Naannoo Oromiyaa Godinaalee Arsii, Arsii Lixaa, fi Shawaa Lixaa
Gahiinsi beekumsaa fi ogummaan qonnaan bultootaa qonnaa isaanii irraa bu’aa qabeessa ta’uu fi ta’uu dhabuu keessatti murteessaa dha. Kana hojiirraa oolchuuf, beekmsaa fi ogummaa qonnaa isaaniitiif barbaachisu addaan baasuun madda fi tooftaa ittiin babal’isan guddisuun dhimmaa xiyyeffannoo keessaa galuu qabu. Mootummaan Itoophiyaa “Tarsiimoo Misooma Qonnaan Durfamuun gara Industiriitti Ce’uu ykn ADLI” jedhuun gaggeeffamee, beekumsaa fi ogummaa misooma qonnaa guddisuuf tarkaanfii adda adda fudhatee jira. Haaluma kanaan, kolleejota leenjii fi baruumsa tooftaa qonnaa babal’isan 25 ol ijaaruun akka ogummaa fi beekumsaa qonnaa karaa qabatamaadhan guddisan gochuun hojii guddaa raawwateera. Koollejoonni kun Ogeessota qonnaa (DAs) 60,000 ol ta’an ogummaa qonnaa adda addaattin leenjisuudhaan gara hojiitti bobbaassanii jiru. Ogeeyyonni kun Itoophiyaa keessatti gandoota hundaa keessaatti ramadamaniiru. Ogeessota qonnaa kana irraa waanti eggamu, giddu-galawwan leenjii qonnaan bultoota (FTC) 15,000 gandoota keessatti dhaabuuf karoorfaman keessatti qonnaan bultootaaf ogummaa isaani akka qoodanii fi bu’a qabeessummaan qonnaan bultootaa mirkaneessuu dha.
Itti dabalaan, dhaabbileen beekumsaa fi ogummaa qonnaa uumuu fi yaaluurratti dirqama addaa qaban kan akka Dhaabbata Ce’uumsa Qonnaa (ATA) fi giddu-galawwan qorannoo qonnaa fi Yunivarsiitoonni qonnaa beekumsaa fi ogummaa qonnaa maddisiisuu, guddisuu fi babal’isuu keessatti gahee guddaa qabu. Dhaabbileen miti-mootummaa (NGOs) qonnaarratti hojjachuuf bobba’anis qooda guddaa taphachaa jiru. Akka fakkenyatti, oomisha garbuu biiraa irraatti xiyyeffachuun, dhaabbileen miti-mootummaa kan akka “EUCORD, fi Techno Serve” jiran godinaalee Arsii fi Arsii lixaa keessatti gargaarsa guddaa taasisaa jiru. Kunis daldaala oomishichaa fi gaali qonnaan bultootaa cimsuu keessatti ga’ee guddaa gumaacheera.
Oomishtoonni mosee garuu carraa akka oomishtoota garbuu biiraa hin qaban. Giddu-galli Qorannoo Qonnaa Hoolotaa fi Giddu-galli Mosee Idil-Adunyaa (CIP) sanyii mosee filatamoo ta’an uumuu fi raabsuu irratti hanga tokko aanaawwan murtaawoo godinaa Shawaa Lixaa keessatti ni hojjatu. Tajaajilli xiqqaan kun homishtoota Arsii fi Arsii lixaatiif immo hin kennamu. Daldaalli omisha moosees dadhabaa fi galiin qonnaan bultoonni mosee argatanis kan hangaa argachuu malaniin wali-cinaatti yoo ilaalan gadi’anaa dha. Akka kanaan, fedhiin mootummaa kan ogummaa fi beekumsaa qonnaan bultootaa akka waligalaatti guddisuu fi babaal’isuuf jiruu milkaa’insaa isaa waliin wal hin gituu. Dhimmaa kana irraatti qorannoon adda adda kan “ F & S fi Educans 2017” mata duree, “ Oomishtoota Qabiyyee Xiqqaa Jajjabeessu fi Gabaan Gahuu,” jedhu dabalatee taasifaamaniiru. Qorannoowwan kun gabaabummatti kan ibsan, bu’a qabeessumman qonnaan bultootaa, gahiinsaa beekumsaa fi ogummaa isaani irratti kan hundaawuu fi hir’ina beekumsaa fi ogummaa qonnaan bultootaarraa kan ka’ee faayidaan isaanii gadi’aanaa ta’u isaati. Keessattu qorannoowwan kun gahiinsa beekumsaa qoonnaa mirkaneessuu fi tajaajila gorsaa kennamu keessatti, qonnaan bultootni qabiyyee xiqqaa (qonnaan bultoota harka qal’eeyyi, dubartoota, dargaggotaa fi namootni hir’ina qaama qabaan) dagatamoo ta’uu isaaniiti.
