Maaliif na sodaattee Narraa achi fagaatee!
Maalan sitti yakke Himadhu quuqqakee

Dhala kee hin ajjeefne amaanaa keehin nyaanne
Iccitii garaakoo hunda sin dhoksine
Jiidhas sirraa kutee qoonqoo sin gogsine

Simaafan jiraadha amma dadeetti koo
Maaliif na dhoksite maali ballessaankoo
Kan, nattii si ammeessee garaa asi jabeessee
Alaala nu dhabee wal nu kajeechise
Siif jedhee miidhamee haqas sirraa dhabe
Harkaaf miilla dhabee kufee isaan caccabe
Guutuuttini dhaladhe yeroon dooluutaa’u
Deemsa utuun fedhuu yoon callisee taa’u
Yoo namni dhaabatu an callisee taa’ee
Yeroo namni deemu kufee lafa dhayee
Narraa fagaachuu keen wanta hedduun ta’ee
Silaa beekaa tureen siif jedhee raa ta’e

Fagaattees deemteetta tulluu qaxxaamurtee
waa hunda hubattee hundumaas agartee
iddooke ganamaaf ammaas wal madaaltee
me kamtu gaariidha lachanuu ilaaltee

Deebi’uunke hin oolu iddoo kee duraatti
Durayyuu deemuunkee akkuma tasaatti
Miilli addaan fagaannaan yaanni ni tamsaati
Kanumaaf qophoofta yeroo keetu ga’e
natti fakkaataatii Me dafiiasbayi
kun sumaadha malee gaaddiduuyyuu mitii

Waatu natti mullata dukkanicha duubaa
Muka guddaadhamoo waan cittutii huuba
Lakiki guddaadhumaa waanuma mullatu
Moo ija kiyyatu sirriti hin hubatuu

Ooo lakki kanaan arge hun dhugadhumaa
Asaasee sokoksagarasii guungumaa
Shakkii tokkon qabu kunillee si;umaa
Garaa hin jabaadhu kottu dafiidhuma

Bu’uura ganamaa hundeekee kalleessaa
Hidda dhalootakee handhurakee keessaa
Oofanii si baasuun garaa na moogessaa
Dhageenyaan waayeekee qoradhee ogeessa

Natti mumullatta alkaniifi guyyaa
bay’een si dhebodhaa maluma naaf wayyaa
gurrakoo ol dhaabee yommuun dhaggefadhu
yaa’aa sagaleekee tokko hin dabarfadhu

Karuma ilaalee kuunnoo jechaan hafaa?
Moo na bukkee dhufnaan si hammadhen rafa
Jedhee yoon of gaaffu an ofuma kootii
Lakkaa fagoo miti atoo asuma kunootii

Bariituun ganamaa aduu isheen owituu
Gaaddidduukee fiddee yoo na dura ooftuu
Inumaan ilaala ijaa koo banadhe
yeoon dhiyaatteetti qaatan si argadhee
Yogguu aduun saafaa samidhaa bobawu
Dukkanni galgalaa iddoo jira hin sewu
Yommuu dukkanaawus gaafan taayee yaadu

Dukkanas yoo ta’e gaafa gurraacha’uu
Ifti akka bakakkaas yoo balaqqqeessa’u
Yeruusaa kabajuuf malee garuu hin darbaa
Anis kanumaafan osooman dhiphadhu gaaddidduu kee arga

By Amaanueel Guutamaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s