Uummati Oromoo jaarraa tokko dura sirna gadaatiin ofiin of bulchaa ture.  Minilik Oromiyaa erga weeraree qabate (gabroomfate) booda garuu sirni gadaa hafee,waanjoo gabrummaa sirna nafxanyaa jalatti bitamaa ture. Egaa baroota sana keessatti uummati Oromoo aadaafi,dudhaasaa akka irraanfatu godhameera. Seenaansaas aguugameefi daguungorsamee barreeffamuudhaan eenyummaasaa akka irraanfatuuf cunquursaan guddaa irratti raawwatamaa ture. Amma garuu sabi guddaa kun mirga argateen, hayyooti seenaa Oromoo qorattan, seenaa dhugaa uummata Oromoo iddoo dhoksamee qotanii baasuudhaan barreesuuratti argamu.

Hayyooti qorattooti seenaa Oromoo dhimma kanarratti ijibbaata guddaa guchuurratti argamu.Kitaaboti seenaa Oromoos barreeffamaa jiru.Kabajamoota dubbistoota keenyaa! maxxansa keenya kana keessatti waa’ee seenaa uummata Oromoo keessumaa yeroo ammaatti jiraachuunsaa irraanfatamaa kan jiru seenaa Oromoo Raayyaa akka nuu ibsaniif biiroo aadaafi tuuriizimii Oromiyaatti hayyuu qorataa seenaa Oromoo kan ta’an, obbo Alamaayyoo Haayilee wajjin gaaffiifi deebii goone, kanatti aansinee isin dubbisiisna. Jalqabarratti yeroo hojii isaanii wareeganii waan nu hasofsiisaniif obbo Alamaayyoo Haayilee baayi’ee isaan galateeffanna.

Siifsiin:- Seenaan maali?

Ob.Alamayehu :- Seenaan ibsituudha. Ibsituu eenyummaa uummata tokkooti. Yaadanoodhas. Uummatni akkamitti akka jirate , Aadaa ,nageenyaafi,dudhaansaa kan kessati ibsamudha.

Siifsiin:- Seenaan dhugaafi dhara, dabaafi sirri qabaa?

Ob.Alemayehu: Eyyee qaba. Seenaan lammii ofiitiin barreeffamu dhugadha. Gariidhas. Akka carraa ta’ee uumattoota Afrikaa,Lattin Ameerikaa, Eeshiiyaa, Seenaan isaani kan barrefame, abootii humnaa, moototaafi namoota naanoo sana qoratanin barrefame. Ajeja mootota uummattoota sana gadi qabanii jirachisaa turaniin barreeffame. Hanga jaaraa 16ffaatti kan bareefame seenaa moototaa qofadha. Waayee gudinaa haawaasaa,waayee diinagdeesaa, hinibsan ture.Amantaadhanis walqabsiisanii kan ibsan yookin barressan(miitooloogii) baayedha.Montisski namni jedhamu Fransaayifi Awrooppatti jaaraa 18ffa miitooloojii seenattin barressuu jalqabe.Girikoonnis ta’e Chaayinoti kan barreesan amantidhan walqabsiisaniiti. Seenaan uumata Oromoos kan barreeffame gita bittoota sirnoota dabraniinidha. Seenaan Keenya dhalataa kenyaan hin barreeffamne.Kanaaf dudhaan keenya akka doofaa ta’etti busheessanii barreessan. Uummanni kun, siyaasaa kessatti akka hinhirmaane mataa gadii qabachisanii  akka abbaa biyaa hintaane godhan.

Barreessitooti sirnoota durii seenaa Oromoo dabsanii soobuma sana dhugaa fakkeessanii,barressuudhaan daguungorsanii,akka dhugatti fudhatan.Oromooti  Hindiraa dhufni,Madagasgaariraa dhufan jechuudhaan seenaa Oromoo daguungorsuu yaalu. Kan kana godhan gita bittootaata mootummoota Itoophiyaa dabran sana qofa osoo hintaane, Poortugaalootiifi, Awrooppaanooti kaaniifi waldaan Kiristaanaa Ortoodooksii Itiyoophiyaas, keessattuu waldaan Kiristaana Ortodooksii biyya Giriikki  Marqooriyoos, badii seenaa uummata Oroomoof gahee guddaa qabu.