Sirna barnootaa fi tooftaa leenjii qonnaa irratti warren kunnen gargaaruu qaban waan sagantaa giddu gala ta’e hin qabneef tajaajila leenji irratti isaan hirmaachisuu hin danda’an. Adeemsi Qonnaan bultoota fakkeenya ta’an bira deemuun muxannoo qoddachuu jedhuu qonnaan bultoota qabiyyee xiqqaaf hojjachuu hin dandeenye. Kanatti dabalee, agarsiifni giddu-gala qonnaan bultootaa (FTC) gahuumsa dhabuu fi fedhii dhabuun ogeessota qonnaa (DAs) akka qonnaan bultoonni qabiyyee xiqqaa tajaajila ga’aa hin arganne taasiseera.
Qonnaan bultoota hundaaf tajaajila kennuu fi fedhii omishaa fi omishtumma dabaluun wabii midhaan nyaata mirkaneessuu fi qonnaan bultoonni biyyaatti keessa jiran galii foyya’aa akka argatan taasisa. Mul’ata kana galmaan ga’uuf, akka waliigalaatti beekumsaa fi ogummaa qonnaa jiru haala diddu galeessa ta’een guddisuu fi babal’isuun barbaachisaadha. Keessattiyuu fooyya’insii armaan gadii kunneen, haala qonnan bultoota qabiiyyee xiqqaa ykn harka qalleyyi fooyyessuuf, sadarkaa gandaa, naannoo fi biyyolessatti taasifamuu qabu.
- Bu’ura leenjii fi sirna barnoota qonnaa kollejjota qonnaa (ATVETs) amma jiru keessa deebi’uu fi barnoota yaadaa fi qabatamummadhaan deeggaramee fi kan dhiyeesa gabaa of-keessatti qabate taasisuu,.
- Haamilee ogessota qonnaa (DAs) kakaasuu fi haala hojii mijaawaa kennuufidhaan, ga’ee hojii isaanitiin bu’a qabeessa akka ta’anii fi tajaajila giddu galeessa kennuu akka danda’an jajjabessuu,
- Tajaajila gahiinsaa amma jiru keessa deebi’udhaan tarsimoo haaraa qonnaan bultoonni fayyadamoo irraa ta’an baasuu fi raawwachuu,
- Dhaabbilee dhunfaa ykn tajaajila kaffaltiin kennammuu danda’u adda baasuu fi gara hojiitti akka seenan taasisuu, fi
- Ogummaa filatamoo fi tooftaa odeeffannoon ittin babal’atuu ykn walga’uu danda’uu kan akka midiyaalee adda addaattin: Fkn, (mobayilii, maxxansaa , dhageettiin (audio),fi viidiyo) dhimma bahuu ilaalcha keessa galchuun hojiitti hiikuu.
Fooyya’insii kun bu’a qabeessa kan ta’u, yoo yaadni isaa sadarkaa warra seeraa fi imaammata baassuutti (naannoo fi biyyolessa) fi hojii rawwachiisuutti (godinaa, aanaa, gandaa fi kkf ) giddutti xiyyeeffannoo keessaa galeedha. Kanarratti, yaadaa fi haala qonnaan bultoota qabiyyee xiqqaa ilaalcha keessaa galchuun tooftaa haaraa fi waan qabatamaan giddu gala uumuun hawwii jiru bu’a qabeessa taasisa.