Guddataan du’a warra isaa kanaaf maal akka godhu hin beekne, garuu ollaan isaani isa gargaaran. Sirritti yaduufillee hin dandeenye, inni baay’ee gadde. Erga abbaafi haatisaa dhukkubsatanii irraa du’anii booda, ilmisaanii Guddataan immoo magaalaa keessa kadhataa oolee galee jaartii yommuu haatii fi abbaansaa dhukkubsachaa turan isa kunuunsaa turte sana waliin waggaa afur caalaa jiraateera.
Guyyaa hunda kadhachuuf jecha gara giddu gala bakka namni itti baay’atuutti deema. Guyyaan hundi isaaf adda adda. Dandii qaxxamuuruf ta’ee dhagaan akka hin rukkunef ofeeganno gochuu qaba. Keessattu konkolaachiiftoonni Taksii fi Awutoobisii nama qaroo hin qabne mitii warruma kaanifuu rakkisoodha. Yeroo tokko tokko namootni bakka inni taa’ee kadhatuu sanaa qarshii jalaa fudhatuu, ykn ijoollen cirrachaa itti darbatu. Guyyaa tokko namiichi hamaan tokko uleedhan rukutuun kophee isaa jalaa fudhate. Guddatan kanaaf yeroo hunda aara.
Guddatan akkuma guddachaa dhufeen, akkamitti akka jireenya isaa foyyessuu danda’u yaade. Innis gara wajjira gandaa deeme akka karaa irratti wantoota xixiqqoo gurguruuf eyyamsiifate. Inni wantoota akka softiii, karameela, mastikaa, fi waantota argatee hunda gurguruu jalqabe, garuu meeshalee kunnen argachuu fi to’achuun rakkisaa waan ta’eef kadhaatti deebi’uun dirqama itti ta’e.
Guyyaa tokko namni gaariin tokko bakkee Guddataan ta’ee kadhatuu dhufuudhan itti dubbachuu jalqabe. Maqaan isaa obbo Tolaa jedhama. Obbo Tolaan immoo sooreyyii magaalaa Adaamaa keessaa isa tokkodha. Yeroo hundayyuu, konkolaata ooffachaa bakka Guddataan dhaabbatee kadhatu sana biraan darbaa turan. Waa’ee Guddataa maatiisaaniitti erga himanii boodas, yeroo tokko tokko bultee nyaataa feestaaliitti fidanii kennaniifii dabru turan.
Gaaf tokko immoo, obbo Tolaan galgala irbaata booda yaada haaraa tokko miseensota maatiisaaniif dhiyeessan. Waa’ee gurbaa nyaata geessaniif sanaan lapheensaanii baay’ee akka raafamee fi bakkuma bultiillee yoo ta’e gargaaruu akka barbaadan, marabbaadhaan maatiisaaniitti himan.
Maatiinsaaniis dhimmichatti erga mari’atanii booda kutaa xiqqoo balbala guddaa seensa dallaasaanii bira mana waardiyyaatti aantee jirtu keessaa akka buluuf waliigalan. Guddataanis erga jaartii waliin jiraachaa ture biraa ba’ee booda achi yeroo dheeraa jiraataa tureera. Obbo Tolaan waa’ee haala Guddataan ittiin of danda’ee jireenyasaa waaraa itti fufuu danda’uu namoota tokko tokko waliin yeroo baay’ee mari’atu turan.
Mareedhuma akkasiifaa keessa, gaaf tokkommoo Gareewwan Ofiin Of Gargaarsaa baay’een magaalaa Adaamaa keessa akka jiranii fi yoo isaaniin qunnaman mari’atan gaarii akka ta’e dhaga’an. Calaqqeen ifa jireenya Guddataa gara fuulduraas achirraa madde.
MUUZIIQAA CE’UMSAA
Akka nama daldaalan milka’a ta’eetti Obbo Tolaan namumma salphaatti abdii kutatuu miti. Inni namoota akka Guddataa gargaaruuf abdii qaba. Qaroo dhabuu isaati kan rakko qabu. Namni kammiyyu carra hin kennuuf. Enyuutu isaa eega? Fulduraa isaaf abdii maalitu jira? Yoo qarshii kennef maal ittin hojjachuu danda’a? Inni mucaa gaari ture, garuu mana baruumsa dhaqee hin beeku. Inni wantoota tokko tokko sirritti lakka’u hin danda’u. Inni jireenya isaa ofii isaatin gaggessu fi daldaala ofii isaatti qabachuun garii akka ta’e oboo Tolaan Yaadan.