Siifsiin:- Barreessitooti sirna mootummaa Itoophiyaa durii Oromoon eessaa dhufe jedhan?

Ob.Alamayehu:– “Bishaan keessaa bahanii weeraraanii biyya amma irra jiran hunda qabatan…” jechudhaan Oromoon siyaasa kessatti akka hin hirmaane golga guddaa godhan. Seenaan isaan barreessanis arabsoodha. Miidhaginaafi safu saba Oromoo hinibsan. Nama Gaalaafi hoori faanaa deemaa olu “ sabaa Tikaati” jedhu. Akka waan bu’aa loonittin hin fayyadmnetti, Akka waan aannan hin dhugnetti, Akk waan dhadhaa hin jaallanetti.Horsiisee bulaa ta’uusaa hojii tuffatamaa godhanii barreessaniiru.Seenaan kanaan dura barreessitoota sirnoota nafxanyaan barreeffaman seenaa dhugaan Oromoo ibsu mitti.

Siifsiin:-  Sabni tokko eenyumaan isaa kan madaalamu Afaanifi Aadaa isaattin, damee afur qaba.Seem,Kushifi Niiloo Saharadha. Oroomoon akka seenaatti isa kam kessatti,ramadamaa?

Ob..Alamaayoo:- Gara afaaniitiinis seenan hin barrefamne. Seenaan afaanii biyaalessaa kan ibsamu,Seemetikki,Kushitikii,Niiloo Saahaaratikifi Omootikidha.Sirnooti dabran sun afaanoota kana yoo ibsan, seenaan uummata guddaa (kush) ifa baha. Afaan Oromoo damee kush keessatti ramadama. Nubiyaa kaasee hanga Tanzaaniyaa  Arushaati afaan babaldhatee dubatamudha. Barreessitooti sirna nafxanyaa kana sodaa waayee kush kaasuu hin barbaadan. Warri gita bittoota sirna nafxanyaa imaammta loogii baafatanii  Oromoo offiraa dhoorguun sun ammas waan haafee hin fakaatu. Oromoon damee kushimmoo kan daangeffamu akka ji’oograafiitti 140 NL – 40LS ta’ee hanga naannoo Mombaasaa– Aruushadha.Akkasumas Tigrayirraa kaasee hanga walaka Keeniyaa Tanzaaniyaas dabalatee,qubatee kan jiraatu, afaan saba bala’aatti.

Afaan Oromoo, Afaan  daldalaafi dipiloomaasiiti. Hanga Jaaraa 17ffa kaabaa hanga kibbaatti dubatama ture. Biyya Keeniyati TV fi Raadiyooniidhaan tamsaasi sagantaa Afaan Oromoo jira.Mombaasaa keessa Oromoo Meeruu laga Xaanaa, Oromoo gara bahaa, Oroomoo Marawwaa,Oroomoo gara Turkaanaa, Oromoo Hiddi loolaa,cufti Kuushoota bahaa jedhamu.

Keeniyaa kessatti TVn Afaan Oromoo magaalaa Naayiroobiirraa tamsa’u sirritti tajaajila keenna jira. Ituu Walloo, Humbaanaa, Marawwaa, Oromoo Raayyaa Walloof abban Bookkuu Marawwoota.Ijoolleen Raayyaa Maccaafi Tuulamadha.Isaan kunniin naanoo Atibaraa irraa kaasee hanga naannoo laga Abayyaa jiru. Oromoon Umuruus, hanga Sudaaniitti jiru.Kanaaf kaabaan bahaa Afrikaa kan Oroomootatti. Afriikaa kabaa bahaa keessa, hanga jahaan Jaawwitti, gosa jahatu jiru. Kunniin hundi kushidha. Adduunyaa irratti hunda dura kan qaroome Kushidha.

