Ayyoon beektuu dha
Haati dooktoroota
Kan piroofeseroota
Kan Injineeroota
Maal kana qofaree
Kan paayeletoota
Galaanni kee guddaa
Hunduu sirraa madda
Ati naaf jiraadhuu
Horii buliin jedha
Ayyoo guddistuu too
Harmee harmaa dachaa
Sittui naag qorichaa
Naa tarkaanfachiftee
Meeqatam riiqicha
Tokkolee sin caaluu
Eegaa rabbii tokkichaa
Galaankee hedduu
Umrii sif laatu
Fayyaa waliin dachaa!