yayo-oromia-forest
Otoo mukti gogaan jiruu jidhaan hin muriin,yoo gogaa dhabdemmoo otoo jallaan jiruu sorooroo hin muriin “ Oromoon mukaaf kabaja guddaa qaba akka ilmoo isaatii ilaala “ Ilma olguddatuu fi muka olguddaatu hin xuqiin”waliin jedha. Muka/bosan maalee jireenyi akka hin mijanne tolcheet beeka. Kanaaf ni leellifata. ni kunnunsa ni mararfata ,muka sababa gahaa tokko maalee hin muru.

Muruuf yoo dirqamellee otoo mukti gogaan jiruu jiidhaa hin muru. Yoo jiidhaan dhabemmoo otoo jallaan jiruu sorooroo mureete hin balleessiin . Sorooroo muruuf gaafa dirqamettee sorooroon akka isaa dacha ta’e e deebi’ee akka latu godheet mura malee hin barbadeessu.

Mukti gaaddisa,gaaddisa namaa fi sa’aa. Oromoo biratti uumamnis uumamnis safuu mataa isaanii qabu,
Mukti safuu qaba,ilmi namaa safuu qaba, malkaan safuu qaba,tulluun safuu qaba,Haroon safuu qaba,qarree safuu qaba.dubri qarree safuu qabdi haatii fi abbaan safuu qabu. Lagdi safuu qaba. Caffeen safuu qaba. Waanti hundi safuu qaba.

Safuu qabaachuun kabaja qabaachuudha.kabaja qabachuun immoo jaalala qabachuudha,jaalala qabaachuun kunuunsa qabaachuudha.kunuunsa qabaachuun guutinsa yookin badhaadhina hir’ina hin qabne fida.kun egaa waan hundaaf safuu qabaachuu fi kabaja qabaachuun bu’aa guddaa akka qabu nama hubachiisa.

Wanta tokko gaafa bakka kennineefii ulfeessinee kunuunsine bu’aa isaa barra.kun ergaa hammam uummanni kun bosonaafis ta’ee uumama birootiif kabaja guddaa akka qabu kan argarsiisudha.
Naannoo jaarraa 16ffaa keessa abbootiin gadaa Oromoo seera tokko tuman jedhama. Tumaan kunis waa’ee bosonaa kan ilaallatu yoo ta’u oromoon yeroo sirna ittiin bulmaataa isaa tumate waa’ee qabeenya uumamaa otoo hin tuqne yookiin waa’ee qabeenya uumamaa otoo hin ilaalin bira akka hin dabarre afoolli Orommoo ni ibsa. Jaarraa 16ffaa keessa Oromoon waa’ee sirna isaa yeroo tumatu waa’ee bosonaa/mukaa akkana jedhe tume jedhaana. “Otoo mukti gogaan jiruu jiidhaan akka hin muramne,yoo gogaan dhabamemmoo otoo jallaan jiruu sorooroon akka hin muramne,kunis yoo hin taanemmoo mukti murame dacha ta’ee deebi’ee akka latee guddatutti akka muramu kan jedhu akka tumetti dubbatama. Kana irraa wanti barannu tokko uummanni durii otoo hin baratiin qaroome kun akkamittiin waa’ee miidhaa fi faayidaa bosonaa /qabeenya uumamaa baruu danda’ee kan jedhu akka walgaafannu kan nugodhu ta’uu isaati.

Warri kun waa’ee saayinsii qabeenya uumamaa (environment and ecology) barataniitimoo yookiin yeroo sanatti faalamni qilleensaa (enviroment pollotion) uumameeti turee’ Gaaffii jedhuuf gabaabumaatti deebii kennuun yoo barbaachise yeroo sanatti faalamni qilleensaas ta’ee hir’inni/qaaliin mukaas waan tureef otoo hin taane hawaasichi aadaa fi duudhaa isaa ganamaa ittiin dhalate keessatti qabeenya uumamaa naannoo isaa jiru hundaaf kabajaa fi jaalala guddaa waan qabuufidha. Hawaasni bal’aan kaleessaa kun bosonas ta’ee lubbu qabeeyyii isa keessa jiraatan ni kabaja seeraan ala daangaa itti hin darbu kanammoo saayiinsii uumamaan (duudhaan isaa kan isa barsiisedha. Madaalliin addunyaa kanaa eegamee lubbuqabeeyyii akkaataa uumamaa isaaniitiin) hiree isaaniitiin akka jiraatan kan godhu madaalliin uumamaa kun eegamee yoo fulla’e ta’uu dursanii hubatan.