Garuu qaroomnnni Kush Gibtsootaan saamame.Kuni seenaa keessatti  iccitii Gibtsootaa “Egyptian mystry” ta’ee beekama. Musseen mataansaa kush ture.Gibtsitti dhalate.Booda qaroomina Kush fudhatee Gibtsii keessaa uummata isaa dursee biyya isaa gara Israa’eelitti godaane. Iyyesuus Kiristoosis kanumara ka’uun amanta Kirstaanaa babalise. Innis bara dhalate haati isaa isa fudhattee gara Gibtsitti baqatte. Moototi Gibtsii Fari’oonoti kushootadha.Nabii Mohamadis dhaloota Kiristoos wagga 600 booda ka’ee,amantii Musliimumaa adunyaa Kushirratti babaldhise.

Miitoolooji Kushoota kessatti qarri Ijipshiyaan mistirii sagali. Qarrii sidaa warra qaalluu sagali.Bu’uurri waraanaa qarri sagali. Boorannii sagal waan ta’eef “saglan booranaa” jedhama. “Kudhan kan Waaqaati” jedhu.

pastedGraphic.png

Sifsiin:- Kun afoolaan jira. Erga afaan Keenya afaan hoojiifi afaan bareefamaa ta’ee, hammam fooya’ee?

Ob.Alamayehu:– Erga qubee kenyaan barreessuu jalqabnee gara waggaa digdamii afur ta’a. Qubee Kenyan akka nu ta’uuti barreesuu jalqabneera.Kanarra gahuuf wareegama heedduu kessa dabrameera.Guddina kana kessatti hirmaannaan lammilee biyya alaafi keessaa jiran  guddadha.Fakkeenyaaf Haajji Bakrii Saaphaloo qubee Afaan Oromoof ta’u uumuudhaaf qabsoo guddaa godhaniiru.Bara Gibtsooti Harar bulchaa turan abbaan isaaniis nama bekamaa turan.

Sifisiini:– Kanaa olitti seenan sirrifi seenaan dabsame jira jettaniittu Kun seenaa uummata Oromoo kessatti akkamitti ibsamaa?

Ob.Alamayoo:- Alaqaa Taayyeefi Atsime Giiyoorgis kanaan bekkamoodha.Fkn “ uumaan walaabuu baate” jecha jedhamu fudhatanii Oromoon akka waan Walaabu burqeetti hiikan. “Oromoon bishan kessaa bahe” jedhaniis barressananiiru. Safuufi aadaa Oromoo namni hin beekne akka isaan jedhan kanatti hubachuu  danda’a.Uumeen – seera.Uumeen Walaabuu batee jechuun, Walaabutti seerri tumame jechudha.Egaa barreessitooti sirnoota nafxanyaa kunniin heeraafi seera Oromoo waan hin beekneef dabsanii barreessan. “Oromoon bishaan kessaa bahe kanaaf qurxumi hin nyaane” jechuun qeequ.

Siifsiin:- Akka Oromtichaatti heerrii malii? Seerri hoo?

Ob.Alamayohu:– Heerri – Aadaadha (constitution) seerri – Dambii tumamu (law) uumeen Walaabuu baate. Walaabu burqaa seeraatti.

Oromoon Bakka lamatti akka qoodamu seeratu haroomsame.

Barii Aantuu – Baareentuu

Boroo Aanaa – Booranaa

Barri kun bara jaarraa 14ffa bara abbaa gadaa Gad’oo Galgalooti. Bara kanatti haaromsatu gageefame.Bara Oromaan heeraafi seeraan buluu jalqabedha.

Siifsiin:– Seenaan maliiratti bu’uureefata?

Ob.Alamaayyoo:- Senaan waan lammaratti bu’uureffata

  1. Dangaa naannoo qoorataan seenaa bira ga’uu danda’u irratti
  2. Ragaarratti. Fkn. Nama yeroo sana gochi sun yoo rawwatu arge.Ragaa

kitabootaa,sanadootaa, sidaawwaniifi, afoola uummataarratti bu’reffama.

