Ashamaa Akkam jirtuu?

Ashamaa Akkam jirtu?
Kallattii arfan irraan lammiileen koo martuu
Nagaan sin gaafadhaa ashamaa akkam jirtu?

Dur oromoon akkasitti walitti dhufu,
Safuufi aadaa liqimsa,malee aakkifatee hin tufu,
Harka lamaan hiixatee haammatee wal dubbisa,
Hidda godhadhu’ jedhee eebbisee wal guddisa,

Hi’ jedha dhaloonni ammaa immoo quba lama ol qabee,
Haammatee wal dubbifnaan hoo silaa maqaasaatu cabee,
otoo wal bira jiruu nyaara ijaan walbuqqisa
Gaafii immoo ceequun dha’ee gateettii wal buqisa.
Ani garuu ittuman jira safuu abbootii koo qaataa,
Naanna’ee sin dubbisuuf haamma yeroo koot xiqqaata,
Achumatti sin haaga’u nageenyi koo hatattamaa,
Dhiiraaf dhalaan martinuu akkam jirtu, ashamaa?

Warri marqaa garbuutiin furdattanii hin qabne qaqallaa,
Warri Baalee Roobee, warri Arsii Asallaa,
Warri itittuu malee hin dhugne baaduu qalloo,
Warri Nageellee Gujii, warri Yaa’aballoo,
Warri shawaa Fiichee, warri Dambi Doolloo,

Warri laphee keessan irraa iddoo hin qabne jibbi,
Warri gootaraatiin diinqa tuultan dilbii,
WarriWallisoo, warri gibii,
Otooma dhiibamtanii daangaa keessan bal’isee.
Warri Eebbaafi jaalalaan waaqni seenaatti hambise,
Warri walloo, warri kamisee.

Warri cooma malee takkaa hin nyaanne shiroo,
Warri Amboofi Adaamaa, darbees warri Ciroo,
Warri buna qalaatiin addunyaa waamtan martuu,
Warri Jimma Abbaa Jifaar, warri Iluu Abbaabor Mattuu

Warri beddeefi cumboodhaaf laagaan sin banamte,
Warri Shaambuu, warri Naqamtee,
Warri kuduraafi muduraatiin waakki tokko hin qabne,
Warri Harar, warri Shaashamannee….

Abalu jadhee hin fixu ani warri Oromiyaa martuu,
Anoo inuman isin yaadaa… akkamuma naaf jirtuu?

Lataa Qana’ii
Yuunivarsitii Finfinneetti, Barataa seeraa waggaa 3ffaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s