Kutaa Lammaffaa

Dandiin baay’ee dheera fi awwara waan ta’eef deemuf rakkisaa dha. Obbo Qannoo fi aadde Jiituun wal-jalaa callisanii deemaa jiru; homaallee walitti hin dubbatan. Isaan gara kallattii Adaamaatti miillaan deemaa jiru malee sammuun isaani immoo kallattii meeqaa fi meeqatti faca’ee cinqamaa jira. Namootni isaan beekanis ta’ee firri isaanis dugda itti galan. Maaliif? Adeemsa guyyaa walakkaa booda dadhabaniirusii, beela’aniirus; miirasaanii kanammoo ijumaan wal mil’atanii waliigalan; callisni isaaniis achumaan baname. Gaaddisa muka guddaa Arbuu tokko jalatti aara galfachuufis waliigalan.
Abbaan manaas qaraxitii hiikee bixxillee fudhatanii ba’anirraa cabsee haadha manaaf kenne. Haati manaas qodaa bishaanii rarraafatanii deemaa turan bantee abbaa manaaf buuftee ofiifis buufatte, daa’imashees harma hoosiftee.
Innis akkas jedhe “Jiituu…. waanuma fedheefuu jabaadhu…. Maal akka taanu Waaqa tokkichatu beekaatii ykn Guddataan akkamitti akka jiraatus waaqumatuu beeka ….’’ Guddatan maal ta’a? Akkamitti hojjachuu danda’a? Jechoonnisaa garuu waan abdii mul’isan hin turre; garuummoo, ‘’ Dhiironni dubartoota caalaa cimoodha’’ isuma jedhamu mul’isuuf kan dubbatedha fakkaata.
Isheenis waliigalteeshee ibsuuf callisteedhuma yoo mataa olii-gad raafteyyuu, innumtuu abdii tokkollee akka hin qabne irraa mul’isa ture. Waanti isheen gochuu dandeessu yoo jiraate mucan ishee akka hin bonyeef sosobuu qofa.
Hamma humnasaniitti daddafanii deemanii yommuu itti cimusimmoo aara galfatu. Gara galgalaa yommuu aduun lixuutti dhiyaattuu, isaanis magaalaa Adaamaatti dhiyaataniiru.
Aadde Jiittunis haala jecha dadhabbii isa xumuraa adeemsa miilaa guyyaa guutuurraa madde fakkaatuun akkas jette. “Hamma ammaatti mala lubbuu keenya ittiin turfannun yaadaa ture,… ani mana namaa kamiyyuu keessa hojjechuu nandanda’a, atimmoo guyyaa hojii humnaa barbaaddattee hojjetta, halkan immoo waardiyyaa taatee mindeffamuu dandeessa ,’’ jette. “Yoo akkanatti hojjanne mucaa keenya nyaata nyaachisuu ni dandeenya.”
Innis, waan caalame fakkaatee yoo itti dhaga’ames akka jaalallee haaraatti ofitti butee dhungate. “Akkaataa atii abdii haara naaf kennitte naan jaaladhe. Haaluma ati jette kanaan hojjannaa.” jedhe. Isheenis “Waaqayyoo nu wajjin jira!” Achumaanis, akka nama annisaa haaraa argateetti adeemsasaanii itti fufan.
MUUZIIQAA CE’UMSAA
Jireenyi magaalaa Adaamaa hanga isaan eegani caalatti cimaa ture. Wantii hundi bay’ee mi’aa ture. Hanga danda’anitti yeroo dheeraf hojjachuu qabu. Addee Jiituun yeroo tokko tokko hojii kan akka mana namoota qulqullessu, ykn simintoo, cirrachaa fi bilookketti baachuu bakkee ijaarsatti ni argatti. Obboo Qannon immoo bo’ii bishaani qotuu, dallaa ijaaruu fi darbee darbee hojii wardiyyumma argata. Abbaan manaa fi haati manaa kun magaalaa keessatti da’oo pilaastikii xiqqoo tokko keessa jiraachaa guyyaa guyyaa hojii humnaa ciccimoo hojjechuudhaan yeroo dheeraa dabarsaniiru. Waanuma fedheyyuu yoo ta’e, jireenyi magaalaa qaroominaan jiraatamu, nama baadiyyaa akkasii sanaa dhufeef hammam rakkisaa akka inni ta’u hubachuun nama hin dhibu.
Wantii hundi magaalaa Adaama keessaatti isaanif haara fi rakkisa ture. Keessattuu qaroominni, ammayyummaan, malli qunnamtii, saayinsiifi teeknooloojiin. Yoo ta’es garuu, dheerina yeroo keessa xiqqoo xiqqoo itti madaqaa itti fufaniiru. Jireenyi yeroo dha gara yerootti itti cimaa dhufe. Isaan nama mucaa isaani eeguf barbaadanis namni mucaa qaroo hin qabne guddiffachuu barbaadu hin jiru. Namootni muraasni ulee fi dhagaa itti darbachuun ofiirra ari’an. Magaalaa san keessaa fira isaan gargaaru tokko ille hin qaban. Kanaafuu tokko isaani Guddata wajjin ta’uun isa eegu fi nyaata nyaachisu fi karaa irratti daandiin gaari waan hin taanef akka osoo inni hin gufatiin deemuf gargaaru. Guyyaa tokko Guddataan waan hin argineef bo’ii keessatti kufuudhaan baay’ee midhaame, garuu qarshii waan hin qabneef mana yaala gaarii geesssu hin dandeenye.
Haala sanaan Adaamaa keessaa gara waggaa saddeetii jiraataniiru. Carraasaanii ta’ee immoo, tibba tokko lamaansaanii dhibee cimaan qabamanii yeroo dheeraaf da’oo pilaastikiisaanii keessa ciisanii hafan. Yeroo roobni roobu immoo lolaan gutudhaan bakka jireenya isaani irraa dhangala’a. Lolaan waan isaan qaban hunda fudhate. Tibba sanattis jaartiin jireenyuma akkasaanii jiraattuu fi mucaasaanii kadhataa oolu sana hamm humnashee kunuunsituuf ollaasaanii turteetti. Manni baruumsa nama qaroo hin qabne waan hin fudhaneef, maatiin baasi hin baasan. Isaan akkamitti akka kadhachuu qabuu barsiisan. Yoo namootni gaariin qunnaman haala sanaan qarshii xiqqoo argata.
Tibbaa roobaa tokko obbo Qanno fi haati manaa isaani bay’ee dhukkubsatan. Guddataan matii isaa gargaaruuf yaale. Garuu isaan siree irraa gad bu’u hin dandeenye. Ollaan isaani gargaaruf dhufaan, garuu wantii gochuu danda’an hin ture. Dursa obbo Qannon boqotaan, halkaan tokko booda, hatii manaa isaas boqatte. Guddaatan qoftii qobaatti hafe.
Xumuraa kutaa Lamaffaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s