Godina Shawaa Bahaatti kan argamtuu magaalaa Adaamaa Keessatti dubartootni baay’een jireenya isaani kan gaggessan karaa adda addan ta’uus, baay’een isaani daldaala xixxiqqoo irratti bobba’udhani. Taa’umsi magaala kanaa dhiyeenya magaala finfinneetti qabduu irraan kan ka’e guyyaa tokkotti namootni baay’een gara magaalaa kanaa ni dhufu. Daldaalli magaalaa kana keessaa baay’ee ho’adha. Kanaaf dubaartoonni magaalaa kanaas jireenyi isaani daldaala irraatti kan hunda’e dha.
Aadde Masarat Kumsaa Maatii ishee wajjin badiiyyaa irraa gara maagala kanaa erga dhuftee bubbultee jirti. Isheenis itti gaafattamtuu Garee wal- gargaarsaa kan magaala Adaamaa keessatti argamuu ta’uun hojjachaa jirti. Isheeni fi maatiin ishee baadiyyaa irraa kan gara magaalaa dhufaan yommuu ta’u, jijjirama barbaachaf jecha mucaa ji’a saddeetii qabachuun akka gara magaala Adaamaa kanatti godaanan dubbatti.
Yeroo sanatti hojii waan hin qabneef haalli jireenya isaanii baay’ee rakkiisaa ture. Abban manaa ishee hojii humnaa hojjachuun galii xiqqoo argataa ture. Galiin kun immoo nyaata isaaniif illee ga’a akka hin turre dubbatti. Isheen hojii waan hin qabneef mana teessee daa’ima guddisuun qofa hojii kan biraa hin qabdu turte.
“Garee walgargaarsaa keessatti gurmoofnee qusannoo saantima 50 qusachuun jalqabne. Qusanno kana akka jalqabnuu fi akkaata daldaala ittin jalqabnuu lenjii arganne jira. Nutis lenjiicha hojiitti hiikudhaan jijjirama qabatamaa dhufe arginee jira.” Akka Adde Masarat jettutti deegarsii adda adda gama mootummaanis ta’e dhaabbata dhuunfaa biroo gargaarsa isaani yoo itti fufan jijjiramni kun gara fuulduraattis sadarkaa guddaarra ga’uu akka danda’u dubbatti.
Aadde Tsiggee Tashoomaas jirattuu magaalaa Adaamaa fi miseensa wal gargaarsaa yemmuu taatu, ijoollee 3 fi abbaa manaa ishee wajjiin hojii daldaalaa irraatti bobbaatee jiraatti. Addee Tsiggeen osoo hin gurmaa’iin dura Warshaa boloqqee keessaa mindaa xiqqaan hojjachaa kan turtee yemmu ta’u, abbaan manaa ishees hojii humnaa dalagaa ture. Galiin isaani kun nyaataf, ijoollee barsiissufis ta’e jireenya haawassummaa kan akka Afooshaa fi uqubii kaffaluuf rakkisaa ture.
Amma erga namoota 12 ta’udhaan gurmaa’anii gara hojiitti seenanii haala gaarii irra jiru. Dubartoota kunneen gurmessudhaan leenjii adda addaa kennuun gara hojiitti akka seenanif gargaarssi kan ta’eefi mootummaa fi miti mootummaa irraati. Fakkenyaaf, Qalahiwoot lenjii wa’ee daldaalaa kennuun, qamnii mootummaa immoo bakka hojii kennuun gargaaranii jiru.
Addee Tsiggee fi namootni ishee wajjiin gurmaa’an qusannoo isaani osoo addaan hin kutin qusachuudhaan har’a jireenya foyya’aa jirachuu jalqabaniiru. Haata’umalee har’as gama wabii nyaatatiin, nyaata madaalawwaa argachuun rakkisaa akka ta’e dha. Nannoo sanatti waanumaa argataan nyaachuu irraan kan hafe filannoodhan nyaachuun ykn nyaanni madaalawwan maal akka ta’e ille namootni beekan muraasa.
Gara biraan dubartoonni amma illee osoo hin gurmaa’in jireenya rakkisaa keessa jiraniif qamnii dhimmi ilaalu gurmeessanii mootummaa immoo bakka hojii bilisaan akka kennuuf Aadde Tsiggeen ni gaafatti.
