Tokko Jennee, lama Jenna jedhuu Oromoon. Aariin abbaa ajjeeftu, ilmatti ceeti. “Abbaan kee eenyu?” jennaan “haati koo farda” jette gaangeen. Abdii olla, niitiin dhirsa heexoo obaafti. Adaamii olla agamsaa, imimmaan irraa hin qooru. Afaaniin maqanii, miillaan hooda dhaqu. Afaan leencaa, huubni hin kajeelu. Akka hiree malee, akka hiriyaa hin bulan. Arrabaan arraba hidhu. Bakka qeerransi … Continue reading Mammaaksota
Month: June 2018
Sooddoon Ilma Daaccii ,Ilma Tuulamaa damee Booranaa kan Ilma Oromooti. Tuulamni Ijoollee sadii qaba ture isaanis Daaccii, Bachoo fi Jillee dha. Yeroo mara namooti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagayan akka qomoo biraatti kan ilaalan keessumaayyuu akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoon ijoollee sadii godhatee lafasaa maqaasaatiin moggaafatee irra jiraachaa ture. Sadan ijoollee … Continue reading SADAN SOODDOO
Namni gaariin ni beekama Gaarii hojjetee wareegama Aadaa isaa mararfata Jaarsa biyyaaf bakka laata Irree isaatiin lafa soqee Karaa barruu babbaqaqee Jireenya isaa fooyyeffata Egereedhaaf karoorfata. Sammuu duwwaatti of hin dhiqu Qoonqoof jedhee liqii hin dhaqu. Of bokoksee of hin jaju Iddoo hin taanes hin ijaajju! … Continue reading Nama gaarii
Biyyi addunyaa irraa yeroo jalqabaaf daldala garbaa mormitee akka dhaabbatu kan goote biyya - Ispeenidha Biyyi addunyaa irraa yeroo jalqabaaf adabbiin du'aa (death penality) akka hafu kan labsite biyya – Venezuweelaadha. Biyyi addunyaa irraa yeroo jalqabaaf qarshii waraqaa irratti maxxansiifte biyya – chayinaa (song dynasty) Biyyi addunyaa irraa yeroo jalqabaaf Teembira poostaa (post stamp) … Continue reading Kana Beektuu?
Dur, yeroo uumamni lafarraa kun uumamuu jalqaban, samii fi lafti walitti dhihoo turan. Karaa roobaatiin wal quanamanii walitti dubbachaas turan, yeroo sana roobnis bonaa ganna osso addaan hin kutiin roobaa ture. Guyyaa tokko gaangeen rooba kana jibbitee “maaliif yerro hundaa roobsita, rooba kana nurraa dhaabi” , jette. Kutuu didee itti fufe. Gaangeenis ol utaaltee dhiitte, … Continue reading Gaangeen Maaliif Maseente?
Ana malee jedhee Anuma faana kaadhee Kophaakoo gulufee Ofuma bira lufee Ofiif boodatti hafee Oliifgadi fiigee Fiigee fiigee fiigee Namni lammii malee Omaa ta’uun harge.
Eeboo darbataanii jinfuu hin qabatanii afuura kaleessaa har’a hin qusatanii silaa ganna darbeef mana hin ijaaranii boruuf yaaduu wayya har’a irra taa’anii.
Of hin bellamiin guyyaa boruutti Yeroon hormaa nama gantii har’is hin barfannee ganama ammuma kaadhu yaa ilma namaa. Boggaalaa Moosisaa
Eeboo darbataanii jinfuu hin qabatanii afuura kaleessaa har’a hin qusatanii silaa ganna darbeef mana hin ijaaranii boruuf yaaduu wayya har’a irra taa’anii.
Dur,duuti namatti dhaammatee, mul'atee dhufa ture, Gurbaa tokkotu niitii fuudhuuf abbaa fi haadha isaa waliin mari'ate. Haata'u malee, guyyaa fuudha isaa bulee akka du'u duuti itti dhaammatee ture. Osso hin fuudhiin dura yerro abbaa isaa mari'atu fuudhee bulee kan duuti itti dhufu ta'uu issa itti himnaan “homaa miti ati fuudhi malee anuu siifan du'aa” jedhaan … Continue reading Duuti Maaliif Mul’atee Hin Dhufu?