuudhaas gahe. Deemee fuudhee dhufe. Bulee akkuma ithi dhaammate duuti beellama eegee dhufe. Yeroo kana mucaan abba isaa bira deeme “duuti sirbaa dhufeeraatii koottuu naa du’i” jennaan dide, Dhumarratti waan godhu dhabee yommuu gara manna deebi’u duuti itti sirbaa balbala ga’eera yeroo kana du’a abba manaa ishii agartee intallin kaleessa herumtee dhufte, misirroon golaa baatee “ani nan du’aafi jette. Erga kanaa duuti gurbaas intalas dhiisee gara fuunduratti dhokatee malee mul’atee dhufuu dide jedhama.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s