Kuta Afraffaa
Yeroo Guddataan garee wal-gargarsaa wajjiin jalqabe bay’ee sodaatee fi dhiphate. Toftaan kun akkamitti nama qaroo hin qabne gargaara, jedha. Innis torbee torbeedhaan santiima 50 kan kadhatee argatu irraa isaan bira gessuu qaba, garuu inni namoota argee hin beekne amanee qarshii isaan birratti qusaachuun cimma itti ta’e. Isaan yoo najalaa hataan hoo? Isaan maalif mucaa daa’imumma isaa kaase qaroo hin qabne maalif gargaaru?
Yeroo dhihoo keessatti akka qarshii 10 qusate beeka. Kun jalqabbi gaaridha. Garuu waanti gaariin akkata qusannoo beekudha.Innis kana gochuu akka danda’u hubate, sababiinisaa namootni akkatadhuma kanaan jalqabanii milka’an nanno sana akka jiran beeke. Aaddee Alamiin kan akka inni garee sana seenuf gargaarte sun, qusanno erga jalqabdee wagga gessee jirti. Amma isheen manduube isheetti kuduura fi muduura oomishuun gabaatti gurgurtti. Kana irra qarshii xiqqaa argatti, ijoolle ishee 4 nyaachisuu dandessee jirti. Guddataan ofiisaa yoo danda’e ga’adha.
Tarii inni lukku horsisuuf in yaala jedhe yaada, Mucaan qaroo hin qabne kun hanqaaqu omishuu ni danda’a.
Amma iyyu jireenyi Guddataaf salphaa miti. Guyyaa tokko konkolaatan Izuzu jedhamuu tokko yeroo Guddataan dandii qaxxamuruu, rukutuun milla isaa miidhe. Garuu lafeen isaa hin cabnee. Garuu torbee 3 baay’e dhukkubeti, fi akka yeroo kaani deeme kadhachuu hin dandeenye ture.
Aaddee Alamiin bakka Guddatan jiru dhufte ilaalte. Guyyaa muraasaf waan nyaatu dabboo fi aka’ii fiddeef. “ Gareen walgargaarsa akkan dhufee si ilaaluf nagaafataan” jetten.
Guddataanis “Asiin jira, Lubbuun koos jirti,” jedhe. “ Garuu torbee darbee kaffalti koo osoon hin kaffaliin darbee,” jedhe. “Isaaf hin yaada’iin “ jette aadde Alamin. “Hundi keenya akka ati milkooftu barbaadna, kanaaf yeroodhaaf kaffatii kee kaffalle jira” jette.
Guddataan bo’uuf barbaade. “Galatoomi, waadan seena, deebiseen siif kaffala. Yeroo qarshii argadhetti, irra caala dabarseen kaffala.” Jedhe.
“Milkaa’uu keetin nuuf kaffalta, torbee itti annu dhufuu dandeessa?” jette gaafatte.
Guddataniis, “amman danda’etti naan dhufa,” jedhee waada seenef.
“Sanbataa waare booda dhufeen haala kee ilaala ,” jette.
Yeroo hiriyaan isaa deemtu Guddataan gammachudhan guutame. Kun waanta inni tasumaayyu hin yaadne ture.
MUUZIIQAA CE’UMSAA
Kun Guddataaf hanga inni yaade ol ture, garuu inni barachuuf yaalu addaan hin kutnee. Ji’a torba boodaa horsiisa lukku jalqabuuf qarshii ga’aa garee Walgargaarsa biratti kuusate jira. Inni obbo Tolaa wajjin ta’uun mukaa fi funyoo bitudhaan mana lukkuuf ta’uu mana obbo Tolaa duubatti ijaaref.Guddaa hin turee garuu lukku sadiif ga’a ture.
“Kana hojjachuuf qarshii akkamitti argatte?” jedhee Obbo Tolaan.
“Anumatuu qusatte”, jedhe Guddataan. Gareen maal akka gochuu qabuu nabarsiisan. Wa’ee lukkuu wantiin beeku tokko hin jiru, garuu aaddee Alamin maal akka gochuu qabu nabarsiifte, Aniis nanbaradhe. Anis kutannoon qaba.”jedhe Guddatan.
Obbo Tolaan yeroo Guddatan akkanati seequ argee hin beeku. Nama qaroo hin qabneef hanqaaquu osoo hin cabsiin baachuun rakkisaa waan ta’eef aaddee Alamin ollaa, hiriyoota, fi namoota garee walgargaarsa keessa jiraan wajjin walbarsiisuun akka isaan gara Guddata dhufuun hanqaaqu bitataan taasifte. Garuu namootni tokko tokko dedebi’anii balbaala isaani rurukutaa turan.
Waggaa tokko booda lukkuun isaa lama du’an. Garuu Guddataan qarshii ga’aa waan qusateef lukkuu sadii deebisee bitate. Amma namoota hanqaaqqu barbaadaniif hanqaaquu ga’a qaba. Ofii isaafis kophee mofaa tokko bitatee, sababiin isaas yeroo sosocho’uu wantootni qara qabani fi dhagaan miilla isaa waan rukutuuf. Yoo hin deemu ta’e daldaala isaa foyyessu hin danda’u.
Akkuma garee walgargaarsa irra bareetti, Guddataan torbee torbeedhan qusaanno itti fufe. Bankii Hojii Gamtaa Oromiyaatti herregaasaa banachuun mul’ata isaa boruuf qusachuu ittifufe. Inni lukkuu eeguu qofaa osoo hin taane, omishaa lukkuu bay’iisuuf yaada. Innis abjuu galgala galgala barachuu qabaateera..
Kana booda qaroo waan hin qabneef sodaachuu akka hin qabne hubate. Namni qaroo hin qabnees ofjirraachisuu akka danda’u bare. Tarii hadha manaas argachuu danda’a! Isheen immo isaaf deggersa akkamiti!
Seenaan mucaa qaroo hin qabnee kun waggaa dheera dura yeroo jalqabuu , hangaam rakkisa akka ta’ee namni tilmaame hin jiru, ykn jireenyi abaarsa jedhamee gara eebbati akka jijjiramuu namni yaade hin jiru.Guddataan yeroo hunda wa’ee namoota baay’ee isaa gargaarani yaada. Isaan maatii isaa ta’uun , ollaa gaarii ta’uun fi booda obbo Tolaan gandatti geesse galmeessuun, fi aaddee Alamin akka mucaa isheetti kununsuun sadarkaa kanaan ga’anii jiru.
Garuu keessattu, jireenyi isaa kan jijjiramee yeroo hawaasani inni keessa jiraatu akkanni hir’ina qaamaa qabu yeroo fudhataniidha. Yeroo isaan biratti fudhatama fi gargaarsa argatee fi innis hawaasa keessatti nama bu’a buusu danda’u ta’ee argame dha. Yeroon hanguma deemu innis cimee hojjaachuun galii harkaa gara afaaniirra darbee jireenya foyya’aa jirachuu jalqabee ture.
Guddataan wa’ee namoota dandii magaalaa Adaamaa irra jiraatanii yaadu jalqabe. Innis isaan gargaaruuf murteesse. Hundaa caala namoota akkasii gargaarun fayyidaa qabeessa akka ta’e hubate.
Amma mul’ata haara qaba ture.