Guyyaa tokko Mootiin Akkoo Manooyyee jedhamtu, uummata walitti qabdee “lafaa fi waaqa gidduutti mana naaf ijaaraa” jettee murtoo dabarsite, uummannis ajajni kun itti ulfaatee mala dhahuutti ka’an. Guyyaa birra ofitti waamatnii, “abbaatu utubaa dhaabbate kottu utubaa nuuf dhaabi” jedhani. Isheenis utubaa dhaabu waan hin dandaanyeef dhiisaa haa hafuu jette jedhama.