Sifsiin:- Bu’uura kanarraa kaatanii hojii hojjettan irratti firiin hojii keessanii maal fakkaataa?

Ob.Almaayehu:- Seenaa sobaa barreessitooti sirnoota dabranii nuratti barreessa turanifi  gaafi uummata Oromoo deebisneerra.

  • Oromon jarraa 16ffa keessa Afrikkaa bahaa akka ture mirkaneessineerra..
  • Maddi keenyaa maalif akka barbadame ibsineerra .
  • Ummati kun bara kam akka gargar qoodame addaan baafanneerra.
  • Uummati kun jaarraa 5 ffa fi 6ffa  Itiyoophiya kessa akka ture ragaan agarsiifneerra.
  • Uummattooti fuula guraachaa,kibba  lixaa, jiraataa turan kan akka Beejjaa,Koonsoo,Afaar,Geedi’oo,Sidaamaa kkf yoo fudhanne kan gar gar qoodaman yeroo dhiyoo ta’uusaa miirkaneeffanneerra.
  • Karaa afaaniitiinis garaa garummaan yoo boodarratti dhufellee fakkeenyaaf Afaan Soomaalee, Afaan Oromoo waliin hamma tokko walfakkaata. Akkasumas, Haddiyyaan, Kanbaataan,tibba kan akka qoodaman hin eeramne. Garuu Afaan Oromoo wajjin walfakkaattii qabu.
  • Egaa kunniin hunda kitaaba seenaa uummata Oromoo hanga jaarraa 16ffaa barreessine keessatti ibsineerra.

.

Siifsiin:- Kayyoon ketaaba seena Oromoo hanga jaraa 16ffaa maal ture?

Obo.Alamaayehu:- Kaayyoon guddaa, kitaaba kanaa seenaan Oromoo essaa ka’ee eessa akka jiraataa ture ibsudha. Kun ammoo daguungora seena barreessitoota sirnoota dabraniif deebi kenuu qofa osoo hintaane,waan dhugaa ta’e barressuu Keenyadha.

Sifisiin:– Qabiyyeen kitaabichaa maalture?

Al.Hayile:- Dursi hidda lattiin Oromoo;

  • Qubsuma Oromoo kaabaa,Keessumaa Oromoo ta’aanii hidda isaanii kan hin beekne addan baafachuf
  • Qubsuma Oromoota kaabaa hanga kibbaa dhihaa, hanga bahaa jiru hidda walitti dhufeenya isaanii qorachuudhaan ibsudha

Fkn:- Daamaat,Walqoofi,Walloon, Goojjam kesssa

  • Garasuun – Tuutti ta’ee hiddi gadaa Ituudha
  • Walloo yoo qoratan, Raayaa. Rayyaa yoo qoratan Maccafi Tulama kessatti ramadama.

Booranni walloo keesa jira, Booranni kanaaf Oromoota isaan kaanirra gargar deeme.

  • Inni biraa qubsuma isaati. Maddi Walaabuu aadadhaan Oromoota hunda wal qabsiisa.Oromooti warri gargar bahan kunniin bara sana keessa achi turan.

pastedGraphic_1.png

Barreessitooti seenaa sirnoota dabranii,”Soochin Oromoo kaabaa gara kibbatti godhe, osoo ittifamuu baatee,silaa naanno amma irra jiraaturra dabree,Ertiraa ce’ee,galaana diimaa keessa gala ture”jedhanii kan barreessan tilmaama isaaniiti malee yaada (seenaa) Oromtichaa miti.

Wallitti bu’iinsa kaabaa keessatti Giraanyi Mahaammad amantii Musiliimaa babaldhisuuf Kiristaanota waliin lolli waraanaa godhame akka ragaatti fudhanna.Oromoon Raayyaas sababa kanaan gariin waaqeffataa (sirna gaddaa), garrin Musliima, gariin ,Kirstaan ta’ee, iddoo sadditi qoodame. Oromummaan Rayyaa amammoo, kuushoti kaabaa gara kibbaatti yeroo socho’an  iddoosaa durii irratti haafee, of ta’ee kan jiraachaa jiru,  hidda Oromoodha.

