Kutaa Tokkoffaa
Obbo Qannoo fi aadde Jiituun maatiisaanii jireenyaan giddugaleeyyii ta’anii fi ganda baadiyyaa tokko keessa gargar fagoo jiraatan keessaa, godina Shawaa Bahaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatti dhalatan. Akka aadaa Oromootti ijoollee sirriitti nyaachisanii guddisuun sirriitti beekamaa dha. Haaluma sanaan, obbo Qannoo fi aadde Jiituunis soorattoota qabiyyeen badhaadhoo ta’an kan akka marqaa, caccabsaa, aannanii fi kanneen nyaataa hawaasa baadiyyaa qaroomina xiqqoosheerraallee fagaateefi barsiifatoota miidhaa-qabeeyyiin garmalee xaxame keessatti guddatan.
Yommuu umuriin obbo Qannoo waggaa 19 fi kan aadde Jiituu 17 ga’u, waliigaltee maatiisaanii lamaan gidduutti taasifameen wal-fuudhan. Walfuudhasaanii boodas bulchiinsi gandaa lafa qonnaa kenneefii. Isuma qotachaa mana citaasaanii keessatti jireenyasaanii itti fufan. Obbo Qannoo fi aadde Jiituun jireenya isaani gaggeessuf hojii cimaa hojjachuu qabu. Omishni isaan lafa sanarraa argatanis jireenyasaaniif haalaan ga’aa ture.
Akka amantaa maatiisaanii fi hawaasa naannawa sanaatti, hundaa’un gaa’ila booda daa’ima godhachuun waanuma akka dirqamaatti eegamudha. Dubartiin heerumtee da’uu baannaan ‘’Isheen gaangoo’’ jedhanii dhabdummaashee ibsuun waanuma baramedha. Kan nama gammachiisuu aadde Jiituun yeroo gabaaba keessatti ulfoofte. Matiin hundii ni gammadan! Garuu matiin kun ni rifataan, sababiin isaa mucaan isaani qaroo hin qabu ture.
Hawaasni nannoo sanaa kan amanuu, yoo daa’imni hir’ina qaamaa qabu dhalatee warri sun kan abaarame jedhaani yaadu. Kun immoo adabbii waaqati jedhu. Kanafuu Jireenyasaanii baadiyyaa isa rakkisaa sanatti dabalataanis, daa’imni isaan godhatan immoo rakkoo cimaa kan biraa wajjin dhalate. Daa’ima uumamaan qaroo hin qabne. Maatiin isaaniis, garmalee na’an.
Akka aadaa naannichaatti, yommuu daa’imni qaamaa hir’uun akkasii dhalatu cubbuu abbaa ykn kan haadhaa abaarsarraa dhufedha jedhamee amanama. Kanafuu hawaasni nannoo sanaa wa’ee rakkoo umaamee kanaaf mari’achuuf walga’ii waaman. Dhimmaa mucaa Obbo Qanno kan maqaan isaa Guddataa jedhamuu furmaata barbaachaaf hawaasichi mari jalqabaan. Kan nama gaddisiisu marii erga taasisani booda murtii lama murteessan. Tokkoffaan, lafa qonnaa jara sanaa bulchuuf itti gaafatama qoqqooddachuu yoo ta’u, lammaffaa immoo maallaqa hamma ta’e walitti buusanii isaaniin gara magaalaa Adaamaatti geggeessuutti waliigalan.
Jarri gara magaalaa Adaamaa deemanii maal akka hojjetan, jireenya haaraa akkamitti akka jalqaban, namni waan tokkoollee beeku hin jiru. Garuu waanti haa raawwatamu jedhame, isaaniin duuchaadhumatti cubbuusaanii fi daa’ima bu’aa cubbuusaanii ta’e qaroo hin qabne sana waliin ofirraa deemsisuudha.
Obbo Qannoo fi aadde Jiituun murtiiwwan sana diduuf mirga tokkollee hin qaban turan. Borumtaasaa barii obboroo utuu sinbirroon hin wacin namoonni muraasni ka’anii adeemsuma gabaabaa isaan geggeessanii biraa deebbi’an. Akka isaan ofirra hin deebineef dhokatanii ilaala turan. Erga Adaamaa ga’anii booda maal akka hojjetan, attamitti akka hojjatan namni beeku gonkumaa hin jiru. Garuummoo, duuchaadhumatti daa’imasaanii qaroo hin qabne waliin gara ummata isaaniif akka bosonaa fi qaroominaan badhaadhe sanaatti hari’atamaniiru – Adaamaatti.
Xumuraaa kutaa Tokkoffaa