Miseensi garee wal gargarsaa kun akka jettutti rakkoowwan dubartoota mudatan akka bay’ee ta’an dubbachuun, keessattuu warren hir’ina qaamaa qabaniif ilaalchi taasifame hin jiru. Akka aadde Hawaa Sharafaa jettutti qaama hir’uu ta’uu isheef gargaarsa argachuu qabdu hir’inaa qamaa waan qabduuf osoo hin argatiin hafuu ishee dubatti. Isheen huccuu aadaa hojjachuun jireenya ishee kan gaggesituu yoo ta’u, osoo gargaarsa maallaqaa liqiin argattee kaapitaala ishee guddisuun galii ishees fooyyessuu akka dandeessu dubbatti. Ammaa garuu qamaa hir’uu ta’uu ishee qofaaf osoo hojjachuu dandeessu ilaalchii uumatichaa garrii waan hin taanef hawaasichaa wajjin hojjachuudhaa baaattus qofaa ishee jireenya ishee gaggessa jirti. Dabalataan namootni gurma’aniis ta’ee qamnii isaan gurmeessu namoota hir’ina qaamaa qaban akka isaan waliin hojjataniif eyyamamoo miti. Kanaafuu namoonnii akkasi kun abdii kutachuun mana taa’u fi jireenya isaaniif maallaqa kadhachuun gaggessaa jiru. Yoo gargaarsa barbaachisaa argataan namootni kunneen akka hojjachuu danda’anii fi of- jijjiruu danda’aan beekamaadha.
Akkasumas gareen wal gargaarsaa kun walitti kurfa’udhaan mana baruumsaa banataani jiru. Akka dura buutuun mana baruumsicha aadde Sannaay Tayyee jettetti dubbartooni kunnen osoo hin gurmaa’in dura galii tokko illee kan hinqabnee fi rakkoo cimaa keessa warra turaniidha. Yeroo jalqabaaf qusannoo santimaa kudhaniin kan jalqaban yemmoo ta’u, adeemsa keessaa rakkoo hawaasa keessaa jirachaa jiran furuuf karoorfatan. Nannoo isaanitti manni baruumsaa olmaa da’imanii kan maati harka qalleyiif ta’u akka hin jirre ilaaludhaan, mana baruumsaa oolmaa da’imanii banan. Kanaanis daa’imman nannoo sanaa baasi xiqqaa fi warren hiyyeesa hiyyesa ta’an bilisaan barsiisuu jalqaban.
Bakka haara kanatti mana kiraa keessa waan jiraniif, kiraan manaa immoo yeroo gara yerootti dabalaa deema. Kun immoo kaffaltii barnoota maatii irraatti akka dabalamu taasisa. Maatiin immoo kaffaltii guddaa kaffaluu waan hin dandeenyeef ykn harka qalleeyyii waan ta’aniif ijoolleen isaanii akka mana oolan taasisu. Kanaafuu rakkoo kana furuuf qaamnii mootummaa lafa manni baruumsaa irraatti ijaaramuu bilisaan yoo kenneef , isaan gargaarsa tola oltotaa irraa gargaarsa gaafachuun akka mana baruumsaa ijaaru danda’an dubbatti.
Walumaagalatti akkuma seena keyyata armaan olii irraa hubachuun danda’amutti gareen walgargaarsa guddina hawaasa walitti fufiinsaan hiyyummaa hir’isuu fi dubartoota harka qalleyyi bay’een hiyyuma keessa of baasuf karaa akka ta’eedha. Akkaa Garee walgargaarsa biyyoollessatti, bulchiinsa nannoo isaani waliin ta’uun hojii gaggarri heddu hojjachuun danda’ameera. Haata’umalee gareen walgargaarsaa kun dhabiinsa moodelii irran kan ka’ee seera waltawaa qabachuu dhabuun isaani rakkoodha. Kun immoo rakkowaan adda adda garicha irratti fida, fkn liqaa bankii irraa fudhachuuf, lafa karaa seera qabeessa ta’een argachuuf, fi tajaajiltoota uumataa adda adda argachuuf humni isaani ni hir’ata.
Kanafuu Gareen walgargaarsa Itoophiyaa keessa jiran akkamitti hubannoo fi guddina fulduraa isaaniif fi walqixxuummaa dubartootaa , hirmaannaa isaani, murtee kennu, karaa dimokirasittin fayyadamumma isaani, galii, hawassumma fi aadaa jireenya isaani guddisu danda’u?