Sifsiin:- Tamsai’inni uummata Oromoo gara kabaa kun maal nuu eeraa?

Ob.Alamaayyoo:- Tamsai’inni uummata Oromoo, Afrikaa baahatti soochii kushidha.Dur durii weerara guddaatu Afriikaa bahaatti gagefamaa ture. Pershiyanotin , Griikoti, Roomanooti Tuurkoti Otumaaniifi Arabooti miidhaa guddaa qaqqabsiisaa turan.Sababa kanaan deemsi kush yeroo weerara sana kaabaarraa gara kibbatti deebi’e.

Musliimonniifi Kirstaanonni yeroo falmii weerara Giraanyii Mohamed, kushooti baayi’inaan kaabaarraa gara kibbatti gadi socho’an.Moototni kan akka Libnadingiliifi Galaawudiiyoosfaa wajjin  lola waraanaa heddu gaggessan.Booda Oromoon  werara kana ofirraa qolachuuf labsii duula waraanaa  “Dina baasaa!”jedhuun ka’uudhaan  weerartoota ofirraa faciisudhaaf qaween of gurmeessanii “ goosatti deebi’aa! Araddaa keetti deebi’i” jedhamee labsamee, soochi Oromoo durii kan bara haaromsaa sun  kaabaa kibbatti malee kibbaa kaabatti mitti.

Egaa akkuma kanaan bara sana soochiin uummata Oromoo kaabaa gara kibbaatti ture jechuudha. Bara mootichi Taklahayimaanot  Qaalluu ajjese, gara Booranatti deeman. Bara jara 17ffaa irratti,  muuda deemanii fudhachu eggalan.Kaayyoon adeemsa kanaa kessi Qaalluu barbachadha.Tibbi sun tibba aadaafi Afaan Oromoo irratti duulli adeemsifamedha.

Yeroo Kiristaanummaafi Islaamummaan itti duulan Oromoon Raayyaa bakka amma jiraataa jiru Tigiraayi ammaa kessati haafe. Nanoo Amaaraa kessaammoo Oromoon Kamseetti haafe.

Sifsiin:- Akka qorataa seenatti Oromoo Raayaa irratti wanti hojjettan jiraa?

Ob.Alamaayehu:-Eeyee.Oromon Raaya dhaloota Kushi. Duris,hardhas Rayyan Oromoodha.Raayyaan goosota gara kudhanii qaba. Abbaan Marawwa. Maccafi Tulami Marawa.Marawwi kun ammoo yeroo dubbii humtuufi rakkoon tokko naannoo isaanii irratti dhufu lolee kan deebisudha.Raayyaan Waajjiraatirraa hanga Hinxaallootti jira. Walakaan Raayyaa citee Ertira kess jera.Hogganaan uummata naannoo sanaa Bahira Nagaash Dorii kan jedhamu Oromodha. Ilmi isaa Yisaaq Doori jedhama.Yisihaaq Doorii kun dularatti du’e.Hoogganaan uummataa gara biraanimmoo Garaad Jiloo kan jedhamu Raayaadha.

Oromoon Raayyaa yeroo ammaallee hora Ashangeetti safuu qaba.Aadaansaas jira. Rayyaa ammallee roobi yoo dhabame, hora Ashngiti bahee roobni akka roobuf waaqasaa kadhata.

Raayaa nuf goosota Oromoo keessaa tokkodha. Rayyan bara jaarraa  17ffa keessa ofiin of bulchaa ture.Mootichi Raayyaa kan Kifla Iyesuus  jedhamu kalacha godhatee, Indartaa bulchaa ture.Rayaan of danda’ee hojii qonnaan kan buludha. Rayyan quufnaan kaabi quufe jechuudha.

One thought on “Seenaa Oromoo Raayyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s