Guyyaa tokko hojjataan herregaa obboo Tola , obbo Biniyaam isaa waame. Ergaa nagaa ho’aa wal gaafatanii wa’ee hojii dubbatanii booda, obbo Biniyaam nama qaroo hin qabneef furmaatni jira jedhe.
“Guddataaf?”
“Eyyeen, Guddataf, garee walgargarsaa kan jedhamuu jira”
“Maal?” jedhee Obbo Tolaan, “ wa’ee NGO kan qarshii kennan sana?” …..
Lakki, dhaggeffadhu, jedhe obbo Biniyaam, “ Gareen walgargaarsaa namootni akkamitti akka ofiin of gargaaran barsiisa. Gareen hundii qusannoo mata isaani taasisu. Tarii namni tokko santiima 50 kafaluu danda’a. Kun waan bu’a qabuu hin fakkatuu garuu, na amanii bu’aa isaa argeen jira. Kun dhugaadha waan baay’ee fayyida qabeessadha.
“Akka daldaala keessa seenaniif qarshii homaa hin kennanii?” jedhee obbo Tolaan,
Obbo Biniyaam deebisee, “Lakkii, garichatuu murteessa. NGO hundii gargaarsa leenjii fi barsiisa adda adda kennu,” Jedhe. Akkamitti akka qarshii isaani qusataan, fi lenjii isaan barbaadan ni kennamaaf. Erga hiriyaa isaa waan bay’ee gaafatee booda, Obbo Tolaan murteesse. Kun waanta gaariidha. Dhiimma kanaaf Guddataan akka miseensa garee kanaa ta’uuf galmeesisuuf gara gandaatti deddebi’e. Garee kanatti miseensa ta’uuf waraqaa hedduu rawwachiisutu irra jira. Ta’uus fayyidaa garee wal gargaarsa erga baree duubatti deebi’uu hin barbaanne. Innis akkas jedhe, “namaaf akayii kennu irraa akkamitti akka qotee nyaata bay’ee argachuu danda’u barsiisutu caala” jedha.
Erga hojii waraqaa xumureen booda , Guddata gara wajjira gandaa fiduu akka qabu hubate. Ammi yeroo Guddataatti oduu garii himuudha.
Akka carraa ta’ee yeroo Guddataan gara garee walgargaarsa dhufu, itti gaafatamaan garee wal gargaarsa hin gammadne. “Akkamitti waan tokko ille hirmaachu dandeessa,” jedhee gaafate.
“Anii cimeen hojjadha. Waan ati nagaaffattu hunda nan hojjadha ,” jedhe deebise Guddataan.
Miseensi garee wal gargaarsa tokko, “kun dhimma cimaadha, akkamitti namni qaroo hin qabne nuwajjin hojjachu danda’a? Nutii kan as dhufneef qarshii siif kennuf miti.” Jedhe. Garee kana keessatti hojjachuu qabda. Mee ogummaa maalii qabda? Hojii kamiyyu hojjachuu dandeessa?
Garuu, dubartiin dullomtuun tokko, aaddee Alamiin Guddataa deeggaruun dubbatte. Kun Guddataaf cimaa ta’uus garuu gargaaru qabna jette. Isa jajjabeessu qabna, garuu manatti gallee itti yaaduu qabna. Hundi keenya sooressa miti. Nutii dhabbata gargaarsaa miti. Garuu hundii keenya cimne hojjanna, hundii keenya ni baranna, akkasumas ni guddanna. Booda karaa tokkon bu’a qabeessa taana. Guddataan nama qaroo hin qabne ta’uus inni akkanumatti hojjachuu maalif hin danda’u?
Kanafuu isheen Guddatan akka garee kana keessa miseensa ta’uuf amansiifte.
Xumura Kutaa Sadaffaa