Tokko baduun kan biroos akka balleessu ni beeku kanaaf mukaaf ni sassatu, Har’a lageen kaleessa bo’oo isaanii guutanii utaalan humni isaanii hir’atee ganna qofaa bo’oo isaanii guutanii kan deeman yoo ta’u bona garuu goganii hawaasichis ta’ee lubbuqabeeyyiin biroo rakkoof saaxilamuuf gahaniiru. Bosonni laga haguguuge bishaan keessa jidduu bosona dhangala’u safuun isaa irraa mulqamee goodaatti hafe ededni kaleessa bishaan keessa yaa’u walitti dhiphatee hanga duuduutti kan ga’aa jiru sababa bosonni kabajaa fi marartee dhabeef ta’uun isaa kan nama shakkisiisu miti. Abbootiin kaleessa uumama isaaniitiin saayinsii madaallii uumamaa tolchanii hubatan sun ammuma lubbuun darbaa dhufan dhaloonni haaraan itti fufe kabajaa fi mararte bosonaa caala bu’aa yerootiif bakka kannuun hubannoo gahaas dhabuun bosona ibiddaa fi qottaan barbadeessuun addunyaan qullaatti hafuuf kan deemaa jirtu fakkaata.

Hojii yeroo ammaa idiladdunyaa(World wide) fi biyya keenya keessattis bosona deebisanii gabbisuu irratti hojjatamaa jiru kan jajjabeeffamuu qabu ta’ullee gahaa fi qofaa isaa kan sirna baasu ta’ee natti hin mul’atu. Sababni isaas bosona dhume bakka buusuuf biqiltuu dhaabuun alatti jaalalli dhaloonni ammaa mukaf/bosonaaf qabu baay’ee xiqqaa ta’uu isaa irraa kan ka’edha. Yoo jaalalli jiraate kunuunsi gahaan godhama, yoo jaalalli jiraate muruu fi gubuu irraa of qusanna. Kanaaf biqiltuu dhaabuu jaalachuu irra biqiltuu mataa isaaf jaalala qabaachuun faayidaa guddaa qaba. Isa jiru balleessanii(mancaasanii) gaafa rakkoon dhufe dhaabuuf kaachuu qofaa otoo hin taane isa jiruuf kabajaa fi jaalala yoo qabaanne biyya keenyaa fi addunyaa badii jalaa baraaruu ni dandeenya.
Tulluuwwan safuun isaanii irraa soqolamee aduu fi bokkaaf saaxilaman safuu isaaniitti deebisanii wayyaa isaanii itti huwwisuun yeroon isa kan barfate yoo ta’e malee kan hariifate jechuun hin danda’amu. Hojiin sulula bosonaa yeroo ammaa hojjatamaa jiru quubsaa ta’uu baatus kan itti fufuu qabuu fi lafa bokkaa, aduu fi bubbeen dhiqamee nyaatamee dhumetti lubbuu kan deebisu ta’ulleen hunda caala dursuu kan aqbu hawaasti kun akka warra kaleessaatti bosonaaf jaalalaa fi marartee dhugaa akka horatu hojiin hubannoo guddisuu dursee irratti hojjatamuu kan qabudha. Sababni isaas kan amma ajajaan hojjetan caalaatti gaafa hubatanii seenaa isaanii kaleessaa yaadatan caalatti kaka’umsa ofiitiin waan caalu hojjiachuu waan danda’aniifi. Bosona dhaabuun cinaatti bu’aa fi fayidaa isaa barsiisuun hubannoo qonnaan bulaa fi hawaasa baadiyyaa gabbisuun yeroon kan kennamuufii miti. Kunimmoon aadaa fi duudhaa waliin yoo walqabsiisan caalatti fudhatamaa fi hubannoo hawaasaatiif ni dhiyaata jedheen amana. Bosonni jireenya ,Bosonni lubbuudha, Bosonni qabeenya, bosonni waan hunda bosona kan barbadeessu lubbuu ilmaan namaa fi wantoota lubbu-qabeeyyii miliyoonaan lakkaa’amanii akka barbadeessatti ilaalamuu qaba.

Boggaalaa Moosisaa
+25191190916

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s